Get Mystery Box with random crypto!

Namoottan Hedduun Sudaan Keessaa Baqatan Magaala Matammaa Seen | VOA Afaan Oromoo

Namoottan Hedduun Sudaan Keessaa Baqatan Magaala Matammaa Seenaa Jiru 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/namoonni-sudaan-keessaa-baqatan-magaala-matammaa-seenaa-jiru-/7065777.html

Walwaraansaa Sudaan keessatti itti fufee jiruu jalaa namoottan baqachaa jiran karaa kaabaa itioophiyaa magaalaa Matammaa  seenaa jirachuun isaanii beekameeraa. Bulchiinsa Naannoo Amaaraatti bulchaan godinaa lixa Gondor Obbo Bisik Werqee, Lammileen biyyoottan alaa Magalaa Kaartuum irraa ka’anii karaa Gallaabaatiin daangaa Ityoophiyaa seenaa jiran akkaataa seeraa qabeessaa ta’een akka seenaanu, akkasumas nageenyaa isaanii eegudhaaf akka gargaarsii taasifamaa jiru sagalee Amerikaatti himanii jiru. 


Haanga’oonni naanoo fi dhaabileen gargaarsaa namoomaa, namoottan kanaaf bakka boqonnaa mijeessaafii akka jiran bulchaan godinichaa kan ibsan yemuu ta’uu , namoottan ijaan argan akka sagalee Amerikaatti himanitti Konkola’attonni 100 ta’an lammiiwaan biyyaa alaa fe’anii daangaa Ityoophiyaa seenaa jeraachuu isaanii ibsaniiru. 


Jiraataan magaalaa Matammaa tokko bakkaa Matammaa Yohaanis Jedhamuutti lammiilee Sudaan warren walwaraansaa baqatanii Ityoophiyaa seenan hedduu arguu isaanii akka sagalee Amerikaatti himan Asteer Misgaanaawu Baahirdaar irraa gabaasteetti. 


Karaa biraatiin, Lammilee Ityoophiyaa biyyoottan bahaa Afrikaa keessaatti hidhamanii jiran mana hidhaatii baasisuudhaan gara biyyaatti deebisuuf hijjachaa akka jiru mootummaan Ityoophiyaa ibsee jira. Hojii barbaachaa jechaa yemuu garaa Afrikaa kibbaatti imalaa jiran karaa irratti qabamanii mana hidhaa biyyoottan baha Afrikaa adda addaa keessa jiran namoottan 9,000 ta’an biyyatti deebiisuudhaaf sochiin akka jalqabamee Ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa Ergooge Tesfaayee ibsaanii gabaasamera. 


Namoottan kun kan hidhamanii jiran Taanzaaniyaa, Zaanzibaari fi biyyootaa baha Afrikaa biroo keessaatti akka ta’e kan ibsan Ergoogee Tesafaaye biyyootaan lammiileen Ityoophiyaa kun keessatti hidhamanii jiraanuu wajjin mariin taasifamaa jiraachu isaa ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, biyyii Sa’udii Arabiyaa lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraa qabeesaa ta’een biyyaatii keessatii kan hojjachuu danda’an qacaruu jalqabuu ishee ibsii ministeericha irraa bahee kan beeksisee yemuu ta’u, hojjataootaa kana qacaruun waligaltee bara 2019 biyyoottan lamman giduutti taasifamee irratti hundaa’uudhaan akka ta’e gabaasini kenedii Abaatee Ibsee jira. 


AM/KA/BD/DHW