Get Mystery Box with random crypto!

Qormaannii Kutaa Kudha Lamaa Yunivarsitiwwan Keessatti Kennan: | VOA Afaan Oromoo

Qormaannii Kutaa Kudha Lamaa Yunivarsitiwwan Keessatti Kennan: Ministeera Barnooraa 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6773952.html

Qormaannii guutuu biyyaa kan kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 yeroo jalqabaaf yunivarsitiwwan keessatti kan kennamuu ta’u ministeerrii barnootaa beeksisee jira. 

Manneen barnootaan ala Yunivarsitii keessatti akka kennamuuf kan barbaadamees, nageenya sirna qormaataa eegsisuuf akka ta’e kan ibsamee yoo ta’u, kana gochuufis Yunivarsitiwwan baasii qarshii Biliyoona tokko akka isa dabalsisuu hubachiise. 

Brana qormaata kanaaf kan ta’an barattoota kuma 900 fi kuma 76 ta’u Tigraayiin alatti tasgabii dhabiinsa biyyatti keessa jiruun barattonni kumnii 56 qormaataaf akka hin teeny ibsamuu isaa Gabra Mikaa’eel Ganra Medhiin Finfinnee irraa Gabaasee Jira.