Get Mystery Box with random crypto!

Yunaaytid Isteetis Ugguura Gargaarsaa Itiyoophiyaa Irraa Kaa’a | VOA Afaan Oromoo

Yunaaytid Isteetis Ugguura Gargaarsaa Itiyoophiyaa Irraa Kaa’amee Ture Hanga Tokko Kaaste
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaaytid-isteetis-ugguura-itiyoophiyaa-irraa-kaa-amee-ture-hanga-tokko-kaaste/7165168.html

Yunaayitid Isteetis adeemsa mirga namoomaa irratti foyyee mul’ate ilaalchisee uggura gargaarsaa Itiyoophiyaa irratti kaa’ame tokko tokko kaafte jechuun dubbi himaan nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Joon Karbii Jimaata darbe ibsaniiru.


Fooyya’iinsi mirga namoomaa kun keessumattuu waliigaltee diinummaa dhaabuu mootummaan Itiyoophiyaa fi humnoota naannoo Tigraay baatii Sadaasa keessa mallatteessaniin booda ta’uu Karbiin himaniiru. Waliigaltichi waldhabdee kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaaf saaxilee, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisee fi kuma kurnaan lakkaa’aman ajjeese xumuree jira.


Erga wal waraansii dhaabbatee as walumaa galatti dhiittaan raawwatamu hir’atuus, naannoo Tigraay  keessatti hookkara, godaansisuu fi ajjeechaan gosa irratti hirkatee, itti fufee jira jedhu gareewwan mirga falman.


''Gargarsa nyaataa yeroo dhaabnu gargaarsa gosa murtaa'e irraa uggura tokko tokko kaasaa jirra,'' kan jedhan Karbiin, Murteen kun, Ityoophiyaa keessatti nagaa waaraa fiduuf waan nu harka jiruun deeggarsa keenya bal’inaan cimsuuf carraa jiru ballisaa jennee amanna jedhu.


Ministeerri Dhimma Alaa Amerikaa gargaarsi kennamuu nagaa fi araara biyyattii keessaa akka deeggaru ibsee jira.


Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Amerikaa akka jedhanti, “Xiyyeeffannaan gargaarsa biyyoota lamaanii deebi’ee eegalame waliigaltee diinummaa dhaabuu caalaatti hojiirra oolchuuf deeggarsa gochuu akkasumas,  tattaaffii dhukaatoota awwaalaman dhabamsisuu, haqaa ce’umsaa fi itti gaafatamummaa dabalatee nagaa fi araara itti fufiinsa qabu dagaagsuu ta’a.


Tigraay Lixaa keessatti qooda fudhattoota kan mootummaa hin taane dabalatee gabaasa dhiittaa mirga namoomaa hamaa ta'e irratti, yaaddoo qabnu kaasuun itti fufna, mootummaan namoota nagaa akka eegu fi yakkamtoota akka itti gaafataman gaafanna," jechuun dubbi himaan kun dabalanii ibsaniiru.


Mootummaan Itiyoophiyaa ibsa  Jimaata darbe kennamee kana irratti yaada akka kennuuf gaaffii dhiyaateef hatattamaan deebii hin Laannee.


Arikaa keessaa hedduumiina lakkoobsa uummataan lamaffaa kana ytaatee Itiyoophiyaa keessatti, ummanni miiliyoona 20 ol gargaarsa nyaataa kan barbaadu yoo ta'u, kunis sababaa caama hamaa biyyoota gaanfa Afrikaa waggoota kurnan darban keessatti mudatee fi wal waraanasa


Itiyoophiyaa Kaabaakeessatti geggeeffamaa jiruun kan ka'e akka ta’e ibsamee jira.


Reuters/jg/dw