Get Mystery Box with random crypto!

Mariin Wal-waraansa Kaabaa Itiyoophiyaa karaa Nagaatiin Furu A | VOA Afaan Oromoo

Mariin Wal-waraansa Kaabaa Itiyoophiyaa karaa Nagaatiin Furu Afrikaa kibbaatti Taasifamuuf Deema
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6776863.html

Wal waraansaa waggoottan lamman darbaniif mootummaa Itiyophiyaa fi ABUT gidduuttii taasifamaa jiru marii karaa nagaatiin hiikuudhaaf gamtaan Afrikaa gareewwan lamman Afrikaa kibbaa keessatti akka wal arganii maryyatan waamicha dhiheesuun isaa beekameera.


Dura taa’aan Komiishinii gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Mahaammat xalayaa Onkoloolessa 1 bara 2022 barreessaniin akka ibsanitti, mariachi kan qophaa’e prezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi gaanfa Afriikaatti bakka bu’aa addaa kan ta’an Oluuseeguun Obaasaanjootiini.  Prezidaantiin keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaataa fi tti aantuu prezidaantii Afriikaa kibbaa kan turan Fumziil Milaambo-Ngichukaa akka gargaartota Obaasaanjoo ta’an kan ibse xalayaan Muusaa Faakii Mohaammat, Wal ga’ichi bu’uuraawwan nageenyaa waarinsa qabeessa ta’e mirkaneessuu dhaaf gargaraan karaa qabsiisuu dhaaf akka ta’e beeksisee jira.


Mootummaan Itiyoophiyaa waamicha dhihaate kana fudhachuu isaa gorsaan dhimma nageenyaa Muummee ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasader Reeduwaan Huseen beekisisanii jiru. Ambaasaadeerichi waamichicha kana ilaalchisee roobii har’aa ergaa karaa fuulaa tiwuutariitin dabarsaniin booda, rakkinichaaf fala karaa nagaa barbaachuuf Mootummaan haal-duree kamiinuu malee akka mariidhaaf qophaawaa ta’e beeksisanii jiru.


Xalayaan gamtaa Afrikaa hogganaa ABUT kan ta’a Debretsiyoon Geberemikaa’el fudhaachuu isaanii amma ammaatii dhaabni isaanii akka hin mirkaneesine gabaasameera. Freed Haarter maddeen dipilomaasii Finfinnee keessa  jiran waabeffachuu dhaan akka gabaasetti, marii kana irratii taajjabdoonii Yunaayitid Isteets, gamtaa Awuroopaa fi Igaadiin bakka bu’an ni hirmaatu.