Get Mystery Box with random crypto!

Hojjatooni Gargaarsa Namoomaa Tigraayiin Seenuu Jalqabnii Jiru | VOA Afaan Oromoo

Hojjatooni Gargaarsa Namoomaa Tigraayiin Seenuu Jalqabnii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6776873.html

Dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa Steeffan Duhaariik ibsaa guyyaa kaleesaa kennaniin Hagayya 24 bara 2022 jalqabee kan dhaabatee ture wal-jijjiirraan hojjatootaa gargaarsa namoomaa Tigraay keessatti hojjatanii karaa naannoo Affaariin itti fufuu isaa ibsanii jiru.


Haali amma uumame kun tarkaanfii gaarii akka ta’e kan himan Steefan Duhaariik gargaarsa lubbuu baaraarsaa qaqqabsiisuu dhaaf balaaliin Xiyyaara gargaarsaa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa inni ergaa hagayaa 25 jalqabee dhaabbatee jiru akka jalqabu gaafataniiru.


Sababa wa-lwaraansi itti fufee jiruuf Tigraay keessati, akkasumas naannoo Amaaraa fi Affaar bakkeewwan bal’aa keessatti gargaarsa namoomaa akka raabsuun hin danda’ame hojjattooni gargaarsa namoomaa Tigiraay keessa jiran ibsuu isaanii Dubbi himichi beeksisanii jiru.


Amma Fulbaana 26-tti Tigiraay keessatti buufataaleen wal’aansa fayyaa bakka tokko irraa bakkaa biraatti socho’an 32 bakkeewwan buufatalee fayyaa fi buufataalee namoottan jiraanya isaanii irraa buqa’an 58 keessatti tajaajila kennaa akka jiran dubbi himichi ibsuu isaanii Maargareet Beesheer Jenevaa irraa VOA dhaaf gabaasteetti.