Get Mystery Box with random crypto!

Deemsi Marii Nagaa Mootummaa Ityoophiyaa fi WBO Gidduutti Jalq | VOA Afaan Oromoo

Deemsi Marii Nagaa Mootummaa Ityoophiyaa fi WBO Gidduutti Jalqabamee Jira 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7065765.html

 Sochiin marii nageenyaa Mootummaan Ityoophiyaa fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo giduutti taasifamuu kibxataa har’aa biyya Taanzaaniyaatti jalqabuun isaa gabaasamee jira. Marii kanna irraatti bakka bu’oonii mootummaa Ityoophiyaa fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo yemuu wal arguuf deemman kannatti gareen Mootummaa Ityoophiyaa gorsaa dhimmaa nageenyaa mumichaa ministeeraa Abiy Ahimad, obbo Rediwaan Huseeniin akka hogganamu maddi Oduu Rooyoters maddaawan ifaa hin taanee waabeffachuudhaan gabaaseera. 


Gabaasaan Rooyiters, walgahichi Odola Zaanzibaar irratti kan taasifamuu ta’uu isaa namoottan of beeksisuu hin barbaannee himuu isaanii dabalee ibsee jira. 


Ergaa walwaraansi naannoo Tigraay keessatti taasifamaa ture marii karaa nagaatiin taasifameen dhaabbatee boodaa, halii nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru mootummaa Ityoophiyaatiif waan yaaddeesaa ta’eef waldhabdichaa karaa nagaatiin hiikuudhaaf yaaliin taasifamaa akka ture kan ibsee gabaasinii Rooyiters, walitii bu’iinsaa Oromiyaa keessaa turee Kanaan namoonni dhibbaan lakkawaman du’uu isaanii eereera. 


Marii kana irraatti gareewwan lamman bakka bu’uudhaan namoottan hirmaattan eenyuu akka ta’an amma gabaasnii kun qophaa’etti iffatii wantii ibsamee hin jiru. 


 


 


REUTERS/BD/DHW