Get Mystery Box with random crypto!

Dr. Tedroos Adhanoom Marsaa Biraaf Muudaman https://www.voaafa | VOA Afaan Oromoo

Dr. Tedroos Adhanoom Marsaa Biraaf Muudaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588947.html

Dr.Tedroos Adhaanoon marsaa lammataa waggaa shaniif  Daayreekteera walii galaa kan Jaarmayaa fayyaa addunyaa ta’anii irra deebi’anii filatamuu isaanii dinqiisiifatanii jiran. 


Kan Kibxata kaleessaa isaan filatees biyyoota miseensoota dhaabata fayyaa kan Tokkummaa Mootummootaa walgahii Swiizerlaand keessatti walga’aniin ture. 


Kaadhimamaan ka biraan Dr. Tedroosiin dorgomuuf dhiyaate hin turre yeroo weerarrii vaayrasii koroonaa hammaateetti deebiin kennamaa ture sana waan ta’eef jedhamee jira. 


Dr. Tedroos lammii Afrikaa jaarmayaa fayyaa addunyaa hogganan kan jalqabaati ta’u fi ituu dooktoora waa’ee fayyaa hin ta’iin hojjataa jiran ta’uun ibsamee jira. 


Kana malees Dr.Tedroos  deggersa biyya isaanii kan taate Itiyoophiyaa kan hin qabnee fi wal waraansaa fi rakkoo gargaarsa dhala anamaa  biyyatti keessa kan ilaaleen qeeqa eega dhiyeessanii booda, waa’ee hoggantummaa Dr Tedroos irratti Itiyoophiyaan gaaffii kaasuun ni yaadatama.