Get Mystery Box with random crypto!

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Haleellawan Oromiyaa K | VOA Afaan Oromoo

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Haleellawan Oromiyaa Keessatti Geggeessamuuf Mootummaan Fala Barbaaduu Qaba Jedha
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6867602.html

  Naannoo Oromiyaa keessatti Ajeechaan siviilota irratti raawwaata  jiru, midhaan qaama namaa irra gahaa jiruu fi qe’ee ofii irraa buqqa’uun tarkaanfii qabatamaa fi fala waara-qabeessaa ta’e mootummaa feederaalaa irraa kan barbaaduudhaa jechuudhaan ibsa guyyaa kaleessaa baaseen Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa hubachiisee jira.  


Akka lakkoofsaa Itiyoophiyaatti ji’a adoolessaa bara 2014 amma ji’a Sadaasaa bara 2015 keessaatti naannoo Oromiyaa bakkaa adda addaatti walti bu’iinsa fi haleellawwan raawwataman, akkasumas sababa kanaan kan ka’e sarbiinsaa mirga namoomaa raawwataman qorachaa turuu isaa Komoshiinichii ibsaa isaa kana keessati eeree jira.  


Bakkaawwan “walti bu’insii itti raawwatamaa turaanii fi itti raawwatamaa jiran” jechuudhaan galmaawan kan tarreesse ibsii komishiinichaa , wallagga bahaa dabalatee godinaalee adda addaa 10 keessa aanalee adda addaa jiran keessatii hordofii taasisuu isaa ibseera.  


Ji’a Adoolessaa bara 2014 kaasee amma Sadaasa bara 2015 ti bakkeewwan gabaasa isaa keessatti ibsaman keessatti namoonni nagaan dhibaan lakkaawaman garee hidhatootaatin  haala suukanneessaadhaan ajjeefamuu isaanii odeeffannoo argachuu isaa komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksiseera.  


Bakkaawan komishiinichi qorannoo  taasisee keessa namottan mootummaan akka ittiin of eggatan jechuudhaan meeshaa  hidhachiise, hidhattootaa bakka biraatii dhaqan warren “hidhatoota Amaaraa” jedhamanii naanno sanatti beekaman, akkasumas waraanni bilisummaa Oromoo akka socho’an gabaasnii komishinichaa ibseera.  


 Gareewwan hidhatanii socho’an kun alii umnoottan mootummaa wajjiin, alii immoo waliin isaanii wajiin lola taasisan keessatti sivilonii hedduun miidhamuu isaanii kan ibsee komishiinichii umnoottan nageenyaa mootummaas ajjeechaa akka raawwatan gabaaseera.  


 Akkuma kanaan, umnootan mootummaa hidhattootaa mootumaadhan morman deggertu jechuudhaan garasiif garaanaa seeraan ala akka ajeechaa raawwatan, ittu qulqulleeffannaa gahaa hin taasisin hidhattonii achii jiru jechuudhaa bakka namoottan nagaan jiran irraatti haleellaa xiyyaaraa taasisuudhaan, hidhaawwan seeraan alaa rawwachuudhaa shakkamtootaa gidiraa agarsiisuudhaa siviilota irratti akka miidhaa geesisan beekuu isaa ibseera.  


Bakkaawwan too’annoo hidhattootaa jala jiran keessatti sarbiinsa mirga namoomaa raawwataman ilaalchisee kan gabaasee komishinichii, “ mootummaa ykn garee hidhattootaa biroo deggertu ykn isin  haanga’oota mootummaati” jechuudhaan akka ajeechaa fi saamichaa raawwatan, akka dirqiidhaan kaffaltii maallaqaa jiraattotaa irraa fudhatan warren midhaan irra gahee fi maatiwan isaani irraa odeeffanno fi ol iyyannoo dhihaate irraa addaan baafachuu isaa beeksiseera.