Get Mystery Box with random crypto!

Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonn | VOA Afaan Oromoo

Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonnii fi Humnoonni Mootummaa Walitti Dhukaasuun  Himame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6617493.html

Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbii fi, Godina Qellam Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloo keessatti, humnoota mootummaafi hidhattoota mootummaan "Shanee" jechuun waamu, Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti har'a dhukaasni banamuu jiraattota keessaa dubbatanii jiran.




Haaluma wal-fakkaatuun naannoo Gaambellaa keessattis Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Waraana Bilisummaa Gaambellaa ofiin jedhan jidduutti dhukaasni banamuu jiraattota keessaa himanii jiru.


Dhimma kana ilaalchisee, dubbi-himaan Idil Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii, Waraana Bilisummaa Gaambellaa waliin tahuun Oromiyaa Lixaafi Gaambellaa keessatti opereeshinii addaa addaa geggeessee jira, jedhuuun VOAtti himan.

Mootummaan Naannoo Gaambellaa ammoo fuula sabaa-himaa hawaasummaa isaa irratti ibsa maxxxanseen, "Hidhattoota Shanee fi Waraana Bilisummaa Gaambellaa dhukaasa banan irratti tarkaanfiin fudhatamee jra" jedhee jira.