Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 69

2021-02-02 00:00:24 Namoonni Uffata Keelloon Mana-murtii Deemanii Hidhaman Hundi Hiikaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5761097.html

Namoota Dhaddacha Obbo Jawaar Mahaammadifaa irratti hirmaachuuf uffata Keello uffatanii deemani Polisiin Finffinee hidhe ture hundaayyu Manni murtii sadarkaa duraa kan Lidataa gadi lakkisee jira


 Namoonni kuniin kan gadi dhiufaman wabiin akka ta'es odeeffanne jira. Namoota hidhaa sana turanii gadi dhifaman keessa takka kan taate Masarat Dhabaa Kennee, Muktaar Jamaal dubbisee jira. Haala itti qabaman ibsuun eegalti.






 
8.3K views21:00
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Prezidaant Joo Baaydin Waa'ee Godaantootaa Addunyaa fi Uggura Imalaa Ajaja Attamii Dabarsan?
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/02/01/d0fa606e-4fba-4d21-90b1-5f2febe81ba0_48k.mp3
6.6K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Prezidaant Joo Baaydin Waa'ee Godaantootaa Addunyaa fi Uggura Imalaa Ajaja Attamii Dabarsan?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760941.html

Prezidaantiin Yuunaaytid Isteetes Joo Baaydin waajiira akkuma qabataniitti guyyaa duraa imaammatni godaantootaa fi ugguurri imalaa biyyoota Islaamaa fi Afrikaa irra kaa’amee ka Prezidaantiin duraanii, Doonaald Traamp itti fayyadamaa turan akka dhaabtu ajaja dabarsan. 


Kana jechuun Amerikaafis ta'e godaantootaaf maal jechuu dha? kan kutaa Minesootaa magaalaa Seentpool jiraatan  Abukaatoo dhimma immigreeshinii fi kanneen biroo ka ta'an Obbo Israa'eel Gobanaa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.






 
6.4K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:56 Tokkummaan Mootummootaa, Ameerikaa fi Kanneen Biroon Waraanni Maaynamaar Biyyattii Dhuunfachuuun Nu Yaaddesse Jedhu 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760857.html

Tokkummaan mootummootaa fi mootummoonni naannoo addunyaa hedduun waraanni Maynamaar biyyattii dhuunfachuu isaa ilaalchisee yaadda’uu isaanii ibsanii hoogganoonni siyaasaa akka hiikaman gaafatanii jiran.  


Dubbi himaan muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutereez ibsa kennaniin aangoo dhimma haqaa, seera tumtootaa fi hoji raawwachiisuu waraanatti dabarfamuun isaa akkaan yaaddoo uumuu ibsanii jiran. Jijjiiramni kun jijjiirama dimokraasii Maaynamaar keessaaf miidhaa guddaa dha jedhan.  


Ministriin dhimma alaa Antonii Bliinken Washingten keessatti ibsa kennaniin Ameerikaan uummata Maaynamaar kan walabummaa, nagaa fi misoomaaf hawwii qaban cina ni dhaabatti jedhanii humnoonni waraanaa tarkaanfii isaanii battala akka garagalchan gaafatanii jiran. Ibsi White House biraa kenname akka jedhutti Yunaayitid Isteetis ba’ii filannoo yeroo dhiyoo geggeessame jijjiiruuf yaalii ta’u kan mormituu fi ce’umsa dimokraasii Maaynamaaritti gufuu kanneen ta’an irratti tarkaanfii kan fudhattu ta’uu beeksisaniiru. Prezidaant Joo Baayiden illee dhimma kana irratti ibsi kan kennameef ta’us ibsichi beeksisee jira. 


Gamtaan Awrooppaa, Briteen, Awustraaliyaa, Hindii fi singaapoor martinuu haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.
5.7K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:55 Lammiiwwan Somaaliyaa Kan Keeniyaa Keessaa Ameerikaan Uggura Imalaa Kaasuu Isheetti Gammaduu Dubbatan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760833.html

Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen Keeniyaa keessaa prezidaant Joo Baayiden prezidaanticha duraanii Doonaald Trampiin kaa’amee kan ture uggura imalaa biyyoota irra jireessa musliimaa irra kaa’ame ka’uu isaatti gammaduu isaanii beeksisan.


Bakka bu’aa garee daldaltoota Somaaliyaa kan ta’an Omar Ahimed Noor akka jedhanitti sababaa Musliima ykn lammii Somaalee taate qofaaf gara Yunaayitid Isteetis akka hin deemne ugguramta. Sun amma ka’ee jira. kan haqaa ti, injifannoon kan biyyootaa fi addunyaa maraa ti jedhan.


Yunaayitid Isteetisitti jila keeniyaa kan turan Elkanaah Odeemboo uggurri sun barbaachisaa hin turre jedhan. waan hundee hin qabaannee ture garuu ni raggaasisan jedhan.  


Xiinsaltoonni naga eegumsaa hangi tokko garuu uggurri imalaa ku ka’uun shorokeessoni miliqanii akka seenan sababaa ta’uu mala jedhu. Namoota gaarii ta’aniif balbala banu kanneen gaarii hin ta’inis faana bu’uu danda’u jedhaniiru.  


 Barattootaa fi tuuristoota akkasumas namoota daldalaa dabalatee uummara  43,000 ta’antu sababaa uggura kaa’ameen Ameerikaa akka hin seenne ta’uu isaanii qorannaan bara 2019 keessa waaltaa Bernan kan dhimootii haqaa NY keessa jiruutiin geggeessame beeksisee jira. 
5.3K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:24 Haleellaa Hoteela Moqaadishoo Irratti Raawwateef Al-Shabaab Itti Gaafatama Fudhate 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760822.html

Haleellaa dilbata kaleessaa hoteela Moqaadisho irratti raawwatameen lakkoobsi namoota du’anii 15 ga’uu isaaf yoo xiqqaae kanneen 20 t’an madaa’uu isaanii dubbi himaan poolisii fi angawwoonni eegumsa fayyaa beeksisanii jiru.  


Kanneen du’an leellistoota haleellaa raawwatan afur fi  namoota 11 ka biroo ta’uu angawoonni naga eegumsaa beeksisaniiru. Haleellaa sanaaf garee al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate.  


Generaala waraanaa beekamaa fi gadamoojja’anii kan jiran Mohamed Nur Galaal fi namoonni cidha isaanii booda bashannana irra turan illee kanneen du’an keessaa ti.  


Kanneen cidha isaanii raawwatan sun biyya alaatii kan dhufan yoo ta’u hoteela sana keessa boqotanii turan. Reeffi isaaniis ganama barii naannoo sa’a sagalii kutaa hoteela sana eessaa argamuu eessummi dubartii ajjeefamtee Faraa Abdirhaman ibsaniiru.  


Haleellaan sun hoteela beekamaa Moqadishoo Afriik jedhu irratti kan raawwatame yoo ta’u boombiin konkolaataa irraa erga dho’ee booda hidhattoonni al-Shabaab kanneen Yunifoormii waraana Somaaliyaa uffatan biilsa sana weeraran.  


Kanneen haleellaa raawwatan keessaa sadii dhukaasa banameen yoo du’an tokko immoo boombii ofitti dhoosuu isaa kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsaniiru. Humnoonni  naga eegumsaa ennaa haleellaa sanaa namoota hoteela sana keessa turan hanga tokko oolchuun illee beekamee jira. kanneen du’a oolan irraa tokko kan ennaa leellistoonni sun hoteelicha weeraran achi ture odu gabaasaa VOA Abdifaki Yusuf Aden ture.  


Haleellaan dilbata kaleessaa kan dhaga’ame filannoon prezidaantii fi kan paarlaamaa boodatti harkifachuu isaaf kanaaf sababaa kan ta’e wal dhibdee siyaasaa hiikuu irratti marii fuuleffate geggeessuuf hoogganni ol aanaan biyyattii fi kan naannoo bakka wal ga’anitti ture.  haleellaan kun Yunaayitid Isteetis loltoota ishee 700 kanneen mootummaan al-Shababitti akka duulu gargaaruuf gamasitti bobb’an guutummaan gamasii ka baastu ta’uu beeksistee torbanneen hanga tokko booda. 
5.3K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:23 Komiishinerri Ol Aanoon Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Itiyoopiyaa Daawwatan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760789.html

Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanoon dhimma baqattootaa Filippoo Garaandii dawwannaa isaanii Itiyoopiyaa ilaalchisuun har’a tuuta oduuf ibsa kennuuf jiran. Komiishinerichi ol aanaan kun mooraa baqattootaa bakka baqattoonni eertraa keessa qubatan daawwataniiru.


Minsitrittiin nageenyaa Itiyoopiyaa Mufriyaat Kamiil fi minister Deetaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Reediwaan Huseen illee isaan waliin turan.  


Mr. Graandiin itti aanaa muummichia ministeeraa fi ministeera dhimma alaa Demmaqee Mekonnin waliin illee mari’atanii jiran.


Komiishinerichi gara Itiyoopiyaatti imaluu isaanii dura ajjeechaa ukkaamsanii butuu fi baqattoonni Eertraa dirqisiisamanii gara dhufanitti deebisamuu kan jedhu akkasumas dhiittaa mirga namaa yaaddessoo ta’an ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii jiran jechuun Addis Chekol gabaaseera. 
4.7K views20:50
திற / கருத்து
2021-02-01 23:50:23 Itiyoopiyaan Haalli Tigraay Keessaa Tasgabbaa’e Jetti. Kanneen Ragaa Ba’an Immoo Yaaddessaa Dha Jedhu 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5760814.html

Mootummaan Itiyoopiyaa naannoon jeeqamaan raafamaa turte Tigraay haala gaariitti deebi’uu isaa hojjettoota bulchiinsa Baayideniif dhuunfaan itti hiuun beekamee jira, garuu kanneen ijaan argan haaraan, lammiiwwan naannoo Tigraay kanneen sodaan guutaman manneen rasaasaan dha’amn keessaa fi naannoleen gandeen baadiyaa bal’aa daafoon lola sanaa maal akka ta’eef hanqinni nyaataa hagamii jiraachuun hin beekamne keessa dahatanii jiraachuu dubbatu jedha Associated Press.  


Malli ittiin wal argan addaan citanii jiraachuu fi jiraattonni haala gamasii bilbilaan dubbachuu kan sodaatan yoo tda’u, gaazixeessonni gamas akka hin seenne ugguramee jira. kanneen kumaan laka’amanis akka du’antu tilmaamama. 


Itti aanaa muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Demmeqee Mekonnin fi waahiloonni isaanii hojii waaltaa Atlantic Council kan hayyoonni irratti argamaniin qophaa’e irratti argamuun ibsa kennanii jiran. Naannoo Tigraay keessaa uummati miliyoona 1.5tti hedamaniif gargaarsi namoomaa kan dhaqqabe yoo ta’u baqattoota biyya hollaa irraa ta’an haalli isaan itti qabamanii jiran gaarii akka hin ta’in ilaalchisee himannaalee kijibaa fi kaka’umsa siyaasaa qaban ilaalchisees gadduu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaasee jira. hojjettoonni bulchiinsa Baayiden illee wal ga’ii sana hirmaachuus ibsee jira.   




 


Baqattooni sun loltoota Eertraa irraa dhufan kanneen humnoota mootummaa waliin humnootii Tigraay irratti duulaniin kan irratti fuuleffatamu yoo ta’u bulchiinsi Baayiden dhiibbaa irra kaa’uu dhaan saamicha, humnaan gudeeddii fi yakkawwan ka biroo tuquu dhaan Eertraan battala gamasi dhiistee akka baatu yaadachiisee jira.  



 


Bulchiinsi haaraa muudame kan Tigraay uummati miliyoona 4.5 ykn uummati naannoo sanaa guutummaa ta’u gargaarsa nyaata kan yeroo hatattamaa kan barbaadu ta’uu ibse hangi tokko beelaan du’uu jalqabuun gabaasamee jira.  



 
5.9K views20:50
திற / கருத்து
2021-01-30 07:26:07 Keeniyaan Walitti Bu’iinsa Somaaliyaa Keessaa Harka Hin Qabu Jette 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5757338.html

Keeniyaan torban kana walitti bu’iinsa mootummaa federaala Somaaliyaa fi kutaa Juublaand gidduutti uumamee namoonni 20 ol ittiin ajjeefaman tuqatte jechuun kan Somaaliyaan himatte haaltee jirti.




Somaaliyaan muddama siyaasaa fi sabatiinsi dhabamuu isaa keessaa harki hollaa ishee akka jiru cimstee dubbatti jedha gabaasi Mohammed Yusuuf.  


Dubbi himaan mootummaa Keeniyaa Cyrus Oguna Naayiroobii keessatti ibsa tuuta oduuf kennaniin biyyi isaanii muddama bulchiinsa Moqaadishoo fi kutaa federaalaa Jubland jiru waliin hidhata tokko iyyuu hin qabdu jedhan.  


"Ogunaan akka jedhanitti nuti akka biyyaatti dhimma siyaasaa keessoo kan Somaaliyaa keessa hirmaachuu isa jedhu akka hin simanne ifaa fi ifatti ibsuu barbaanna. Kanaaf hoogganni Somaaliyaa martinuu Keeniyaa gara dhimma isaanii keessootti harkisuu irraa akka of qusatan gaafanna.


Nageenyi akka bu’uuf dhiibbaa gochuu itti fufana, hoogganoonni Somaaliyaa keessaa martinuu walitti bu’iinsa jiru marii dhaan haala furuun danda’amu akka uuman gaafanna jedhan. 
8.6K views04:26
திற / கருத்து
2021-01-30 01:37:11 Poolisiin Finfinnee Namoota Dhaddacha Jawaar Mohammad’faa Daawwachuu Deeman Keessaa 80 Ol Hidhuusaa Dubbate
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/01/29/3f533dd3-ece5-4ae8-841b-2e568f352f5d_48k.mp3
7.5K views22:37
திற / கருத்து