Get Mystery Box with random crypto!

Baachleet Angoo Gadhiisuuf Akka Jiran Beeksiisan https://www.v | VOA Afaan Oromoo

Baachleet Angoo Gadhiisuuf Akka Jiran Beeksiisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/baachleet-angoo-gadhiisuuf-akka-jiran-beeksiisan/6617235.html

Tokkummaa Mootummootaa keessatti komiishiinara olaanaa kan komiishiina mirga namoomaa kan ta’an Misheel Baachaleet, dhuma baatii Hagayya dhufuu marsaaan barri aangoo isaanii ennaa xumuramuu, aangoo komishinarummaa kan gadhiisan ta’u beeksiisan. 


Marsaa kan biraaf hojjachu hin barbaadu kan jedhan Baachaleet, odeeffannoo kanas sirna baniinsa kora 50ffaa kaawunsilii mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa irratti  dubbatan. Maaliif kun akka ta’e garu gad fageenyaan hin ibsiine. 


Walgahii sana booda tuuta oduuf Jeneevaa keessatti ibsa kennaniin sababaa dhunfaa isaaniif hojii akka gadhiisan ibsan.Murtoon koo kun dhiyeenya kana chaayinaa dhaquu koo hordofee qeeqa dhiyaatu waliin hidhata hin qabu jedhan. 


Gara Chaayinaatti imaluu isaanii baatii lama dursee marsaa lammataaf hojjachu akka hin feene barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarreesitti himeera jedhan. 


Ituun hojjachuu itti fufee Gutarrees kan jaallatu ta’u natti himeera.Garu sababaa dhunfaa kotiif gadhisuu akkan fedhu itti himeera.Anii dubartii umriin alfii keessa jiru miti.yeroo dheeraaf akkasumas hojii bu’a qabeessa hojjataa eegan ture booda, gara biyya kootii fi maatii kootitti deebi’uun barbaada. 


Waggoota dheeraaf  akka ministeeraatti, akka prezidaantitti, akka komiishiinara olaantuutti eegan hojjadhee booda, akkan yaadutti gara biyya kotti deebi’uuf yeroo isaa natti fakkaata jedhan.