Get Mystery Box with random crypto!

Muummichii Ministiraa Abiy Ahimad Gareewwan fi Namoottan Dhuun | VOA Afaan Oromoo

Muummichii Ministiraa Abiy Ahimad Gareewwan fi Namoottan Dhuunfaa Ilaalcha Finxaaleyyummaa Qabu Jedhan Balaaleffatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6868001.html

Muummichii Ministiraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad, guyyaa Sabaa fi Sab-lammootaa Itiyoophiyaa yeroo 17ffaadhaaf magaala Hawaasaa keessatti kabajamaa jiruu irratti namoottan hirmaatan kumaan lakkawamanuuf  haasaa taasisaniin gareewwani fi namoottan dhuunfaa ilaalchaa finxaaleyyummaa qaban namoottan nagaa gatii kaffalchiisuudhaan bu’ii siyaasaa Argachuuf yaalaa jiru jechuudhaan balaaleffatani jiru.


Muummichii ministiraa kan kana jedahn, yemmuu hookkorri godinaalee wallaggaa keessaatti dabalaa deemaa jiruu fi yemmuu partileen siyaasaa fi dhaabbileen hawaasaa gara-garaa mootummaan tarkaanfii atattamaa fudhatee akka walti bu’insichaa dhaabuu qabuu gaafachaa jiranitti akka ta’e Yoonaatan Zebdiyoos Awaasaa irraa gabaasera.


Wali galtee nageenyaa walwaraansaa Kaaba Itiyoophiyaa irratti taasifamee fiixaan baasuudhaaf mootummaan isaanii waan danda’u hundaanuu akka sochoo’a jiru kan ibsan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, nageenyaa Itiyoophiyaatiif ta’e nageenyaa Afrikaatiif lammiilen biyyatii akka tokkummaadhan dhaabatan waamichaa dhiheessun isaanii gabasameera.


Walti bu’insaa godinaalee Wallaggaa keessatti dhihenya kana taasifamaa jiru irrati amma ammaatti mootummaan ifatti wantii jedhe hin jiru.