Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 8

2022-02-17 07:23:02 Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed Walga'ii Waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa Irratti Argamuuf Braasils Seenan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6444597.html

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed, walga’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa irratti argamuuf har’a magaalaa Braasils seenanii jiran. Eega walitti-bu’insi Itiyoophiyaa gama Kaabaa keessatti uumame as yeroo duraatiif gara Awurooppaa  Lixaatti kan imalan, Muummichi-ministaraa Abiyyi  prezidaantii Mana-maree Gamtaa Awurooppaa – Chaarilis Micheel wajjiin walga’anii dubbachuu isaanii, waajirri isaanii fuula meediyaa hawaasummaa isaa irratti ibsee jira.


Muummichi Ministaraa Abiyyis, fuula twiiterii isaanii irratti barruu maxxansaniin, “Walga’ii waloo ka Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa tii dura michuu kiyya Prezidaant Chaarlis Micheel waliin wal geenyee jirra. Hariiroo Gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa, akkasumas, dhimma godinaa fi ardii keenyaa irratti marii bu’a-qabeessa geggeessinee jirra,” jedhanii jiran. 
1.6K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-17 07:23:02 Dhoohinsa Moqaadishootti raawwateen namoonni Shan Du’aniiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhoohinsa-moqaadishootti-raawwateen-namoonni-shan-du-aniiru/6444557.html

Roobii har’aa gaanamaa  haleellaa boombii moqaadishoo keessatti raawwatameen namoonni shan du’anii hedduun madaa’uun isaanii gabaasameera.


Haleellaan garee hidhatootaa Al Shabaabiin rawwatame kun buufataa poolisii fi karraalee bakkeewan jireenyaa lama irratti akka ta’e dubbi himaan poolisii Somaaliyaa Koloneel Abdifatah Aden Hasan ibsaniiru.


Jiraataan eenyumaa isaa akka hin beekamne  gaafate tokko  yemmuu oduu gabaastotatti himu, > jechuun isaa gabaasameeraa.

Gandaawwan dhoohinsichii irratii xiyyeefatee bakka jireenyaa  haaraadhalttoonii  biyyatti biyoottan alla keessa turanniin ijaaramee akka ta’e kan himan koloneel Aden, dhohinsichii kan raawwate konkola’atota lama irraa akka ta’e ibsaniiru.


Haleelichii kan xiyyeeffatee poolisootaa irratti akka ta’e kan fuulaa tiwuutarii isaanii irratti barreesan ministeerri Nageenyaa biyya keessa Somaliyaa Abdulaahii Mohaamed Nuur , umnoonni nageenyaa mootummaa isaanii warren haleellicha raawwatan moo’uu isaanii ibsaniiru.


Sagalee Al Shabaab akka ta’e kan beekamuu Raadiyoon Andaalus jedhamu akka jedhetti hidhattoonii buufataalee adda addaa irraatti haleellaa raawwatan Kannan konkola’atotaa umna waraanaatiif meeshaalee waraanaa adda addaa booji’uu isaanii ibseera.


Dhimma somaaliyaa irratti bakka bu’aa addaa barreessaa muummee mootummootaa gamtoomanii kan ta’an Jems Swaan qibxata keleessaa mana maree nageenyaa kan mootummoota gamtoomanii irratti hidhatoonni Al Shaabaab kutaa biyyaa Somaliyaa Banaadiir keessatti rakkinaa nageenyaa cimaa akka uumaa jiran ibsanii ji’oottan dhiheenyaa kanaa keessatti bakkeewan adda addaatti balaa dhoohinsaa geesisuudhaan siviilota irratti miidhaa akka qaqqabsiisaa jiru dubbachiin isaanii gabaasameeraa.
2.1K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-16 07:23:10 Itiyoophiyaan Labsii Yeroo Muddamaa Kaasuu Yunaayitid Isteetis Simatte  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaan-labsii-yeroo-muddamaa-kaasuu-yunaayitid-isteetis-simatte-/6443274.html

Yunaayitid Isteetis Labsiin Yeroo Muddamaa Itiyoophiyaa keessaa kaasamu ka simatte tahuu ibsi Ministirii Dhimma Alaa biyyattii irraa bahee beeksisee jira. Lolli yeroo ammaa deemaa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu xurree saaquuf  kun tarkaanfii barbaachisaa mootummaan Itiyoophiyaa fudhate kaan akka tahe eere, “tarkaanfiin fudhatame kun namoota labsii yeroo muddamaa kanaan qabanii, otuu himannaan irratti hin dhihaatiin mana hidhaa jiran hatattamaan hiikuu itti aansuu qaba,” jechuun gaafatee jira.


Hidhaan xumura argannaan, mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisuu fi bu’a qabeessa  tahe akka geggeessamu haala miijessuuf karaa tu saaqama, jedhe itti fufee.. Yunaayitid Isteetis waraansi akka hatattamaan dhaabatu, gargaarsa namoomaa danqaa malee dhaqqabsiisuun akka danda’amu, miidhaalee fi cabinsawwan mirgoota namoomaa irratti qorannaa iftoomina qabu akka geggeessamu fi lolawwan  akka mariidhaan furmaata argatan gochuuf jecha gareelee hunda waliin dubbachuu itti fufti, jechuun xumura – ibsi Ministiriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis baase.   
2.7K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-16 07:23:09 Affaar Keessatti Namooni Kuma 300 Qe'ee Irraa Buqahan, jedha Mootummaan Naanichaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/affaar-keessatti-namooni-kuma-300-qe-ee-irraa-buqahan-mootummaa/6442826.html

Mootummaan naannoo bulchiinsaa Affaar ibsa qibxataa har’aa baaseen, haleellaa umnoonni  TPLF naanicha keessatti raawwachaa jiraniin kan ka’e horsiiseebultoonni 300,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, buufataaleen fayyya, mannoottan baruumsaa fi jarmiyaaleen qotiinsaa mancaa’uu isaanii beeksiseera.


Mootummaan naannoo Affaar ibsa baasee kana keessatti, haawaasni aduunyaa akka gocha kana balaaleffatu gaafateera. Daarekteerri waldaa Horsiiseebultootaa Affaar Vaalerii Broowning ibsaa mootumaan naannoo affaar baase irraa deebi’anii, horsiiseebultoonni kuma dhibbaan lakkaawaman haalaa jireenyaa daran rakkisaa ta’e keessa jiraachuu isaanii VOA ti himaniiru.


Namoonni beelaan akka du’aa jiran kan dubbatan Vaaleerii Broowning buqqaatonni kun bakka adda addaatti faffaca’anii waan jiraniif gargaarsaa qaqqabsiisuudhaaf rakkisaa akka ta’e himuu isaanii gabaasni Masfin Arraagee ibseera. 
2.0K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-16 07:23:09 Yaman Keessatti Hojjattonni Tokkummaa Mootummootaa Butaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yaman-keessatti-hojjattonni-tokkummaa-mootummootaa-butaman/6441539.html

Kan wal waraansaan bututtee Yaman Kibbaa keessatti hojjatonni Tokkummaa Mootummootaa 5  butamanii fudhatamu Jaarmayichii Dilbata kaleessaa beeksisee jira. 


Shananuu kan buutamanii fudhataman Jimaata dabree bulchiinsa yaman kibbaa bakka Abyaan jedhamu keessatti yoo ta’u hojii itti bobba’an xumuranii gara magaala buufata Donii Edeenti deebi’aa ituu jiranii ta’u dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa Eri Kneko dhaabta oduu Ajaans Fraans Prees jedhamuuf ibsanii jiru. 


Akka isaan gadhiifaman gochuuf Tokkummaan Mootummootaa aangawoota waliin itti dhiyeenyaan qunnamaa akka jiru Kanekoon ibsanii jiru. 


Hojjattoota Tokkummaa Mootummootaa kana eenyu akka butee fudhate battalumatti ifa hin turre. 


Edeen maadhee mootummaa yaman kan addunyaan beekkanno laatteef ta’uun beekamti.RakkooN gargaarsa dhala namaa kan Yaman keessaa isa addunyaa irratti hamaa ta’e jechuun waamamuu Kanaan namoonni Miliyoona hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaananii jiru.
1.8K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-16 07:23:09 Daandiin Amerikaa fi Kaanaadaa Gidduu Banamee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/daandiin-amerikaa-fi-kaanaadaa-gidduu-banamee-jira/6441420.html

Polisiin Kaanaadaa Dilbata kaleessaa shofeeroota kokolaataa fe’umsaa kanneen ugguura dhukkuuba KOOVID-19 irra ka’amee mormuundaan daandii Amerikaa fi Kaanaadaa wal argasiisuu cufanii turan bansisee jira.Hiriirtoota mormii kana gaggeessan kanneen hafanis kan hidhee yoo ta’u daandii cufuun isaanii dinagdee biyyoota lameenii miidhe jedhu. 


Polisiin Windsor akka jedheetti, naannoo Riqiicha biyyoota lameen wal agarsisuu kan gama Kaanaadaa keessatti namoonni kan hidhaman yoo ta’u Kokolaataan akka hin sossonee Dilbata kaleessaa fudhamanii ugguraman ni jiru. 


Namoonni daldala qaban, hiriirtoota Kanaan, naannoo keenya gadhisaa deemaa jechuun gaafataa turan. 


Shofeeronni talaalii farra dhukkuuba KOOVID-19 argachuun dirqama ta’u fi uggurri dabalataa ka’amuu kan morman yoo ta’u, kunis weerara  vaayrasii omikroon akka gad bu’uuf ta’uun ibsamee jira. 


 
1.7K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-16 07:23:09 Afaar Keessatti Baqattonni Ajjeefaman :Jarmayaaa Naannoo Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6441370.html

Humnootiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) dhiyeenya kana mooraa baqattootaa Barahallee irratti meeshaalee gurguddaa fi dhukaatootaan haleellaa gaggeesseen baqattonni 12 ajjeefamuu fi kanneen biroon madaa’uu, Jaarmayaan Demookraatawaan Galaana Dimaa kan Affaar beeksisee jira. 


Barreessaa dureen jarmayichaa Ibraahim Haaruun Raadiyoo Sagalee Amerikaaf  akka ibsanti baqattonni Afaar kanneen galaan dimaa jedhaman kuma 15 ta’an mooraa sana keessa daahaatanii turan.Miseensii hoggana jaarmayicha kanaa ka biroon Yaasiin Mohammad  Abdallaa, baqattonni kun dhiittaa mirga namoomaa Ertraa keessaa dheessuun kanneen miliiqan turan. 


ABUR  gama isaan jaarmayaan kun kan mootummaa Ertraan gurmaa’ee fI isaaf hojjatu jechuun himata. 
2.4K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-12 11:25:44 Afriikaa Keessaa Lakkoobsi Namootas COVID-19 Qabamanii Ol Ka’uu Akka Danda’u Gabaasame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6437504.html

COVID-19 Afriikaa keessaa kan gabaasameen ol dacha torba dabaluu kan danda’u ta’uu isaa fi lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan du’anii immoo harka lamaa hang asadii ol ka’uu isaa WHOtti daayirikterri dhimma Afriikaa beeksisanii jiru.


Dr. Matshiidoo Moo’eettii akka jedhanitti rakkoon caasaa to’annoo kan meeshaalee qorannoo ardittii keessaa ilaalchisee jiru hubannoon vaayiresii kanaaf jiru gad aanaa akka ta’u taasisuu isaa hubannee jirra.


Angawoonni eegumsa fayyaa uummataa yeroo tokko tokko lakkoobsi namoota COVID qabamanii fi du’anii sirriitti kan hin galmoofne ta’uu akeekkachiisaniiru.


Waaltaan qorannoo dhimma vaayiresii koronaa kan Joons Hopkins akka jedhetti, hanga jimaata har’aa ganamaatti addunyaa irraa uummati miliyoonni 406 vaayiresii kanaan yoo qabamu, kanneen miliyoona ja’a ta’an immoo du’aniiru. Tallaaliin COVID 19 biliyoona 10 ol kennamuu illee waaltaan kun beeksisee jira.
2.3K views08:25
திற / கருத்து
2022-02-12 11:25:43 Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Rakkoo Yukireenii Fi Raashiyaa Furuuf Mala Diplomaasummaan Filadha Jedhan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6437488.html

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, ennaa walitti bu’iinsi Raashiyaa waliin jiru kanatti rakkoo Yukireen keessaaf furmaata diplomaasummaa kan filatan ta’uu cimsanii dubbatan.


Bilinken Melborn Awustiraaliyaa keessatti gitoota isaanii kan Awustiraaliyaa, Hindii fi Jaapaan waliin ta’uu dhaan tuuta oduuf ibsa kennaniin tarsiimoo Yunaayitid Istees dhimma Rashiyaa waliin jiru irratti qabdu dubbataniiru.


Raashiyaa hirmaachisuuf yaalii danda’ame mara goonee jirra. Yaaddoowwan isheen kaaste ilaaluuf, yaaddoo nuti qabnu, kan michoonni Awrooppaa fi wal taatonni qabanif akka nuyiifis isaaniifis ta’utti yoo mlli nageenyaa argame jennee jedhan. Blinken gaaffii gaazixeessota biraa dhiyaateef ennaa deebisan Rashiyaan yoo Yukireeniin weerarte daafoo isa mudatu tarreessanii jiru.


 Uggura dinagdee fi maallaqaa dabalee daafoon sun maal dhaqqabsiisuu akka danda’u sirriitti walitti qabaa turre. Meeshaalee gara alaatti ergamu to’achuu. Dandeettii ittisaa yukireen ijaaruu itti fufuuf akkasumas yoo Rashiyaan haleellaa ittti fufte, humna ittisaa  cimsuuf cicha qabna jedhaniiru.


Raashiyaan Yukireeniin weeraruuf fedhii akka hin qabaanne ibsitee jirti. Garuu Raashiyaan naannoo daangaa Yukireenitti waraana ishee bobbaasuun Yunaayitid Isteetis fi michoota ishee NATOf yaaddoo guddaa ta’ee tureera.


Raashiyaan Yukirenii fi biyyoonni ripaablikaanii Soovieeti duraanii miseensota NATO ta’uu danda’uu isaanii cimsitee mormiti. NATO meeshaa waraanaa naannoo sana kaa’uu irraa akka of qusatu akkasumas Awrooppaa bahaa keessaa humnootii isaa akka baasu ka barbaaddu ta’uu Raashiyaan beeksistee jirti.
1.7K views08:25
திற / கருத்து
2022-02-12 11:25:41 Chaayinaan Biyyoota Dinagdee Dhaan Jaboo Ta’an Kan Addunyaa Caalaa Afriikaaf Liqaa Kan Kennitu Ta’uun Gabaasame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/liqaa-chaayinaan-biyyoota-afriikaaf-kennitu/6437482.html

 Baankilleen Chaayinaa bara 2007 – bara 2020 addunyaa irraa dinagdeen isaanii jabaa ta’e hanga tokko caalaa projektii misooma deggeruuf liqaa hedduu kennaniiru jechuu dhaan qorannaan haaraa ba’e mul’isee jira. Waashingtonii fi London keessa kan maadheffate waaltaan misooma sadarkaa addunyaa kaleessa akka gabaasetti baankiiwwan misoomaa Chaayinaa michoota mootummaa fi dhuunfaa kan naannoo sanaafkan oolu deggersa doolaara biliyoona $23 gumaachaniiru jedhee jira.


Baankileen Yunaayitid Isteetis, Jaappaan, Jarmanii, Nezerlaands, Ferensaay fi Afriikaan kibbaa walitti doolaara biliyoona $9.1 qofaa liqaa kennan.


Qorannaa kana adda durummaan kan hooggann Naansii Lee akka jedhanitti Chaayinaa irra qeeqa hedduutu jira, garuu mootummoonni gama dhiyaa investmentii firii fi walitti fufiinsa qabu ykn kara sadarkaa hiika qabutti guddisuu yoo barbaadan baankiiwwan misoomaa ofii isaanii bobbaasuu dhaan akkasumas baankiiwwan qaama hedduu of keessaa qabu kan investimenii kanaaf dursa kennu bobbaasuu qabu jedhan.


Waaltaaleen kanneen akka baankiin addunyaa,  biyyootii Afriikaa keessatti kan geggeessamu ijaarsa misooma bu’uuraaf kan oolu waggaatti doolaara biliyoona $ 1.4 kan kennan ta’uu gabaasichi beeksisee jira.
1.4K views08:25
திற / கருத்து