Get Mystery Box with random crypto!

Walii Galteen Nageenyaa Irra Ga’ame Hookkara Naannoo Tigraay H | VOA Afaan Oromoo

Walii Galteen Nageenyaa Irra Ga’ame Hookkara Naannoo Tigraay Hir’isee Jira: Ministrii Dhimma Alaa Ynaayitid Isteetis
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6879441.html

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteeytis Antony Blinken kaleessa akka jedhanitti, walii galteen nagaa Itiyoophiyaa hookkara Tigraay keessatti mudatu hir’isuu, gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu fooyyessee, tajaajilli deebi’ee akka kennamu taasise jechuun kaleessa dubbataniiru.


“Miidhaan namoomaa kana booda raawwatamaa hin jiru” jedhan. Xumura wal ga’ii hoggantoota Ameerikaa fi Afrikaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Blinken walga’ii biyyoota lamaanii muummicha ministraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi jila isaanii waliin taasisaniin, humnoota Eertiraa ofi rraa baasuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti mari’achuu isaanii hubachiisaniiru.


''Dhiphinni akka hiri’atu gochuuf amma bu'uura gaarii qabna garuu ammallee dadhaboo waan ta'eef hirmaannaa yeroo hunda akka gaafatu hubachiisaniiru


Hogganaan Ityoophiyaa kun, preezdaantii garee Baankii Addunyaa, Deeviid Maalpass waliinis mari’ataniiru. Ministrii dhimma alaa Blinken wal dhibdee Ruwaandaa fi Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo gidduu jiru akkasumas dhaabbati waraanaa dhuunfaa kan Raashiyaa Waagner Afrikaa keessa jiraachuu isaa irrattis mari’ataniiru.