Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 5

2022-10-05 20:03:05 Hojjatooni Gargaarsa Namoomaa Tigraayiin Seenuu Jalqabnii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6776873.html

Dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa Steeffan Duhaariik ibsaa guyyaa kaleesaa kennaniin Hagayya 24 bara 2022 jalqabee kan dhaabatee ture wal-jijjiirraan hojjatootaa gargaarsa namoomaa Tigraay keessatti hojjatanii karaa naannoo Affaariin itti fufuu isaa ibsanii jiru.


Haali amma uumame kun tarkaanfii gaarii akka ta’e kan himan Steefan Duhaariik gargaarsa lubbuu baaraarsaa qaqqabsiisuu dhaaf balaaliin Xiyyaara gargaarsaa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa inni ergaa hagayaa 25 jalqabee dhaabbatee jiru akka jalqabu gaafataniiru.


Sababa wa-lwaraansi itti fufee jiruuf Tigraay keessati, akkasumas naannoo Amaaraa fi Affaar bakkeewwan bal’aa keessatti gargaarsa namoomaa akka raabsuun hin danda’ame hojjattooni gargaarsa namoomaa Tigiraay keessa jiran ibsuu isaanii Dubbi himichi beeksisanii jiru.


Amma Fulbaana 26-tti Tigiraay keessatti buufataaleen wal’aansa fayyaa bakka tokko irraa bakkaa biraatti socho’an 32 bakkeewwan buufatalee fayyaa fi buufataalee namoottan jiraanya isaanii irraa buqa’an 58 keessatti tajaajila kennaa akka jiran dubbi himichi ibsuu isaanii Maargareet Beesheer Jenevaa irraa VOA dhaaf gabaasteetti.


 


 
1.1K views17:03
திற / கருத்து
2022-10-05 20:03:05 Mariin Wal-waraansa Kaabaa Itiyoophiyaa karaa Nagaatiin Furu Afrikaa kibbaatti Taasifamuuf Deema
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6776863.html

Wal waraansaa waggoottan lamman darbaniif mootummaa Itiyophiyaa fi ABUT gidduuttii taasifamaa jiru marii karaa nagaatiin hiikuudhaaf gamtaan Afrikaa gareewwan lamman Afrikaa kibbaa keessatti akka wal arganii maryyatan waamicha dhiheesuun isaa beekameera.


Dura taa’aan Komiishinii gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Mahaammat xalayaa Onkoloolessa 1 bara 2022 barreessaniin akka ibsanitti, mariachi kan qophaa’e prezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi gaanfa Afriikaatti bakka bu’aa addaa kan ta’an Oluuseeguun Obaasaanjootiini.  Prezidaantiin keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaataa fi tti aantuu prezidaantii Afriikaa kibbaa kan turan Fumziil Milaambo-Ngichukaa akka gargaartota Obaasaanjoo ta’an kan ibse xalayaan Muusaa Faakii Mohaammat, Wal ga’ichi bu’uuraawwan nageenyaa waarinsa qabeessa ta’e mirkaneessuu dhaaf gargaraan karaa qabsiisuu dhaaf akka ta’e beeksisee jira.


Mootummaan Itiyoophiyaa waamicha dhihaate kana fudhachuu isaa gorsaan dhimma nageenyaa Muummee ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasader Reeduwaan Huseen beekisisanii jiru. Ambaasaadeerichi waamichicha kana ilaalchisee roobii har’aa ergaa karaa fuulaa tiwuutariitin dabarsaniin booda, rakkinichaaf fala karaa nagaa barbaachuuf Mootummaan haal-duree kamiinuu malee akka mariidhaaf qophaawaa ta’e beeksisanii jiru.


Xalayaan gamtaa Afrikaa hogganaa ABUT kan ta’a Debretsiyoon Geberemikaa’el fudhaachuu isaanii amma ammaatii dhaabni isaanii akka hin mirkaneesine gabaasameera. Freed Haarter maddeen dipilomaasii Finfinnee keessa  jiran waabeffachuu dhaan akka gabaasetti, marii kana irratii taajjabdoonii Yunaayitid Isteets, gamtaa Awuroopaa fi Igaadiin bakka bu’an ni hirmaatu.
1.5K views17:03
திற / கருத்து
2022-10-03 22:20:28 Qormaannii Kutaa Kudha Lamaa Yunivarsitiwwan Keessatti Kennan: Ministeera Barnooraa 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6773952.html

Qormaannii guutuu biyyaa kan kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 yeroo jalqabaaf yunivarsitiwwan keessatti kan kennamuu ta’u ministeerrii barnootaa beeksisee jira. 

Manneen barnootaan ala Yunivarsitii keessatti akka kennamuuf kan barbaadamees, nageenya sirna qormaataa eegsisuuf akka ta’e kan ibsamee yoo ta’u, kana gochuufis Yunivarsitiwwan baasii qarshii Biliyoona tokko akka isa dabalsisuu hubachiise. 

Brana qormaata kanaaf kan ta’an barattoota kuma 900 fi kuma 76 ta’u Tigraayiin alatti tasgabii dhabiinsa biyyatti keessa jiruun barattonni kumnii 56 qormaataaf akka hin teeny ibsamuu isaa Gabra Mikaa’eel Ganra Medhiin Finfinnee irraa Gabaasee Jira. 
973 views19:20
திற / கருத்து
2022-10-03 22:20:28 Looltoota Keenya Godiina Walloo Kaabaa Keessaa Baafnee Jirra: ABUT 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6773924.html

Haleellaa guddaa gama Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti adeemsifamuu qolachuuf jecha, loltoota keenya kanneen bulchiinsa naannoo Amaaraa gama kibbaa keessaa turan baafnee jirra jechuun angawoonni Tigraay ibsa baasaniin beeksisanii jiran.Hojiin gamasii baasuu kunis guyyaa sadiif gaggeeffamu ibsaniiru. 


Tarkaanfii kana kan fudhannees, ofii keenya murteessinee malee  haala dirree waraanaa  sana irratti hundaa’ee miti kan jedhu ibsi kun, humnii yeroo baayyeef barbadeeffamee kun ammas  deebi’ee naannoo sanatti yaalii kan biraa ni taasiisa yoo ta’e  nagaan jiraachuu keenya tikfachuuf jecha yoom iyyu kallattiin kamiin iyyu kan deebinee seenuu dandeenyu ta’a jedhan ibsii ba’e. 


Angawaan bulchiinsa naannoo Amaaraa dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif akka ibsanti, akka jecha isaanti, riphxee looltonni ABUT magaalaalee hanga tokko keessaa kan ba’an yoo ta’u, wal waraansii hangi tokko naannootti akka jiru ibsan. 


Dirree waraanaa irra waan jiruu fi sochii looltootaa kan ilaaleen dhaabatii oduu kun madden walaba biraa mirkanii hin arganne. 


Itiyoohiyaa gama kaabaa seenuun akkaan ugguramaa ta’u fi Tigraay waggaa tokko caalaaf qunnamtiin irraa cite turuu isaas ibsee jira. 


Ertraan dhimmi kana keessa seenuun ishee biyyoota gama dhiyaa biraa balaaleeffannaa kan hordoofsisee yoo ta’u, walitti bu’iinsii kun karaa nagaan akka furamuufis gaafataa jiru jedha dhaabtii oduu Ajaans Fraans Preess. 
973 views19:20
திற / கருத்து
2022-06-15 08:40:35 Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonnii fi Humnoonni Mootummaa Walitti Dhukaasuun  Himame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6617493.html

Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbii fi, Godina Qellam Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloo keessatti, humnoota mootummaafi hidhattoota mootummaan "Shanee" jechuun waamu, Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti har'a dhukaasni banamuu jiraattota keessaa dubbatanii jiran.




Haaluma wal-fakkaatuun naannoo Gaambellaa keessattis Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Waraana Bilisummaa Gaambellaa ofiin jedhan jidduutti dhukaasni banamuu jiraattota keessaa himanii jiru.


Dhimma kana ilaalchisee, dubbi-himaan Idil Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii, Waraana Bilisummaa Gaambellaa waliin tahuun Oromiyaa Lixaafi Gaambellaa keessatti opereeshinii addaa addaa geggeessee jira, jedhuuun VOAtti himan.

Mootummaan Naannoo Gaambellaa ammoo fuula sabaa-himaa hawaasummaa isaa irratti ibsa maxxxanseen, "Hidhattoota Shanee fi Waraana Bilisummaa Gaambellaa dhukaasa banan irratti tarkaanfiin fudhatamee jra" jedhee jira.
4.2K views05:40
திற / கருத்து
2022-06-15 08:40:34 Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonnii fi Humnoonni Mootummaa Walitti Dhukaasuun  Himame
https://av.voanews.com/clips/VAO/2022/06/14/5ffd750f-2519-4c49-9507-220ec70f89a7_original.mp3
3.2K views05:40
திற / கருத்து
2022-06-15 08:40:34 Baachleet Angoo Gadhiisuuf Akka Jiran Beeksiisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/baachleet-angoo-gadhiisuuf-akka-jiran-beeksiisan/6617235.html

Tokkummaa Mootummootaa keessatti komiishiinara olaanaa kan komiishiina mirga namoomaa kan ta’an Misheel Baachaleet, dhuma baatii Hagayya dhufuu marsaaan barri aangoo isaanii ennaa xumuramuu, aangoo komishinarummaa kan gadhiisan ta’u beeksiisan. 


Marsaa kan biraaf hojjachu hin barbaadu kan jedhan Baachaleet, odeeffannoo kanas sirna baniinsa kora 50ffaa kaawunsilii mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa irratti  dubbatan. Maaliif kun akka ta’e garu gad fageenyaan hin ibsiine. 


Walgahii sana booda tuuta oduuf Jeneevaa keessatti ibsa kennaniin sababaa dhunfaa isaaniif hojii akka gadhiisan ibsan.Murtoon koo kun dhiyeenya kana chaayinaa dhaquu koo hordofee qeeqa dhiyaatu waliin hidhata hin qabu jedhan. 


Gara Chaayinaatti imaluu isaanii baatii lama dursee marsaa lammataaf hojjachu akka hin feene barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarreesitti himeera jedhan. 


Ituun hojjachuu itti fufee Gutarrees kan jaallatu ta’u natti himeera.Garu sababaa dhunfaa kotiif gadhisuu akkan fedhu itti himeera.Anii dubartii umriin alfii keessa jiru miti.yeroo dheeraaf akkasumas hojii bu’a qabeessa hojjataa eegan ture booda, gara biyya kootii fi maatii kootitti deebi’uun barbaada. 


Waggoota dheeraaf  akka ministeeraatti, akka prezidaantitti, akka komiishiinara olaantuutti eegan hojjadhee booda, akkan yaadutti gara biyya kotti deebi’uuf yeroo isaa natti fakkaata jedhan. 
3.0K views05:40
திற / கருத்து
2022-06-15 08:40:34 Amerikaan Somaaliyaaf Deggersa Akka Laattu Beeksiiftee Jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/amerikaan-somaaliyaaf-deggersa-akka-laattu-beeksiifte-/6617228.html

Yunaaytid Isteetes  nageenya, araaraa fi jijjiirama somaaliyaa keessaa kan ilaaleen deggersa kan gootu ta’u ibsitee jirti. Kanas ministeera haajaa alaa Yunaaytiis Isteets keessatti itti aantuu itti gafatamtuu dhimmootii siyaasaa kan ta’an Viktoriyaa Nuulaand Wiixtata Waxabajjii 13 gara Moqdishootti imalanii yeroo turanti prezidaant Hassan sheek maahmuud waliin wal arguun kana dubbatan. 


Kana malees Amerikaan shoroorkeessummaa dhabamsisuuf Somaaliyaanis ta’e hoggantummaa gamtaa Afrikaan yaalii gaggeeffamu kan deggertu ta’u ibsanii jiran. 


Somaaliyaan caama badii hamaa geesisee fi wabii nyaataa ishee dhabsisee keessa yeroo jirtu kanatti Nuulaand somaaliyaatti jila addaa kan waa’ee caama mudatee deebii kennamu hordofan Abdirahman Warsamee fi dhaabattoota Tokkummaa Mootummootaa kanneen somaaliyaa keessaa jaarmayaa nyaataa fi qonnaa, dhaabbata daa’immanii ykn Yuniseef fi sagantaa nyaata addunyaa dabalatee dubbatanii jiru. 


Mootummaan Amerikaa  yeroo ammaa nyaata hatattamaan barbaadamu kennuuf, beela ittisuu fi gargaarsa namoomaa kanneen biroo Somaaliyaaf kennuuf akka jiru ibsan.Kunis gargaarsa namoomaa biyyoota gaanfa Afrikaaf kennamuuf kan karoorfame Doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 5 keessaa ta’uun ibsamee jira. 
2.6K views05:40
திற / கருத்து
2022-06-15 08:40:34 Itiyoophiyaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Waliin Dubbachuu Haala Ishee Dandeessisan Qorataa Akka Jirtu Dubbatte  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaan-adda-bilisummaa-uummata-tigraay-waliin-dubbachuu-irratti/6617354.html

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad har’a miseensoota paarlaamaa biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiru.  Walitti-bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa kan ilaaleen haga ammaatti mootummaa Fedeeraalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)giddutti mariin gaggeeffame hin jiru jedhan.  


Garu koreen itti aanaa isaanii Obbo Dammaqaa Makonniniin dura ta’aa itti ta’an marii gaggeffamuu maluuf haal duree barbaachiisan murteessuuf hojjataa jira jedhan.Koreen kun Guyyoota 10 hanga 15 giddutti koree hojii koree rawwachiiftuu paartii badhaadhinaaf gabaasa akka dhiyeessuuF jiru  mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad ibsanii jiru.  


Koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaan Koreen kun hundeeffamuu ifatti ennaa ibsu kun kan jalqabaa  yoo ta’u yoom akka hojii jalqabees hin ibsamne.  


Koreen kunis gabaasa guutuu qabatee ennaa dhiyaatu uummataaf ifatti kan labsamuu akka ta’e Mummichi ministeeraa ibsanii jiru.Gara mareetti kan seenamuu taanaanis Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan dubbachuuf jiru koree’uuma kana ta’u ibsan. Odeeffannoon dhokfamuu waan hin jirreef yeroon ga’e mariin ennaa jalqabamuu ifatti ni labsiina jedhanii jiran.  


Dhimma kana ilaalhisee Xalayaa banaa  waajiira prezidaantii bulchiinsa bulchiinsa naannoo Tigraay biraa ba’e akka jedhutti, ejjennaan mootummaa Tigraay waan jijjiramee hin qabu.Deemsa nageenyaa qabatamaa loogii hin qanee fi qajeelafama qabu akkasumas kanneen walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti ta’eetti hirmaatan giddutti ta’uuti ni hirmaanna jedha.Kanaafis jila sadarkaa olaanaa kan aangoo guutuu qabuu fi ibsii kennameef erguun qohii ta’una jedh keenyaa beeksisaa kunis walgahii mootummaan keniyaa walitti fiduun keessummeessuuf ta’uu beeksiifma jedha.  


Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad dhimmi biraa paarlaamaa keessaa ka’e deebii itti kennaniin, Kanneen dhiyeenya kana hidhaman Gaazexxessootaa fi warra yuuTubii irratti qophii dhiyeessan kan ilaaleenis  paarlaamaa keessatti ibsa kennaiinisaan keessaa hangii tokko hokkara Kakaasuu keessaa harka qabu kan jedhan Dr Abiyyi,namoota akka roogeessaa fi Gaazexxessuummaatti dhaabattoota guutuu biyyaa barbadeessan adda baafnee ilaaluu hin qabnu. Abbaa biyyummaa biyyaa kabajsisuu irratti Deemookraasiin jiraatu hin jiru jedhan.  


Hogganoonni Tigraay immo, mummichi ministeeraa Abiyyi bulchiinsa naannoo keessatti aangoo mootummaa waaltaa barbaadu jechuun himatu. Dr.Abiyyi gama isaaniin, TPLF aangoo biyyati bulchuu kan bara 2018 harkaa ba’e sana deebisee qabachuu barbaadu jechuun himatu.  
3.7K views05:40
திற / கருத்து
2022-06-08 00:41:18 Baalee Bahaa Keessatti Hanqinni Bu’ura Misoomaa Carraa Tuurizimii Duubatti Harkise Jedhame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6607281.html

Baalee Bahaa, Dirree Sheek Huseen fi Holqa Dheeraa Soof Umar dabalatee bakkeewwan hawwata Tuurizimii hedduu qabaatus ammas rakkoon hanqina bu’ura misoomaa carraa Tuurizimii naannoon sun qabu duubatti harkisaa akka jiru jiraattonni VOA’tti himanii jiran.


Holqi Soof Umar kan Baale Bahaatti argamu balaa lolaatiinis yeroodhaa yerootti akka miidhamaa jiru Obbo Abdul jabbaar Sheek Ahmed Mahaammed, Abbaan Karraa Soof Umar himanii jiran. Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Baale Bahaa gama isaan, mootummaan furmaata barbaadaa akka jiru dubbataa.


Gama biraan dursaan ergama addaa Gamtaa Afriikaa kan Afriikaa bahaa Oliseguun Obasaanjoo torbee darbe kana Soof Umar daawwachuun qarshii gumaachanii jiru.
1.7K views21:41
திற / கருத்து