Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 3

2022-11-19 18:31:17
Afaan Oromoo Telegram Channels list.
===================================
@bbcAfaanOromoo

@voaAfaanOromo

@fbcAfaanOromo
===================================
#Kan filannoo keessanii #join taasisa.
1.8K views15:31
திற / கருத்து
2022-11-19 06:35:11 Mootummaa Itiyoophiyaa Oromiyaa keessatti Uummata Hidhannoo Hin Qabne Irratti Haleellaa Gaggeessu Dhaabuu Qaba: Hiriirtoota
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hawaasni-oromoo-diiisiitti-hiriira-geggeessan/6840502.html

Dhalattoonni Oromoo as Waashington Dii Sii (DC0 fi naannawa ishee jiraatan, akkasumas, kutaalee Ameerikaa biroo irraa walitti dhufan Kamisa kaleessaa, Sadaasa 17, bara 2002 “haleellaa Oromiyaa keessatti uummata nagaa irratti geggeessamaa jira,” jedhan mormuun as Waashington DC, waajira ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis duratti hiriira bahanii jiran.


Qindeessitoota hiriirichaa keessaa ka Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan, Artist Abdii Nuuressaa, “Sababaan hiriira keenyaa haleellaa mootummaa Itiyoophiyaatiin, Oromiyaa keessatti uummata Oromoo hidhannoo hin qabne irratti geggeessamaa jiru akka addunyaan hubatu taasisuufi,” jedhan.


Mootummaan Itiyoophiyaa, lammiwwan nagaa meeshaa waraanaa hin hidhatiin yokaan Siiviloota irratti haleellaalee diroonii dabalee bifa adda addaatiin geggeessaa jiru akka dhaabuu fi badii lubbuu namaa irra gaheef akka itti gaafatamu, Yunaayitid Isteetis dhiibbaa gama ishee akka gootu hiriirtonni iyyannaa isaanii Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti dhiheeffachuu isaanii dubbatan – dubbatan, Obbo Abdiin. 


Himannaa hiriirtonni kaleessaa fi yeroo adda addaatti dhiheessan kanaaf  Embaasii Itiyoophiyaa irraa deebii argachuuf yaalaa jirra. Gama biraatiin garuu, himannaalee wal-fakkaatoo dhiheenya mootummaa irratti dhihaataa turaniif, aangawoonni mootummichaa deebii Sagalee Ameerikaaf kennaniin, humnoonni mootummaa haleellaan geggeessan hidhattoota “shanee” ittiin jedhan, kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan irratti malee uummata nagaa kam irrattiyyuu  ka xiyyeeffate akka hin ta’iin dubbatanii turan. 
3.3K views03:35
திற / கருத்து
2022-11-19 06:35:11 Dhalattoonni Affaar Ameerikaa Keessa Jiraatan Akkaataa Qabiinsa Baqattootaa Irratti Hiriira Bahan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6840508.html

Ertraa keessaa godaananii bulchiinsa naannoo Afaar keessa buufatanii kan turan Afaaronni naannoo galaana Dimaa ilaalchii fi gargraasii ga’an akka taasifamuuf hiriirri gaafatu kaleessa waajiira dantaa alaa fuula duratti ba’amee jira.


Itiyoophiyaa keessa naannoo Sardoo barhalee fi Asaayitaa keessa kanneen bufatanii turan godaantonni kun, kutaa sana keessatti walitti bu’iinsa tureen haala hamaaf saaxilamuu isaanii, kan dubbatan hirmaatonni hiriira kanaa, mootummaan Amerikaa godaantoota kana gara biyya sadaffaatti haala itti geeffaman  akka mijeessuuf gaafatan.


Tajaajiilli nyaataa fi wal’ansa fayyaa haala qubsaan dhiyaachu Dhaba irraa jireenyi godaantoota kanaa guyyaa gara guyyatati haala hamaa keessa seenaa akka jiran, seerii godaantootaa kan addunyaa hubatamee tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamuuf gaafatan.


Wal waraansii Itiyoophiyaa kaabaa erga jalqabamee as naannoo akka hamaatti barbada’an keessaa baqattoota Ertraa dheessan hedduun /buufata godaantootaa Afaar keessatti simatamuu isaanii ni yaadata jechuun waahilli keenyaafaan Amaaraa Habtaamuu Siyyuum gabaasee jira.
3.0K views03:35
திற / கருத்து
2022-11-16 19:40:45 Oromiyaa Keessatti Nageenyi Akka Bu'uuf Abbootiin Gadaa Qooda Isaanii Gumaachuu Qaban, Jedhame 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6833969.html

Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa furmaata waaraa akka argatuuf abbootin gadaa gumaacha irraa eegamu gochuu qabu jechuun Gamtaan Abbootii Gadaa Finfinnee ibseera. 


Akkaataa seeraa fi lallaba sirna Gadaatin nageenyi boora'e akka bakkatti deebi'u gochuuf Abbootin Gadaa qabatamaan hojii eegaluu qabu, jedhan  Abbootin Gadaa sagaleen Ameerikaa haasofsiise. Gamtaan abbootii gadaa Finfinnee rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti muudate fala barbaaduuf sochiitti akka jirus eerera. 
3.7K views16:40
திற / கருத்து
2022-11-14 22:44:58 Dandeetti Ingliffaa Dabaluuf Hojjatamaa Jira:Miniseera Barnootaa fi Itiyoo Teeleekom
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6833729.html

Ministeerri Barnootaa fi Itiyoo-telekoom waliin ta’uun sirna barnoota gama intarneetii weeb portaal  jedhamuun barattoonni sadarkaa olmaa daa’immanii irraa kaasee hanga kutaa 12tti tolaan Afaan Ingiliffaa akka baratan gargaaru eegalanii jiru.


Waltajjiin barumsaa teeknooloojii kun barattoonni meeshaalee toora interneetii namoota afaan dhalootaatiin qophaa’an irraa Afaan Ingiliffaa akka baratan kan dandeessisu ta’a. Ministirri barnootaa Dr Berhaanuu Negaa waltajjiin kun dandeettii afaan Ingiliffaa barattootaa fooyyessuudhaan rakkoolee ijoo sirna barnoota Itiyoophiyaa keessaa tokko ta’e furuuf kan gumaachu qaba jedhan.


Hojii gaggeessituun Itiyoo teeleekoom Firehiwot Tamiru akka jedhanitti, fayyadamtoonni waltajjii kanaa kaffaltii intarneetii tokko malee bilisaan akka itti tajaajiilaman ibsanii Itiyoo Teeleekoom tajaajila kanaaf ji'atti gara Qarshii biiliyoona 3.5 ni baasa jedhan.


Ministeera barnootaatti itti gaafatamaan kutaa Teeknooloojii Zalaalam Asaffaa akka jedhanitti, poortaaliin qophaa’ee kun, qabiyyeewwan sirna barnoota Itoophiyaa waliin qophaa’anii fi marsariitiiwwan madda barnoota banaa biroo irraa kan of keessaa qabu  jechuu isaanii, Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin gabaasee jira.
5.5K views19:44
திற / கருத்து
2022-11-14 20:12:54 Omiishnii Bunaa Gad Anaa Ta’uun  Drgommii Gama Gatiin Ta’u Irratti Dhiibbaa Geesisee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6833724.html

Itiyoophiyaa keessatti oomishnii bunaa heektaara tokko irraa argamu gad bu’aa ta’uu fi gatiin omishaaf ba’u dabaluun, biyyoota Buna gatii xiqqaan gabaaf dhiyeessan waliin dorgoomuuf rakkisaa ta’u  waldaan Buna biyya alaatti ergu kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.


Abbaan aangoo Bunaa fi Shayee Itiyoophiyaa gama isaan oomiisha Bunaa guddisuuf hojjatamaa akka jiru ibsee, omishinii waggaa waggaan dabalaa akka jiru ibse.


Waajiira kanaaf Daayreekteera kan ta’an Dr. Addunyaa Dabalaa RSAf akka ibsanti, waggoota dabran lamaaniif Bunni gara biyya alaatti ergame Tonii kuma 100 kan guddatee yoo ta’u, toora sana irraa galiin jiru harka 35 dabaluu ibsan.


Pireezidaantiin Waldaa Buna alatti erguu Obbo Dassaleny Jenaa RSAf akka ibsanti, buna Itiyoophiyaa oomishtummaa gadi aanaadhaan argamu, garuu baasii oomishaa ol’aanaadhaan oomishamu kanneen Buna biyya alaatti ergaa jiraniif bu’aa isaanii eeguuf gatii gurgurtaa olaanaa waan kennaniif, gatii gabaa buna addunyaatiin dorgomuu hin dandeenye jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Mediin Finfinnee irraa gabaasee jira.
4.7K views17:12
திற / கருத்து
2022-11-14 20:12:54 Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Ibsa Baase
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6833718.html

Koreen Giddugaleessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)marii fi waliigaltee mallatteessuu Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti gaggeeffame ilaalchisee ibsa isaa jalqabaa baasee jira.


Ibsa isaa kana keessatti, waliigalteewwan mallattaa’an hojiirra oolchuuf akkasumas hojjechuuf qophii ta’uusaa ibsee ABUT loltoota hin qabu, garu namoota waraana ummataa ta’uun of irraa ittisuu keessatti qooda fudhatan qaba jechuun hiika waliigaltichaa akeekee jira.


Ibsichi garuu, naannoleen poolisii fi kan nageenyaa irraa kan hafe waraana idilee qabaachuu akka hin qabne qajeelfama irratti jala sarare. Gama biraatiin gareen mormitootaa lama Tigraay keessatti socho’an Paartii Walabummaa Tigraay fi Arena Tigray waliigaltee kana irratti deebii kennuu isaanii Mulugheta Atsbahaa Mekellee irraa gabaasee jira.
3.8K views17:12
திற / கருத்து
2022-11-14 20:12:54 Amerikaa fi Tokkummaan Mootummootaa Walii Galtee Ajajoota Waraanaa Simatanii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/amerikaa-fi-tokkummaan-mootummootaa-waliigaltee-simatan/6833680.html

Yunaaytid Isteetis Walgahii Ajajoota waraanaa Olaanoo kan mootummaa Itiyoophiyaa fi humnootii Tigraay Raawwii Waliigaltee Naayiroobitti labsame hojiirra oolchuudhaan gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee seenuu fi diinummaan wal ilaaluuhaala dhaabbataa ta’een dhaabuuf tole jechuu isaanii simatanii jiru.


Raawwii waliigaltee Adoolessa 2, 2022 Pritoriyaa keessatti mallattaa'e caalaatti qabatamaa ta’u ibsuu bira darbee, qaamoleen waliigaltee Sambata dabree  keessatti tumsa fi dhaqqabdummaa gargaarsa namoomaa danqaa hin qabne akka ta’u haala mijeessuuf caalaatti waadaa galan jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Need Praayis.


Mootummaan Itiyoophiyaa bulchiinsa naannoo Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessatti gargaarsii danqaa tokko malee dhaqqabsisuu saffisiisuuf karaa jiran martii banamuu kanaan dura beeksisee ture.


Gargaarsii akka seenuuf ehamnii kennamee hojii irra oluu isaa akkasumas, waadaa cimaa gargaarsi namoomaa gara Naannoo Tigraay fi naannolee miidhaman kan Affaarii fi Amaaraatti erguun fedhii namoota baay'ee rakkoof saaxilamoo ta'anii guutuuf waadaa galan ni simannaa" jechuun Need Praayis.


Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaa, waliigaltee Naayiroobi keessatti mallattaa’e hojii irra oolchuuf, mootummaan tumsa gochuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’anii ibsaniiru.


Dubbi himaan ABUT Geetaachoo Redaas barbaachisummaa marsaa raawwii waliigaltichaa irra deebi’anii ibsaniiru. Wanti fuuldura keenya jiruu fi akkaataan itti qabnu fageenya hanga ammaatti imalamee caalaa, bu'aa guddaa qaba jechuun kaleessa Tiwiitara ofii irratti barreessan.


Waliigaltee sambata dabree ajajoota waraanaa olaanoo gam lameen gidduutti haalawwan hojiirra oolfma waliigaltee Dhaabbataa Diinummaa wal ilaaluu Dhaabuu diriirse barreessaa dureen Tokkummaa motummootaa Antoniyoo Gutarrees simatanii jiru.


Tokkummaan Mootummootaa adeemsa murteessaa ta’e kana deeggaruuf qophii ta’uu irra deebi’anii ibsan. Waliigaltee kana lammiilee nagaa lafa sana irra jiraniif fooyya’iinsa qabatamaa ta’etti jijjiiruuf, haala mijeessuun gargaarsa namoomaa fi tajaajiloota barbaachisoo ta’an saffisiisaan deebisuu dabalatee, hatattamaan gara fuulduraatti akka tarkaanfatan gaafatan.
3.7K views17:12
திற / கருத்து
2022-11-14 20:12:53 Dimookiraatonni Filannoo Walakkeessan Senetii Dhuunfatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dimookiraatonni-filannoo-walakkeessan-senetii-dhuunfatan/6833467.html

Kan Ripaablikaanonni mana maree bakka bu’oota uummataa fi Senetii dhuunfatu jedhame filannoo walakkeessa marsaatti hin milkaa’in hafe.


Lakkoofsi sagalee laka’ame kan boodanaa akka agarsiisutti bara 2023tti Dimookiraatonni yoo xiqqaate teessoo 50 Seenetii dhaaf qabaachuuf jiru.


Rippabilikaanonni  mana maree bakka bu’oota uummataa injifachuutti dhihaachaa jiru, garuu dorgommiiwwan tokko tokko beeksisuuf yeroon hin geenye jechuun odu gabaasaan VOA’n Arash Arabasadii gabaaseera.
4.6K views17:12
திற / கருத்து
2022-11-11 20:53:05 Godiina Gujii fi Aanaa Amaaroo Giddutti Araarri Bu’uun Gabaafamee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6830495.html

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa godiina Gujii fi bulchiinsa naannoo ummattoota gama kibbaa aanaa addaa Amaaroo  keessa rakkoon nageenyaa waggaa 6f ture  araarrii bu’e xumuramuu isaa, aangawoonnii naannoolee lameenii RSAf ibsanii jiru.


Araarrii bu’u isaan gammaduu isaanii kan ibsan jiraattonni aanaa Galaan fi aanaa addaa Amaaroo araarrii kun kan waaraa akka ta’uuf  hidhattoota uummata walitti buusuu jedhanii fi yakkamtoonni akka qabaman, kanneen waggoota dheeraaf godaananii tiranis akka qe’etti deebifaman gaafatan.


Bulchitoonni godiina Gujii dhiyaa fi kan Amaaroo humnootiin nageenyaa kan naannoo fi mootummaa Fedeeraalaa gareelee hidhatan irratti tarkaanfii akka fudhataa jiran ibsuun, kanneen jireenya ofii irraa buqqa’an deebisuuf kallattiin ka’amuu ibsan jechuun yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.


 
3.0K views17:53
திற / கருத்து