Get Mystery Box with random crypto!

Looltoota Keenya Godiina Walloo Kaabaa Keessaa Baafnee Jirra: | VOA Afaan Oromoo

Looltoota Keenya Godiina Walloo Kaabaa Keessaa Baafnee Jirra: ABUT 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6773924.html

Haleellaa guddaa gama Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti adeemsifamuu qolachuuf jecha, loltoota keenya kanneen bulchiinsa naannoo Amaaraa gama kibbaa keessaa turan baafnee jirra jechuun angawoonni Tigraay ibsa baasaniin beeksisanii jiran.Hojiin gamasii baasuu kunis guyyaa sadiif gaggeeffamu ibsaniiru. 


Tarkaanfii kana kan fudhannees, ofii keenya murteessinee malee  haala dirree waraanaa  sana irratti hundaa’ee miti kan jedhu ibsi kun, humnii yeroo baayyeef barbadeeffamee kun ammas  deebi’ee naannoo sanatti yaalii kan biraa ni taasiisa yoo ta’e  nagaan jiraachuu keenya tikfachuuf jecha yoom iyyu kallattiin kamiin iyyu kan deebinee seenuu dandeenyu ta’a jedhan ibsii ba’e. 


Angawaan bulchiinsa naannoo Amaaraa dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif akka ibsanti, akka jecha isaanti, riphxee looltonni ABUT magaalaalee hanga tokko keessaa kan ba’an yoo ta’u, wal waraansii hangi tokko naannootti akka jiru ibsan. 


Dirree waraanaa irra waan jiruu fi sochii looltootaa kan ilaaleen dhaabatii oduu kun madden walaba biraa mirkanii hin arganne. 


Itiyoohiyaa gama kaabaa seenuun akkaan ugguramaa ta’u fi Tigraay waggaa tokko caalaaf qunnamtiin irraa cite turuu isaas ibsee jira. 


Ertraan dhimmi kana keessa seenuun ishee biyyoota gama dhiyaa biraa balaaleeffannaa kan hordoofsisee yoo ta’u, walitti bu’iinsii kun karaa nagaan akka furamuufis gaafataa jiru jedha dhaabtii oduu Ajaans Fraans Preess.