Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 10

2022-02-04 08:20:43 Ajjeechaa Miseensota Jila Gadaa Michillee Irratti Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Har’a Ibsa Kenne
https://av.voanews.com/clips/VAO/2022/02/03/2f881aa9-613a-47c3-a585-dfca1b7d4948_48k.mp3
2.8K views05:20
திற / கருத்து
2022-02-04 08:20:43 Ajjeechaa Miseensota Jila Gadaa Michillee Irratti Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Har’a Ibsa Kenne
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ajjeechaa-miseensota-jila-gadaa-michillee-irratti-poolisii-oromiyaa-ibsa-kenne/6425363.html

Godinaa Shawaa Bahaa, aanaa Boosat keessatti, miseensota jila Gadaa Michilleerratti ajjeechaa raawwatameen wal qabatee, namoota lama qabee qorataa akka jiru Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.  


Komishinarri Itti Aanaa Komishinichaa Girmaa Galaan, har’a ibsa maddeen oduuf kennaniin, “Ddeemsa qorannoof wantootni barbaachisoo tahan argamaniiru,” jedhan. 


Gama biraan, Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Miseensota Gadaa Michillerratti Ajjeechaan Raaw’atame Humnoota Mootummaatiini jechuun kaleessa gabaasa baaseera.  






 
2.9K views05:20
திற / கருத்து
2022-02-03 22:46:46 Rakkoo Hongee Godina Booranaa Mudateen Hanga Ammaatti Beeyladaaleen Qarshii Biliyoona 4 Baasan Dhumuun Himame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/rakkoo-hongee-godina-booranaa-mudatee/6425344.html

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed har’a Booranatti argamuudhaan hawaasa hongeen miidhe waliin mari’achuun ibsamee jira.  


Naannoo Oromiyaa godina Booranaa keessatti hongee mudhateen beeladaaleen  qarshii biliyoona afurii ol kan baasan dhumuun isaanii ibsameera.


Waajjira qonnaa godina Booranaatti qindeessaan misooma qabeenya beeladaalee Dr. Qaasim Guyyoo VOAf akka ibsanitti, hanga ammaa lubbuu namaa irra miidhaan ga’e hin jiru.  






 
496 views19:46
திற / கருத்து
2022-02-03 22:46:46 Yaa’iin Hoji-geggeessotaa Gamtaa Afriikaa 40ffaan Guyyaa Lammataaf Itti Fufee Oole 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yaaii-hoji-geggeessotaa-gamtaa-afriikaa-40ffaa/6425335.html

Yaa’iin Hoji-geggeessotaa Gamtaa Afriikaa kan Finfinneetti taa’ee jiru harras itti fufeera. Bakka buutonni fi Ministaroonni haajaa alaa biyyoottanii harra walgahii cufaa kan gaggeessan yoo tahu dhimmoota nageenyaa, weerara dhibee Kooronaa fi kaan irratti mari’atee jira.




Oduu-himaan waajira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa Diinaa Muftiis walgahii kanarratti marii waloo gaggeeffamuu eeranii jiru.




 
362 views19:46
திற / கருத்து
2022-02-03 22:46:46 Xiinxala: Deemsi Marii Biyyaa Bifa Attamii Qabaata?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/xiinxala-deemsi-marii-biyyaa-bifa-attamii-qabaata-/6425265.html

Karoorfamaa kan jiru marii guutuu biyyaa kan Itiyoophiyaa keessatti qaamolee mootummaan shoroorkeessoota jedhee ramadee illee ituu hin hafiin hunduu hirmaachuuf mirga qabu jechuun Diploomaatiin Tokkummaa Mootummootaa (UN) duraanii fi Ogeessa seeraa kan sadrkaa addunyaa  Obbo Baayisaa Waaqwayyaa ibsanii jiru. 


Sababiin isaas jedhan marii guutuu biyyaa kan qopheessee mootummaa miti, mootummaan ofii isaa iyyu akka qaama tokkotti itti hirmaata jedhan. 


 
435 views19:46
திற / கருத்து
2022-02-02 07:48:40 Raashaa fi Amerikaan Maal Keessa Jiru? 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/raashaa-fi-amerikaan-maal-keessa-jiru-/6422134.html

Dhuguuma Raashaan Yukreeniin ni weerartii? Addunyaan waan ta’u eegaa yeroo jiru kanatti jechootaan wal dhahuun hammaataa jira. Diploomaatoonni Amerikaa fi Raashaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti fullaa fulleetti wal falmaa akkasumas prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydiin waan fedhe yoo ta’e iyyuu biyyi keenyaa qophooftee jirti jechuun dhaadataa jiran, 


Gabaasa Guutuu Caqasaa. 




 




 
3.5K views04:48
திற / கருத்து
2022-02-02 07:48:40 Dhaabonni Humna Qawween Moorummaa Lolaa Jiran Marii Biyyaalessaatti Hirmaachuu Qabu fi Hin Qaban?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/marii-biyyaalessaa-itiyoophiyaa-irratti-yaada-/6422093.html

Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaatti taasifamuuf jiruuf  manni Maree Bakka bu’oota Uummataa labsiin raggaasiisuun isaa ni yaadtama.


Mariin Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa dhimmoota maaliirratti yoo xiyyeeffate gaarii dhaa fi qaamoolee akkamiifaa hirmaachisuu qabaa yaadota jedhan irratti gabaasaan keenya Mitikkuu Fiqaaduu hoogganaa paartii siyaasaa duraanii fi gameessa siyaasaa – Obbo Leencoo Lataa, miseensa dhuunfaa mana-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa – Obbo Kamiil Shamsuu fi hoogganaa paartii tumsa Dimookiraasummaa Tigiraay – Dr. Aregaawii Berhee hasoofsiisuun waan qindeeffate qaba.


Caqasaa.  






 
2.5K views04:48
திற / கருத்து
2022-02-02 07:48:40 Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaatti Ambaasadara haaraa ramadde
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaayitid-isteets-itiyoophiyaatti-ambaasadara-haaraa-ramadde-/6422220.html

Yunaayitid Isteets Ambaasadara ishee kan Itiyoophiyaa Geetaa Paasii nama biraatiin akka bakka buuftu beeksisteti.


 Ibsii waajiraa dubbii-himaa ministeeraa dhimaa alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe akka jedhutti Ambaasadar  Geetaa Paasii waan soorama bahu barbaadaniif bakka isaanii Ambaasadar Treesiic Ann Jakobson akka  bu’an ramadamaniiru.


Sadarkaa Charge d’afaairs ykn ojii raawwachiiftuutti kan ramadaman Ambaasadar Jaakobson Kanaan duraa Kosovo, Tajikistaani fi Turkemenistaan keessatti Ambaasadara ta’anii  ojjataniru.


Rakkina nageenyaa yeroo ammaa itiyoophiyaa keessa jiruun walqabatee, dhimmoottan waldiineffachuudhaan wal ilaalu fi  hokkoraa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru dhaabuu fi haala gargaarsa namoomaa hin daanqamnee mijeesuu irratti hojii Ambaasadar Geetaa paasii Ojjachaa turan Ambaasader Jakobsonis akka itti fufan beekiseera.
2.1K views04:48
திற / கருத்து
2022-02-02 07:48:40 UNICEF, hongeen akka miidhaa geesisaa jiru ibse
https://www.voaafaanoromoo.com/a/unicef-hongeen-akka-miidhaa-geesisaa-jiru-ibse/6422204.html

Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti dhimaa daa’imanii irratti kan hojjatu UNICEF ibsa hara’a baaseen akka jedhetti Itiyoophiyaa keessati bakkeewwan wagga sadan darbaniif roobnii gahaan hin hin argamneef namoottan Miiliyoonii 6.8 ta’n akka rakkinaaf saaxilaman ibseeraa.


Itiyoophiyaatti bakka bu’aa UNICEF kan ta’an Jiyaanfiraanko Rootijiyaanoo akka jedhanitti sababa balaa kanaatiin naannoo Somaalii fi Oromiyaa daa’imman 225,000 midhaan nyaataa qaama isaanii jabeessuu dhabuudhaan akka miidhamaa jiran himanii, dubartoonni ulfaa fi harma hoosisaa jira 100,000 ta’an  gargaarsaa midhaan nyaataa atattamaa akka barbaadan beekisisaniiru.


Bara 2022 keessaa ijoollewwan 850,000 naannoowan Afaar, Somaalii, Oromiyaa fi naannoo sabaa fi sab lammii Kibaa keessatii akka hirdhina midhaan nyaataa gahaadhaaf saaxilaman kan ibse UNICEF,Naannoo gammoojjii Oromiyaa fi Somaalii keessatti Barattoonni 155,000 baaruumsaa akka dhaaban himeera.


Namoottan rakkina kanaa fi saaxilaman gargaarudhaaf  UNICEF gargaarsaa Doolaaraa Miiliyoonii 351 kanaan dura ramade irratti dabalataa Doolara miiliyoonii 31 akka isa barbaachisu ibseera.
2.1K views04:48
திற / கருத்து
2022-02-02 07:48:40 Ministiroonni Dhimma alaa Biyyootan Afrikaa Finfinnee seenaa jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ministiroonni-dhimma-alaa-biyyootan-afrikaa-finfinnee-seenaa-jiru/6422180.html

Yaa’ii gamta Afrikaa marsaa 40ffaa irratti kan hirmaatan ministiroonni dhimma alaa biyyottan Afrikaa Finfinnee seenuu akka jalqaban Dubbi - himaan ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii VOA ti himaniiru.


 Yaa’iin hogantoota biyyootan miseensa gamtaa Afrikaa Guraandhala 4 /2022 jalqabu adda dureedhaan wa’ee midhaan nyaataa Afrikaa gahaa ta’e, wa’ee dandeetii namaa fooyyesuu, wa’ee misoomaa hawaasaa fi dinagdee irratti akka maryatu himameera.


Dhimmi nageenyaa ardichaa ijoo dubbii isa tokko akka ta’u kan himan Ambaasadar Diinaan Dhimmi Kooviid 19s dhimmoottan Xiyyeefannaan itti kennamuu keessaa tokko akka ta’e ibsuu isaanii gabaasin Kenedii Abaatee eerera.
2.7K views04:48
திற / கருத்து