Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 27.53K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 23

2021-02-18 23:32:20 Looltonni Somaaliyaa Leenjii Tika Nagaaf Eritraa Keessa Turan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5783677.html

Waraanni Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessaa ba'u fi baatilee dhufan keessa humnoonni gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaa lakkoobsaaan xiqaachuu ilaalchisee mootummaan Somaaliyaa Sodaa Al shabaab irraa qabuuf jecha dargaggota biyyatti kumaan laka’aman leenjii waraanaaf jecha gama Eertraatti ergatee jira . 


Humnoonni Somaaliyaa leenjiif biyya Turkii, Ugaandaa fi Jabuutii keessatti kan ergaman ta’us leenjiin inni Eertraa keessaa uummata jalaa dhokfamee akkasumas dhaaba basaasa biyyattiin waan geggeeffamuuf jecha adda jedhamee jira. 


Lammiwwan Somaaliyaa kanneen waraana ta'uuf filataman erga bara 2019 kaasee Ertraa keessatti Leenjiifamaa akka turan aangawoonni Somaaliyaa beeksisanii jiru.


Leenjiifamtoonni Somaaliyaa kun waraana Ertraa waliin humna mootummaa Federaalaa kan Itiyoophiyaa wajjiin looltoota Tigraay waraanan oduun jedhu kan mirkanii hin argannee  baatii Amajjii darbee marsariitii hawaasaa irratti maxxanfamee ture.


Ministeerri Odeeffannoo kan Somaaliyaa Osmaan Dubbe baatii Amajjii darbee looltoonni Somaaliyaa Ertraa keessatti leenjifamaa akka jiran mirkaneessanii garu Tigraay keessatti bobbaafamanii turan kan jedhu soba jedhan.


Angawaan Itiyoophiyaa kan maqaan isaanii akka ifa hin taane gaafatan waraanni Somaaliyaa leenjiif Ertraa keessa ture Tigraay hin seenne jedhan.


Lammiwwan Somaaliyaa kanneen firottan isaanii leenjiif Ertraa keessa jiran maal jedhu? Gabaasa guutuu caqasaa.






 
5.4K views20:32
திற / கருத்து
2021-02-18 07:22:36 Hanqinni Boba'aa Hojii Omishaa Danqee Jira: Qonnaan Bultoota 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5782476.html

Bulchiinsa naannoo Amaaraa naanoo magaalaa Baahir Daar fi iddoowwan kanneen biroo keessa qonnaan bultoonni jiraatan hanqiina Beenzinaan rakkoon isaan mudachuu dubbatanii jiru.


Qonnaan bultoonni kun bishaan jalliisiin kan oomiishan yoo ta'u Beenzinni dhabamuun oomiisha nu jalaa hanqiise jedhu.Kana malees rakkoon kun eega uumamee torbanneen darbuun ibsamee jira.


Waajirri daldalaa bulchiinsa naannoo Amaaraa haanqiina Benzinaa mudatee hordofee hojii seeraan alaa gaggeeffamu to'achuuf qophiin jalqabamuu ibsee qonnaan bultoonni haala adda ta'een akka argatn gochuuf yaaliin ta'a akka jiru ibsee jira
5.8K views04:22
திற / கருத்து
2021-02-18 00:59:50 Muddamni Daangaa Irraaa Sudaanii fi Itiyoopiyaa Gidduu Jiru Itti Fufe Jedhu Xiinxaltoonni 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5782236.html

Biyyoota hollaa gidduutti lafa irratti falmiin ka’ee ennaa jiru kanatti loltoonni Itiyoopiyaa daangaa qaxxaamuran jechuun Sudaan torban kana himattee jirti. Falmiin kun Masrii fi Sudaan dhiyeessii bishaan isaanii balaa irra buusa kan jedhan hidha humna ibsaa guddicha kan laga Abbayyaa ilaalchisee muddama jirutti dabalamee jira.  








Akka gabaasa Naba Mohiddiinitti Torban kana ministeerri dhimma alaa Sudaan Itiyoopiyaan lafa Sudaan irratti weerara kabajaan itti hanqate geggeessite kan ittiin jedhe, ibsa baase. Loltoonni Itiyoopiyaa Itiyoopiyaa, Kaaba gama dhiyaa fi daangaa sudaan gama bahaa irratti kan argamu daangaa naannoo al-Fashagaa qaxxaamuran jedhamee jira.  


Mootummaan Itiyoopiyaa weerara sana hin ganne, garuu Sudaan daangaa ceetee weerara ofii geggeessitu haa dhaabdu jechuun waamicha dabarseera. Falmiin al-Fashagaa yoo xiqqaate waggoota 50f kan ture ta’us, garuu baatii muddee keessa ennaa baqattoonni kurna kumaan laka’aman naannoo waraanaan raafame Tigraay irraa daangaa ce’uun gara Sudaan gama kibbaatti qaxxaamuran deebi’uun ka’e.  


Sudaan baatii Amajjii keessa xayyaarri waraanaa Itiyoopiyaa qabiyyee ishee irra balal’ie ennaa jettu, Itiyoopiyaan immoo l
5.7K views21:59
திற / கருத்து
2021-02-17 00:17:12 Proojektiin Gugiliin Afaan Oromoo Hiikuu Dandeessisu Ifa Tahe.

Gabaasaa guutuu caqasaa
~~~~~

➪@voaAfaanOromo
6.3K views21:17
திற / கருத்து
2021-02-17 00:17:05
Proojektiin Gugiliin Afaan Oromoo Hiikuu Dandeessisu Ifa Tahe  

Website: https://www.voaafaanoromoo.com/a/5780711.html

Dhiyeenya kana Afaan Oromoo Gugliin gargaaramuun akka danda'amuutti proojektiin hojiij gaggeeffame tokko ifa ta'e jira.


Hiikkaa jechootaa qofa otoo hin taane himaan ibsuu akka dandeessisutti tolfamee kan xumuramee yoo ta'u kanneen barreessuu fi dubbisuu hin dandeenyeef immoo sagaleen dubbatanii hiika isaa Kompuuta irraa sagaleen akka argatan gochuuf irratti hojjatamaa jira.  


Namoota walitti dhufuun fedha isaaniin hojii kana gaggeessaa jiran keessaa tokko Dr. Dabalaa Tasfaayee Gammachuu Yunivarsitii Dundee Iskotlaand, Yunaaytid Kingdam jiru irraa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.  


Gabaasaa guutuu caqasaa
~

➪@voaAfaanOromo
6.2K views21:17
திற / கருத்து
2021-02-17 00:06:57 Tokkummaa Mootummootaatti Ergamaa Dhaabbataan Mootummaa Itiyoophiyaa Haala Tigiray Keessaarratti Ibsa Kennan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5780658.html

Tigiraay keessatti uummata afaan balaa beelaa jiru gargaarsa dhaqqabsiisuudhaaf, mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbatoota gargaarsaa 53f eyyama eega keennee booda, dhaabbatoonni Tokkummaa Mootummotaa hedduun qophee imalaa fi ergamaa tahuu isaanii dubbi-himaa Tokkummaa Mootummootaa  wabii taasifachuudhaan, jaarmayicha addunyaatti gabaastuun VOA, Margaret Bashiir gabaastee turte.


Gama mootummaa Itiyoophiyaatiin, lammiwwan balaa beelaa qarqara jiran kana gargaarsi hatattamaa akka dhaqqabu gochuuf maal akka hojjeetaa jiruu fi dhimmoota dhiittaa mirga namoomaa fi ka biroo kanaan wal-qabatanii ka’an ilaalchisee, as VOA irraa, Alulaa Kebbedee Tokkummaa Mootummootaatti, ergamaa dhaabbataa Mootummaa Itiyoophiyaa – Ambaasaaaddar Taayyee Azqe-sillaasee waliin gidduu kana gaaffii fi deebii geggeessanii jira.  


Waraansichi Tigiraay keessatti geggeessameen wal-qabatee balaa namoomaa amma mudate furuuf tattaaffii qabatamaa yeroo amma gama mootummaaItiyoophiyaatiin godhamaa jira, ennaa ibsan,  


“Gama keenyaan kan haga ammaatti raaw’ataman, mootummaan cehumsaa yeroo dhaa yerootti miilla gad dhaabbataa, sadarkaa naannootti, sadarkaa aanaa fi gandaattis haga danda’ameefitti, caasaa isaa diriirfataa, qaamota nageenya uummataa eegan ijaaraa jira. Kun kan mataa isaa danda’e faayidaa uummata tasgabbeessuu qaba. Kana qofas otuu hin taane, dhiheessiilee bu’uraa dhiheessuu kanneen dandeessisan haalawwan uumamaa jiru.”  Jedhan.  


Dhiittaa mirga namoomaa, keessumaa miidhaa quunnamtii-saalaa wajjiin wal-qabate Tigiraay keessatti raaw’atamuu isaas Mootummaan Itiyoophiyaa adda-baafateeibsee jiru dubbatan. 






 
6.1K views21:06
திற / கருத்து
2021-02-12 23:23:14 Haalli Fayyaa Hoogganoota SIyaasaa Mana Hidhaatti Lagannaa Guyyaa 16ffaa Irra Jiranii Yaaddessaa Tahuu Dubbata, Gareen Ogeessota Fayyaa

Gabaasaa guutuu caqasaa
~~~~~~~~~

➪@voaAfaanOromo
10.2K views20:23
திற / கருத்து
2021-02-12 23:23:10
Haalli Fayyaa Hoogganoota SIyaasaa Mana Hidhaatti Lagannaa Guyyaa 16ffaa Irra Jiranii Yaaddessaa Tahuu Dubbata, Gareen Ogeessota Fayyaa  

Website: https://www.voaafaanoromoo.com/a/5776329.html

Qaallittitti lagannaa nyaata guyyaa 16ffaa irra kan jiran Obbo Jawaar Muhaammad’faa, beelli yeroo dheeraa dhukkuba kalee fi kan biroof isaan saaxilaa jira jedhe, gareen Ogeessota Fayyaa tola ooltumman haala fayyaa isaani hordofaa jiru.


Hogganoonni siyaasaa kunniin yaada isaani jijjiiranii akka midhaan nyaatan manguddoonni fi abbootiin amantaa irra deddeebiidhaan yaalanis itti hin milkoofne jedhame.

Gabaasaa guutuu caqasaa
~~~~~

➪@voaAfaanOromo
9.7K views20:23
திற / கருத்து
2021-02-12 22:37:29 Sababiin Godaansaa Walitti Bu'insaa fi Balaa Uumamaa Ta'uun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5776210.html

Bulchiinsa naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti baatilee darban 6 keessatti waltti bu'iinsaa fa balaa uumamaa dhaqqabeen namnii 310,000 miidhaaf saaxilamuun ibsamee jira.


Komishinarri komiishina hoggansa hojii sodaa balaa Obbo Gaantaa Gaaromaa akka jedhanti irra hedduun kan miidhaman walitti bu'iinsaa ta'u ibsanii Godiinaalee 11 Anaawwan 45, bulchiinsa magaalaa sadii fi aanaa addaa 4 keessatti sochii lafaa, loolaa bishaanii, Caama fi laftii citee garagaluun akkasumas balaa Abiddaa dhaqqabeen kanneen manaa fi qe'ee ofii irraa godaanan jiraachuu ibsan.


Manneen kuma sagal gubachuu isaanii fi mootummaan gargaarsa dhala namaa, Bayyanachisaa fi deebisanii dhaabuuf Qarshii Miliyoona Dhibba saddeetii fi Milioona soddomii ja'a baasuu komishinarichi beeksisanii jiru.
8.2K views19:37
திற / கருத்து
2021-02-11 19:23:42 Gaabbii Godaantota Itiyoophiyaa Yemen Jiraatanii
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/02/11/7e207370-c086-47d7-a91e-6ca125d828e2_48k.mp3
8.5K views16:23
திற / கருத்து
2021-02-11 19:10:58 Gaabbii Godaantota Itiyoophiyaa Yemen Jiraatanii
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5774439.html

Godaantonni lammiin Itiyoophiyaa Yemen jiran ammas rakkoo keessa jirraa jedhan. Gara biyyoota baha jiddu galeessaatti qaxxaamuruuf Yemeniin keessatti kan qabamnii hafan godaantonni kun nyaataa fi bakka bultii dhabanii rakkataa akka jiran himu.




Kanaafis Yemen Naannoo magaalaa Sana’aa keessa manneen nyaataarra deemanii nyaata kadhataa akka jiraatan himan. Godaantonni kun biyyatti deebiwuuf iyyannus deebii hin arganne jedhu.


Xaahir Faaris fi Toofiq Ahmed godaantota lammiin Itiyoophiyaa Yemen keessa jiraatani. Toofiq dargaggeessa ganna 25, Xaahir ammo reef ganna 20 akka guute dubbate.


Godina Jimmaatti dahalatanii ka guddatan dargaggoonni lameen kun godaansaaf erga biyya bahanii booda amma biyya Yemen keessatti rakkachaa jirra jedhu. Xaahir fi Toofiq silaa biyyaa kan bahan gara Saawudii Arabiyaa darbuuf ture.


Haa tahu male Weerara dhibee Kooronaa mudateen daangaan biyyootaa hedduun waan cufameef seeraan ala tawus karaa darbaa dhabanii lammilee Itiyoophiyaa kumaan lakkaa’aman duuka Yemen keessatti rakkataa jirra jedhu.


Xaahir ji’oota 12’n darban kanaaf daandii Sana’aarra waan nyaatu dhabee manneen nyaataarra deemee kadhadheen jiraachaa ture jedha. Haalli kunis ulfaataa akak ta’e hime.


Toofiq Ahmedis akkasuma, ganna lamaaf daandii Sana’aarra jiraate. Innis nyaataan ala bakki bultii dhabuun godaantota akak miidhe hime


Godaantonni kun lameenuu rakkoo kana keessatti qaamni nu gargaare hin jiru jechuunis dubbatu. Yemeniin gahuuf Toofiq fi Xaahir warra seeraan ala nama daddabarsuuf birrii Itiyoophiyaa kuma kudha sadii ol kaffalleerraa jechuun dubbatu. Darbanii darbanii maatii saanii bilbilaan akka wal argan, utuu karaa arganneemmoo biyyatti deebiwuu barbaannas jedhu.


Gara biyyatti deebiwuu feena haa jedhan male, Toofiq fi Xaahir, lammileen Itiyoophiyaa kumaan lakkaawaman kaan Yemeniin jiran biyyatti deebiwuuf karaa hin qaban. Qarshii harkaa qaban warra isaan biyyaa biyyatti dabarsaniif kennanii waan fixataniif ofirra deebiyanii galuu mitii waan nyaannee bullu hin qabnu jedhu.


Biyya lolli bara 2011 kaasee goolu Yemen keessa godaantota fi baqattoota Itiyoophiyaa Kuma hedduutu jiraa jedhama. Warra kana kan gargaaru dhaabbata godaansa Internaashinaal Organaayzeeshin for Maaygreeshin [IOM] jedhamuudha. Dhaabbanni kun ‘haga danda’e baqattoota fi godaantota kanaaf deeggarsa taasisaan jira jedha.


Oliiviyaa Heeden Yemenitti dubbi himtuu IOM. Rakkoo godaantonni himataniif deebii kenniteen, jaarmayaan IOM, Yemen keessa gatii nami hedduun gargaarsa fedhu jiruuf dhaabbatichi hunda gargaaruu hin danda’u jechaan dubbatte.


Garuu jette Oliviyaan, IOM godaantota addattii miidhaan irra gahe 34 ta’an Yemen naannoo Eden tti giddu gala takka keessatti kunuunsaa jiraachuu dubbatte. Warra miidhame jette kanaafis jaarmayaan IOM nyaata, tajaajila yaala fayyaa, bakka jireenyaa fi gargaarsa kaan kennaa akka


jiru eertee, warri kun booda yoo fooyya’an fedha isaaniin gara biyyasaaniitti geggeeffamuu jechuun dubbatte.


Warri Akka Xaahir fi Toofiq ka gara biyyyaa galuu fedhuufoo IOM maal yaade gaaffii jedhuuf, Oliiviyaan, IOM mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun sagantaa duraan dhaabate ka godaantota biyyatti deebisuuf karoorfame lafaa jalqabuuf akka jiru himte. Garuu balaliin xiyyaaraa Yemenii gara Itiyoophiyaa sababa weerara dhibee Kooronaa waan haqameef godaantota kana ammatti biyyatti deebisuun hin dandaa’amu jette.


Toofiq fi Xaahir garuu teenyee sagantaa san eeguurra yoo qarshii arganne balaaf saaxilamuu tahus bidiruun galaana Eden qaxxaamurree galla jedhu.
8.8K views16:10
திற / கருத்து
2021-02-10 23:22:52 Hidhamtoota Siyaasaa Lagannaa Nyaataatti Jiran Keessaa Kanneen Dhibamanii Hospitaala Galan Jiru: Abukaatoo

Gabaasaa guutuu caqasaa
~~~~~~~~~~~~~

➪@voaAfaanOromo
7.7K views20:22
திற / கருத்து
2021-02-10 23:09:21 Hidhamtoota Siyaasaa Lagannaa Nyaataatti Jiran Keessaa Kanneen Dhibamanii Hospitaala Galan Jiru: Abukaatoo 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dajanee-xaafaa-kanneen-hoospitaala-geeffaman-keessayi/5773151.html

Obbo Jawaar Mohammed fi hidhamtoota siyaasaa Qaalititti hidhamanii jiran kaan hanga har’aatti guyyaa kudha afurafaaf laganaa nyaataa irra ka jiran tahuu fi akka isaan midhaan nyaatan gorsuuf manguddoonni kaleessa achitti argaman osoo itti hin milkaahin deebi'uu isaanii, abukaatooleen hidhamtootaa VOAtti himanii jiran. 




Manguddooni kuniin, Laganaan nyaata kun balaa hamaa osoo hin dhaqabsiisin dura qaamolee mootummaa dhimmichi ilaalu waliin mari’achuuf ka yaada qaban tahuunillee himamee  jira. 


 Kaneen Qaalliittiitti laganaa nyaataa irra jiran keessa namoonni dhibamanii gara hospitaala geeffamanis jiru, jedhu abukaatooleen kun. 
7.5K views20:09
திற / கருத்து
2021-02-10 23:09:21 Bordiin Filannoo Biyooleessaa Paartilee Siyaasaa Waliin Marii Gaggeessee JIra
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5773259.html

Baatii Waxabajjii bara 2021 gaggeeffamuuf kan karoorfamee filannoo guutuu biyyaaf qophii gaggeeffamaa jiru irratti mariin dubbatee kana irratti waan haaraa jiru kan ilaaleen dura teessuun bordichaa Aaddee Birtukaan Miidhaqsaa hogganoota paartileef ibsa kennanii jiru.


Paartiileen siyaasaa hangii tokko KFO dabalatee  hogganoonnii fi miseensoonni keenya  hidhaa keessa waan jiraniif jechuun yaaddoo qaban ibsanii jiran.


Paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhiina dabalatee paartilee hundii haala jechuun danda'amuun marii kana irratti argamanii jiru
7.4K views20:09
திற / கருத்து
2021-02-05 00:15:44 Dhaddachi Obbo Jawaar Mohaammad’faa Si’a Sadaffaaf Dabarsame; Kol. Gammachuu Ayyaanaa Mana-hidhaa Duraan Turanitti Akka Deebi’an Murtaa’e.

Gabaasaa guutuu caqasaa

~~~~~~~~~~~~~

➪@voaAfaanOromo
12.7K views21:15
திற / கருத்து
2021-02-04 23:58:26 Dhaddachi Obbo Jawaar Mohaammad’faa Si’a Sadaffaaf Dabarsame; Kol. Gammachuu Ayyaanaa Mana-hidhaa Duraan Turanitti Akka Deebi’an Murtaa’e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5765638.html

Dhaddachi Obbo Jawaar Mohaammad’faa Si’a Sadaffaaf Dabarsame; Kol. Gammachuu Ayyaanaa Mana-hidhaa Duraan Turanitti Akka Deebi’an Murtaa’e 




Galmee Obbo Jawaar Muhaammad’faarra kanneen jiran irraa jecha amantaa fi waakkii dhaggeeffachuuf kan har’atti beellama kennee ture Manni Murtii Ol’aana Federaalaa dhadachi Lidataa ammas yeroo sadaffaaf beellama jijjiiramaa kenne.  



Jawaar Mohammad’faa fi Hoogganoonni ABO Lagannaa Nyaataarra Jiru, Jedhama 
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Mana-murtii Lidataatti, Obbo Abdii Raggaasaa Mana-murtii Sabbataatti Dhihaatan 


Himatamitooni laganaa nyaataarra waan jiraniif fayyaa guutuudhaan yaada isaanii ibsachuu akka hin dandeenye kan ibsameen wal-qabatee beellamni kun dabarsame, jedhama.


Midiyaaleen deemsa dhaddachaa gabaasuuf achitti argamanis  poolisiin dhorkuun gochaa sirrii akka ta’iin  hubachiisee jira.  


Gama biraatiin manni-murtii ol’aanaan, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, mana-hidhaa Qaallittii irraa bakka duraan ture Qilinxootti akka deebifaman murteessee jira. 
11.8K views20:58
திற / கருத்து
2021-02-04 23:58:26 Hojjettoonni Dhaabbata Piis Kroops Duraanii Dararaan Tigraay Keessaa Akka Dhaabatu Deggersa Ameerikaa Gaafatan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5765588.html

Dhaabbati Piis Kroops jedhamu kan Ameerikaa fi Itiyoopiyaatti ambaasaadderoonni Ameerikaa duraanii sadii walitti bu’iinsa naannoo Tigraay keessaa mormuu dhaan xalayaa mana maree bakka bu’oota Yunaaytid Isteetisiif barreessaniin lolli gamasii haalaan akkuma xiqqaataa adeemeen waraansi kan itti fufuu ta’uu isaa ofitti amantaan dubbanna jechuun akeekkachiisan. Xalayaan Associated Press-n dhaqqabe kun gargaarsi namoomaa Tigraayiin akka dhaqqabu seera tumtootaaf gaaffii dhiyeessuu dhaan tokkummaan mootummootaa dhiittaan mirga namaa gamasii akka galmeessamuuf naannoon sun sabaa himaaf banaa akka ta’u dhiibbaa akka godhu gaafata.  


Uummata naannoo Tigraay miliyoona 6 ta’uuf malli quunnamtii rakkoo ta’uu isaaf kanneen dhaaba kanaaf fedhaan hojjetan kan duraanii xiqqoo qofti hiriyoota isaanii gamas jiran arguu danda’niiru.  


Sodaa nageenyaaf jecha namoota waliin dubbachuu irraa kan of qusanne yoo ta’u mootummaan Itiyoopiyaa marii bilbilaa mara ni to’ata jechuu dhaan kan xalayaa kana qindeessuu gargaaran hojjettuun dhaaba peace corps duraanii Isabella Olson e-mail Associated Press-f erganiin beeksisaniiru. 


Mootummaan Itiyoopiyaa xalayaa kanaaf deebii hin kennine jedhan. Yaaddoon mootummaan to’annaa akkasii geggeessuu dhalattoota Tigraayii fi kanneen biroo Itiyoopiyaa keessaa erga walitti bu’iinsi sun jalqabee kaasee doorsisaa fi eenyummaa ofiin itti fuuleffatamuuf akka saaxilaman lammiiwwan hedduun dubbataa jiran.  


Lolli kun baatii afur qabatee ennaa jiru kanatti ajjeechaa, saamichaa fi manca’ina waaltaalee eegumsa fayyaa fi qonnaa fi manneen sagadaa irra ga’e addunyaaf ifa akka ta’u itiyoopiyaa irra dhiibbaan sadarkaa addunyaa irra kaa’amu dabalaa adeemee jira. Yaaddoo guddaan kan yeroo ammaa beela ta’uun illee beekamee jira.  


Mootummaan Itiyoopiyaa gabaasa haaraa gareeleen mormitoota Tiraay basan kan siivilonni 52,000 walitti bu’iinsa sanaan ajjeefaman jedhu fudhatama dhabsiisee jira. Mootummaan akka jedhetti ofii keenyaa siiviloonni hedduun du’uu isaanii hin argine jechuu dhaan namoonni meeqa akka du’an garuu hin ibsine. 
8.5K views20:58
திற / கருத்து
2021-02-04 23:58:25 Itiyoopiyaan Shakkamtoota Embasii Tokkummaa Emireetota Arabaa Finfinnee Haleeluuf Shiran To’annaa Jala Oolche Jette 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5765576.html

Itiyoopiyaan namoota 15 kanneen embasii tokkummaa emireetota Arabaa kan Finfinnee jiru irratti haleellaa raawwachuuf shiran to’annaa jala oolchuu isaa tajaajila tika nagaa maqaa dhda’uun sabaa himaan biyyattii gabaasee jira. 


Gareen kun namoota biyyootii alaa irratti fuuleffatuu irratti hojjetaa ture jechuu dhaan dhaabi presii Itiyoopiyaa gabaasee jira. Meeshaaleen lakkoobsi isaanii hin tuqamin, dhukaatotaa fi galmeeleen ennaa duula geggeessamee qabamuu dhaabbatichi  beeksisee jira.


Gareen kun ergama isaa dhaaa shororkeessota biyyootii alaa fudhachuu dhaan miidhaa hamaa qabeenyaa fi lubbuu namaa irraan geessisuuf qophaa’aa turuu beeksiseera dhaabi kun minisriin dhimma alaa kan tokkummaa emireetota Arabaa gabaasa ganaaf battala deebii hin kennine.  


Gareen shakkamu kan lammataa immoo gurmuulee diplomaasummaa tokkumaa imireetota arabaa biyya hollaa Sudaan keessaatti karoorsuu dhaabbati presii Ethiopia beeksisee jira. Tajaajilli tika nagaa Ethioa gita isaa kan Sudan waliin ta’uu dhaan dhimma shira kanaa ilaalchisee hojjetaa jira jedhameera. Angawoota Sudan biraa battala ibsi kenname hin jiru 
8.0K views20:58
திற / கருத்து
2021-02-03 07:48:55 Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Mana-murtii Lidataatti, Obbo Abdii Raggaasaa Mana-murtii Sabbataatti Dhihaatan  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/koloneel-gammachuu-ayyaanaa-mana-murtii-dhihaatan-/5762486.html

Miseensi hooggansa ol’aanaa ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana murtii ol’aanaa Lidataatti dhiyaatanii dararama mana hidhaatti irra ga’aa jiru mana murtiitti iyyatan, jedhan abukaatoon isaanii. 




Dhaddacha ragaa abbaa alangaa kaleessa dhaggeeffachuuf beellamamee ture abbaan alangaa ragoota isaa hin dhiyyeeffatiin hafuun ibsamee hanga guyyoota shanan  walitti aananii jiran jechuun hanga Jimaataatti akka dhiyeessuu danda’aniif manni murtii yeroo dabalataa kenneef. 


Gama biraatiin miseensa shanee gumii sabaa ABO kan ta'an obbo Abdii Raggaasaa mana murtii walii galaa Oromiyaa Sabbataatti dhiyaatanii Amajjii 28 bara 2013tti beellamamuu abukaatoon isaanii ibsaniiru.


 
9.1K views04:48
திற / கருத்து
2021-02-03 07:48:55 Hiriirri Deggersa Muummicha-ministaraa fi Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Keessatti Geggeessame 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5762441.html

Oromiyaa magaalaalee hedduu keessatti hardha hiriirri deggersa Mummee Ministeera Abiy Ahmadii fi Partii Badhaadhinaaf waamame geeggeefamee jira.  


Hiriira Magaala Adaama irratti qaamolee dinota Itiyooohiyaa ti, jedhan "ABO Shane, Abinii fi Barldaraas”  jechuun balaaleffatan. Qaamonni hiriirtonni balaaleffatan kunis deebii gama isaanii kennanii jiran.


Gabaasaa guutuu caqasaa






 


 
8.7K views04:48
திற / கருத்து
2021-02-02 00:00:24 Namoonni Uffata Keelloon Mana-murtii Deemanii Hidhaman Hundi Hiikaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5761097.html

Namoota Dhaddacha Obbo Jawaar Mahaammadifaa irratti hirmaachuuf uffata Keello uffatanii deemani Polisiin Finffinee hidhe ture hundaayyu Manni murtii sadarkaa duraa kan Lidataa gadi lakkisee jira


 Namoonni kuniin kan gadi dhiufaman wabiin akka ta'es odeeffanne jira. Namoota hidhaa sana turanii gadi dhifaman keessa takka kan taate Masarat Dhabaa Kennee, Muktaar Jamaal dubbisee jira. Haala itti qabaman ibsuun eegalti.






 
8.3K views21:00
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Prezidaant Joo Baaydin Waa'ee Godaantootaa Addunyaa fi Uggura Imalaa Ajaja Attamii Dabarsan?
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/02/01/d0fa606e-4fba-4d21-90b1-5f2febe81ba0_48k.mp3
6.6K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Prezidaant Joo Baaydin Waa'ee Godaantootaa Addunyaa fi Uggura Imalaa Ajaja Attamii Dabarsan?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760941.html

Prezidaantiin Yuunaaytid Isteetes Joo Baaydin waajiira akkuma qabataniitti guyyaa duraa imaammatni godaantootaa fi ugguurri imalaa biyyoota Islaamaa fi Afrikaa irra kaa’amee ka Prezidaantiin duraanii, Doonaald Traamp itti fayyadamaa turan akka dhaabtu ajaja dabarsan. 


Kana jechuun Amerikaafis ta'e godaantootaaf maal jechuu dha? kan kutaa Minesootaa magaalaa Seentpool jiraatan  Abukaatoo dhimma immigreeshinii fi kanneen biroo ka ta'an Obbo Israa'eel Gobanaa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.






 
6.4K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Tokkummaan Mootummootaa, Ameerikaa fi Kanneen Biroon Waraanni Maaynamaar Biyyattii Dhuunfachuuun Nu Yaaddesse Jedhu 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760857.html

Tokkummaan mootummootaa fi mootummoonni naannoo addunyaa hedduun waraanni Maynamaar biyyattii dhuunfachuu isaa ilaalchisee yaadda’uu isaanii ibsanii hoogganoonni siyaasaa akka hiikaman gaafatanii jiran.  


Dubbi himaan muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutereez ibsa kennaniin aangoo dhimma haqaa, seera tumtootaa fi hoji raawwachiisuu waraanatti dabarfamuun isaa akkaan yaaddoo uumuu ibsanii jiran. Jijjiiramni kun jijjiirama dimokraasii Maaynamaar keessaaf miidhaa guddaa dha jedhan.  


Ministriin dhimma alaa Antonii Bliinken Washingten keessatti ibsa kennaniin Ameerikaan uummata Maaynamaar kan walabummaa, nagaa fi misoomaaf hawwii qaban cina ni dhaabatti jedhanii humnoonni waraanaa tarkaanfii isaanii battala akka garagalchan gaafatanii jiran. Ibsi White House biraa kenname akka jedhutti Yunaayitid Isteetis ba’ii filannoo yeroo dhiyoo geggeessame jijjiiruuf yaalii ta’u kan mormituu fi ce’umsa dimokraasii Maaynamaaritti gufuu kanneen ta’an irratti tarkaanfii kan fudhattu ta’uu beeksisaniiru. Prezidaant Joo Baayiden illee dhimma kana irratti ibsi kan kennameef ta’us ibsichi beeksisee jira. 


Gamtaan Awrooppaa, Briteen, Awustraaliyaa, Hindii fi singaapoor martinuu haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.
5.7K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:55 Lammiiwwan Somaaliyaa Kan Keeniyaa Keessaa Ameerikaan Uggura Imalaa Kaasuu Isheetti Gammaduu Dubbatan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760833.html

Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen Keeniyaa keessaa prezidaant Joo Baayiden prezidaanticha duraanii Doonaald Trampiin kaa’amee kan ture uggura imalaa biyyoota irra jireessa musliimaa irra kaa’ame ka’uu isaatti gammaduu isaanii beeksisan.


Bakka bu’aa garee daldaltoota Somaaliyaa kan ta’an Omar Ahimed Noor akka jedhanitti sababaa Musliima ykn lammii Somaalee taate qofaaf gara Yunaayitid Isteetis akka hin deemne ugguramta. Sun amma ka’ee jira. kan haqaa ti, injifannoon kan biyyootaa fi addunyaa maraa ti jedhan.


Yunaayitid Isteetisitti jila keeniyaa kan turan Elkanaah Odeemboo uggurri sun barbaachisaa hin turre jedhan. waan hundee hin qabaannee ture garuu ni raggaasisan jedhan.  


Xiinsaltoonni naga eegumsaa hangi tokko garuu uggurri imalaa ku ka’uun shorokeessoni miliqanii akka seenan sababaa ta’uu mala jedhu. Namoota gaarii ta’aniif balbala banu kanneen gaarii hin ta’inis faana bu’uu danda’u jedhaniiru.  


 Barattootaa fi tuuristoota akkasumas namoota daldalaa dabalatee uummara  43,000 ta’antu sababaa uggura kaa’ameen Ameerikaa akka hin seenne ta’uu isaanii qorannaan bara 2019 keessa waaltaa Bernan kan dhimootii haqaa NY keessa jiruutiin geggeessame beeksisee jira. 
5.3K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:24 Haleellaa Hoteela Moqaadishoo Irratti Raawwateef Al-Shabaab Itti Gaafatama Fudhate 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760822.html

Haleellaa dilbata kaleessaa hoteela Moqaadisho irratti raawwatameen lakkoobsi namoota du’anii 15 ga’uu isaaf yoo xiqqaae kanneen 20 t’an madaa’uu isaanii dubbi himaan poolisii fi angawwoonni eegumsa fayyaa beeksisanii jiru.  


Kanneen du’an leellistoota haleellaa raawwatan afur fi  namoota 11 ka biroo ta’uu angawoonni naga eegumsaa beeksisaniiru. Haleellaa sanaaf garee al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate.  


Generaala waraanaa beekamaa fi gadamoojja’anii kan jiran Mohamed Nur Galaal fi namoonni cidha isaanii booda bashannana irra turan illee kanneen du’an keessaa ti.  


Kanneen cidha isaanii raawwatan sun biyya alaatii kan dhufan yoo ta’u hoteela sana keessa boqotanii turan. Reeffi isaaniis ganama barii naannoo sa’a sagalii kutaa hoteela sana eessaa argamuu eessummi dubartii ajjeefamtee Faraa Abdirhaman ibsaniiru.  


Haleellaan sun hoteela beekamaa Moqadishoo Afriik jedhu irratti kan raawwatame yoo ta’u boombiin konkolaataa irraa erga dho’ee booda hidhattoonni al-Shabaab kanneen Yunifoormii waraana Somaaliyaa uffatan biilsa sana weeraran.  


Kanneen haleellaa raawwatan keessaa sadii dhukaasa banameen yoo du’an tokko immoo boombii ofitti dhoosuu isaa kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsaniiru. Humnoonni  naga eegumsaa ennaa haleellaa sanaa namoota hoteela sana keessa turan hanga tokko oolchuun illee beekamee jira. kanneen du’a oolan irraa tokko kan ennaa leellistoonni sun hoteelicha weeraran achi ture odu gabaasaa VOA Abdifaki Yusuf Aden ture.  


Haleellaan dilbata kaleessaa kan dhaga’ame filannoon prezidaantii fi kan paarlaamaa boodatti harkifachuu isaaf kanaaf sababaa kan ta’e wal dhibdee siyaasaa hiikuu irratti marii fuuleffate geggeessuuf hoogganni ol aanaan biyyattii fi kan naannoo bakka wal ga’anitti ture.  haleellaan kun Yunaayitid Isteetis loltoota ishee 700 kanneen mootummaan al-Shababitti akka duulu gargaaruuf gamasitti bobb’an guutummaan gamasii ka baastu ta’uu beeksistee torbanneen hanga tokko booda. 
5.3K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:23 Komiishinerri Ol Aanoon Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Itiyoopiyaa Daawwatan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760789.html

Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanoon dhimma baqattootaa Filippoo Garaandii dawwannaa isaanii Itiyoopiyaa ilaalchisuun har’a tuuta oduuf ibsa kennuuf jiran. Komiishinerichi ol aanaan kun mooraa baqattootaa bakka baqattoonni eertraa keessa qubatan daawwataniiru.


Minsitrittiin nageenyaa Itiyoopiyaa Mufriyaat Kamiil fi minister Deetaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Reediwaan Huseen illee isaan waliin turan.  


Mr. Graandiin itti aanaa muummichia ministeeraa fi ministeera dhimma alaa Demmaqee Mekonnin waliin illee mari’atanii jiran.


Komiishinerichi gara Itiyoopiyaatti imaluu isaanii dura ajjeechaa ukkaamsanii butuu fi baqattoonni Eertraa dirqisiisamanii gara dhufanitti deebisamuu kan jedhu akkasumas dhiittaa mirga namaa yaaddessoo ta’an ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii jiran jechuun Addis Chekol gabaaseera. 
4.7K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:23 Itiyoopiyaan Haalli Tigraay Keessaa Tasgabbaa’e Jetti. Kanneen Ragaa Ba’an Immoo Yaaddessaa Dha Jedhu 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760814.html

Mootummaan Itiyoopiyaa naannoon jeeqamaan raafamaa turte Tigraay haala gaariitti deebi’uu isaa hojjettoota bulchiinsa Baayideniif dhuunfaan itti hiuun beekamee jira, garuu kanneen ijaan argan haaraan, lammiiwwan naannoo Tigraay kanneen sodaan guutaman manneen rasaasaan dha’amn keessaa fi naannoleen gandeen baadiyaa bal’aa daafoon lola sanaa maal akka ta’eef hanqinni nyaataa hagamii jiraachuun hin beekamne keessa dahatanii jiraachuu dubbatu jedha Associated Press.  


Malli ittiin wal argan addaan citanii jiraachuu fi jiraattonni haala gamasii bilbilaan dubbachuu kan sodaatan yoo tda’u, gaazixeessonni gamas akka hin seenne ugguramee jira. kanneen kumaan laka’amanis akka du’antu tilmaamama. 


Itti aanaa muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Demmeqee Mekonnin fi waahiloonni isaanii hojii waaltaa Atlantic Council kan hayyoonni irratti argamaniin qophaa’e irratti argamuun ibsa kennanii jiran. Naannoo Tigraay keessaa uummati miliyoona 1.5tti hedamaniif gargaarsi namoomaa kan dhaqqabe yoo ta’u baqattoota biyya hollaa irraa ta’an haalli isaan itti qabamanii jiran gaarii akka hin ta’in ilaalchisee himannaalee kijibaa fi kaka’umsa siyaasaa qaban ilaalchisees gadduu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaasee jira. hojjettoonni bulchiinsa Baayiden illee wal ga’ii sana hirmaachuus ibsee jira.   




 


Baqattooni sun loltoota Eertraa irraa dhufan kanneen humnoota mootummaa waliin humnootii Tigraay irratti duulaniin kan irratti fuuleffatamu yoo ta’u bulchiinsi Baayiden dhiibbaa irra kaa’uu dhaan saamicha, humnaan gudeeddii fi yakkawwan ka biroo tuquu dhaan Eertraan battala gamasi dhiistee akka baatu yaadachiisee jira.  



 


Bulchiinsi haaraa muudame kan Tigraay uummati miliyoona 4.5 ykn uummati naannoo sanaa guutummaa ta’u gargaarsa nyaata kan yeroo hatattamaa kan barbaadu ta’uu ibse hangi tokko beelaan du’uu jalqabuun gabaasamee jira.  



 
5.9K views20:50
திற / கருத்து
2021-01-30 07:26:07 Keeniyaan Walitti Bu’iinsa Somaaliyaa Keessaa Harka Hin Qabu Jette 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5757338.html

Keeniyaan torban kana walitti bu’iinsa mootummaa federaala Somaaliyaa fi kutaa Juublaand gidduutti uumamee namoonni 20 ol ittiin ajjeefaman tuqatte jechuun kan Somaaliyaan himatte haaltee jirti.




Somaaliyaan muddama siyaasaa fi sabatiinsi dhabamuu isaa keessaa harki hollaa ishee akka jiru cimstee dubbatti jedha gabaasi Mohammed Yusuuf.  


Dubbi himaan mootummaa Keeniyaa Cyrus Oguna Naayiroobii keessatti ibsa tuuta oduuf kennaniin biyyi isaanii muddama bulchiinsa Moqaadishoo fi kutaa federaalaa Jubland jiru waliin hidhata tokko iyyuu hin qabdu jedhan.  


"Ogunaan akka jedhanitti nuti akka biyyaatti dhimma siyaasaa keessoo kan Somaaliyaa keessa hirmaachuu isa jedhu akka hin simanne ifaa fi ifatti ibsuu barbaanna. Kanaaf hoogganni Somaaliyaa martinuu Keeniyaa gara dhimma isaanii keessootti harkisuu irraa akka of qusatan gaafanna.


Nageenyi akka bu’uuf dhiibbaa gochuu itti fufana, hoogganoonni Somaaliyaa keessaa martinuu walitti bu’iinsa jiru marii dhaan haala furuun danda’amu akka uuman gaafanna jedhan. 
8.6K views04:26
திற / கருத்து
2021-01-30 01:37:11 Poolisiin Finfinnee Namoota Dhaddacha Jawaar Mohammad’faa Daawwachuu Deeman Keessaa 80 Ol Hidhuusaa Dubbate
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/01/29/3f533dd3-ece5-4ae8-841b-2e568f352f5d_48k.mp3
7.5K views22:37
திற / கருத்து