Get Mystery Box with random crypto!

Uummati Kuma Hedduun Oromiyaa keessaa Qe’ee Irraa Buqqa’aa Jir | VOA Afaan Oromoo

Uummati Kuma Hedduun Oromiyaa keessaa Qe’ee Irraa Buqqa’aa Jira: OCHA
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6879444.html

Lixa Oromiyaa keessaa lammiiwwan nagaan kuma dhibbaan laka’aman manneen jireenyaa isaanii irraa buqqa’uu isaanii OCHAn beeksisee jira. Tokkummaan mootummootaa akka ibsetti buqqaatonni hedduun gara naannoo Amaaraatti yaa’aa jiru jedhee jira.


Uummati miidhaan irra ga’e naannoo Oromiyaa keessa naannoo wayaawaa keessa qubachuu qofa utuu hin taane, guyyoota sadii hanga shanii miillaan erga deemanii booda gara naannoo Amaaraatti galan jechuu dhaan OCHAn gabaaseera. Baatii muddee walakkesssa irra namoonni 10.000 ol buqqa’uu isaanii ibsee jira.