Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 70

2021-01-30 00:01:19 Haalli Itiyoophiyaa Keessaa Yaaddessss Dha: Liindaa Toomaas-Griinfiild
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5757151.html

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaddarummaa Yunaayitid Isteetisiif Prezidaant Baayideniin ka filataman, Liindaa Toomaas-Griinfiild, haalli Itiyoophiyaa keessaa kan isaan yaaddessu tahuu dubbatan.  


Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteetisitti, Koreen Hariiroo Alaa kaadhimama isaanii raggaasisuuf  qorannaa geggeesse irratti dhihaatanii ennaa dhugaa-bahan, kan Koomishinni Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa, waraansa Tigiraay keessatti geggeessame irraa kan ka’e hiraarsa uummataa geggeessamaa jira – jedheen wal-qabsiisuun gaaffii dhihaateef deebii kennaniin kana dubbatan,Toomaas Griinfiild.  


“Waggoota sadii dura biyya kana jajaa turre. Hooggantuu biyyattii haaraa jajaa turre. Uummata biyyattii gara badhaadhinaatti geessuuf carraalee jiran ilaallee jajaa turre.


Amma garuu uummatuma isaanii irratti waraansa keessa seenanii jiru, ” ka jedhan – Tokkummaa Mootummootaatti, kaadhimamtuun Ambaasaaddaraa Yunaayitid Isteetis haaraa kun,  Tokkummaan Mootummootaa dhimma kana ofitti fudhatee akkaataa itti deebii kennu ilaaluun barbaachisaa akka tahe dubbatan.  


Haalli jireenya namoomaa Tigiraay keessaa yaaddessaa tahuu ka dubbatan, Liindaa Toomaas-Giriinfiild, “Maal akka Tigiraay keessatti ta’aa jiru ilaaluuf akka hojjetoota gargaarsaa fi jaarmayaaleedhaaf ulaan saaqamee haalli miijessamu taasisuu qabna. Itti fufuee immoo, prezidaantii fi muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa waliin waan achitti tahaa jiru ilaalchisee marii dhugaa irratti hundaa’ee fi banaa tahe geggeesuu qabna, jedheen yaada,” jedhan.  


Itti-fuudhaanis, “wanna gochaa jiran kana akka dhaaban, waraansa akka dhaaban fi haala achitti deemaa jiru gara xumuraatti akka fidan, itti cichinee tarkaanfiilee barbaachisan hunda fudhachuu qabna, jedhan, Tokkummaa Mootummootaatti, Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis haaraan kun.  


 
6.8K views21:01
திற / கருத்து
2021-01-30 00:01:19 Koomishinarri Dhimma Baqattootaa Ol’aanaa Ka Tokkummaa Mootummootaa Itoophiyaatti Imalan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5757184.html

Koomishinarri Dhimma Baqattootaa ol’aanaa ka Tokkummaa Mootummootaa Filippoo Graandii, haala Tigiraay keessaa fi haala baqattoonni Ertiraa naannicha keessa qubatan itti jiran xiixnilaluuf jecha yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jiran.  


Mr. Graandiin naannoo Tigiraayitti imaluu isaanii dura Ministara Nagaa Itiyoophiyaa fi Dura-teessuu Koree Ministarootaa hojiiwwan gargaarsa namoomaa Tigiraay keessaa to’achuuf dhaabbatee ka tahan, Aadde Muferiyaat Kamiil wajjiin walga’uudhaan dubbatanii jiran.  


 Uummata naannoo Tigiraay keessatti rakkoof saaxilame gargaaruuf carraaqqii godhamaa jiru ilaalchisuun, Koomishinaricha ol’aanaa Dhimma Baqattoootaa ka Tokkummaa Mootummootaa – Filippoo Graandii ibsa kennuu isaanii, gaazzexeessotatti dubbatan – Aadde Muferiyaat.  


Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – UNHCR, mooraalee baqattootaa ka Tigiraay keessaa sana keessaa haga tokko dhaqqabuu akka hin dandeenye mootummaan Itiyoophiyaa dhorkuu isaatti yaaddoo qabu ibsee ture.


Daawwannaan hoogganaa jaarmayichaa kan ammaa kun, mooraalee sana isaan dhaqqabsiisaa fi dhiisaa wanni ifatti beekame hin jiru, jechuun, Melleskaachew Ammahaa Finfinnee irraa gabaasee jira. 
5.9K views21:01
திற / கருத்து
2021-01-29 22:47:39 Poolisiin Finfinnee Namoota Dhaddacha Jawaar Mohammad’faa Daawwachuu Deeman Keessaa 80 Ol Hidhuusaa Dubbate  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5757140.html

Roobii dabre yeroo namoonni siyaasaa Koongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Jawaar Mohammed fi Obbo Baqqalaa Garbaa faa mana-murtiitti dhihaatanii turan, namoonni kurna hedduun uffata keelloo uffatanii dhaddacha hordofuuf dhufuu isaaniitiin namoonni kun hidhaman, jedhu maatii namoota qabamanii keessaa.


Daarektarri Koomiyunikeeshinii Koomishinii Poolisii Finfinnee immoo, “poolisiin namoota uffata keelloo uffachuun jeeqama kaasanii,  mootummaa irratti dhiibbaa gochuu yaalan 81 hidhe,” jedhan.


Kanneen hidhaman sana keessaa 33 gad-lakkisamuu isaanii fi kanneen hafan 48 irratti qorannaan kan itti fufee jiru tahuullee dubbatanii jiran.  
6.3K views19:47
திற / கருத்து
2021-01-28 23:36:14 "Haadholiin Utubaa Maatii Waan Ta;aniif Fayyaan Isaanii Eegamuu Qaba"
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/01/28/79374a12-d5e1-4d96-85e7-90a1ff94f883_48k.mp3
6.9K views20:36
திற / கருத்து