Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 4

2022-11-10 07:08:15 Buqqaatonni Kuma Hedduun Magaalaa Shaambuu Qubatanii Jiran Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jechuun Komatan  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6827394.html

Naannoo Oromiyaa godina horroo Guduruu wallaggaa aanaalee adda addaa irraa sababa rakkoo nageenyaan buqqa'anii magaalaa Shaambuu keessa ka jiru Yuunivarsiitii wallaggaa damee shaambuu fi buufata konkolaataa magaalaa shaambuu keessa lammiileen yeroof qubatanii jiran deeggarsi namoomaa taasisamaafii jiru “gahaa miti” jechuun iyyataa jiru.  




Itti gaafatamaan waajjira buusaa gonofaa godina horroo guduruu wallaggaa ammoo gama isaaniin buqqaatota kanaaf deggersi kallattii adda addaatin godhamaafii jira, jedhu. Wajirri Buusaan gonofaa Oromiyaallee dhimma kana irratti deebii kennee jiraa. Tsahaay Daamxoo tu gabaase.   
1.7K views04:08
திற / கருத்து
2022-11-10 07:08:15 Haleellaan Diroonii yokaan Xayyaara Nama-maleessaa Magaalaa Biilaa keessatti Namoota Hedduu Fixuun Gabaasame 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/haleellaan-xayyaara-nama-maleessaa-biilaa-keessatti-namoota-fixuun-himame/6827171.html

Naano Oromiyaa godina Wallaga lixaa magalaa Biilaa keessatti haleellaa Xiyyaarri nam-malee ykn Dirooniin mootummaa itiyoophiyaa raawwateen namoon heduun ajjeefamuu isaanii dhaabanii oduu Asooshiyeetid Prees /Apn  gabaasee jiraa. 


Namoottan ijaan argan waabeeffachuudhaa APn akka gabaasetti haleelaa Sadaasa lama raawwatamee kanaan namoonii du’an reenfii isaanii bakka adda addatti argaamuu isaa ibsee , ragabaatonni ijaa  kan nageenyaa isaaniitiif jecha eenyummaa isaanii himuu hin barbaannee , haleellichii kan raawwate guyyaa gabaa fi yemuu barattoonni mana baruumsaa keessaa bahaa jiranitti akka ta’e ibsuu isaa eereera. 


Lubinni magaalaa Biilaa namoonni balaa Diroonii Kanaan du’an 11 waldaa amantaa isaani keessaatti awwalamuu isaanii akka mirkaneessan kan ibse gabaasin Ap, namoonii dhibbaan lakkawaman madaa’anii akka mana yaalaa keessaa jiran beeksiseera. 


Karaa biraatiin Dilbataa deengaddaa Maqalaa Naqamtee keessatti hidhatoonni Waraanaa Bilisumaa Oromoo kan mootummaa “Shanee” jedhee waamu haleelaa raawwataniin hidhamtootaa Siyaasaa 120 gad lakkisisaanii qabeenyaa waraanaa mootummaa barbadeessuu isaanii ibsaa dubbi himaan dhaabichaa fuulaa tiwuutarii isaanii irratti baasaan waabeffachuudhaan APn gabaaseera. 


Lolli Oromiyaa keessatti taasifamaa jiruu isaa Tigiraay keessatti taasifamaa jiru irraa adda ta’uu isaa kan ibsee gabaasiin kun ABUT fi WBO Kanaan duraa hariiroo waloo ifaa gochuu isaanii ibsee, mootummaan Itiyoophiyaa ABUT wajjin marii araaraa ittu fufuu isaa yaadachiisee jira. 


Midhaa  xiyaaraa waraanaa mootummaatiin nammottan nagaa irratti qaqqabee kana  ilaalchisee deebii mootummaaa argachuudhaaf yaalin karaa waajjiraa dubbii himmaa mootummaa Dr. Legesee Tulluutiin taasisee akka hin milkoofne APn beeksiseera.  
1.6K views04:08
திற / கருத்து
2022-11-05 06:52:01 Wallagga Lixaatti Humnoota Mootummaf Riphxee-loltoota Gidduutti Wal-waraansi Akka Geggeessamaa Jiru Jiraattonniif Qaamonni Mootummaa Ibsan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6820806.html

Naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa aanaalee fi magaalota tokko tokko riphxe loltootni tibbana to’annaa jala oolchuu, jiraattota keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru. 


Aanaa Mansibuutti magaalaan Mandii, aanaa Qilxu-kaarraafi aanaan Lataa Sibuu gurmuu riphxe loltootaa Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee jedhee waamuun to’atamuu, kanaan wal-qabatee  tajaajilli geejjibaa magaalaa Naqamtee irraa gara naannolee biroo Oromiyaa Lixaa fi Naannoo Benishaangul Gumuz geessu addaan cituullee himan – jiraattonni kun. Kan dhimma kana irratti gaafataman – dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii naannoolee bakkawwan to’achuu isaanii eeran.   

Gama biraatiin Godina Beenishaangul Gumuz aanaa Baambasii, Aanaa Wallagga Lixaa Mana sibuu waliin wal daangessu keessatti, lola humnoota mootummaa fi riphxe loltoota gidduutti uumame hordofuun, galgala sa’aatii 2:00 hanga barii sa’aatii 12:00tti daangaan yeroo sochii kaa’amuu Bulchaan Aanaa Baambasii Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.



Dhimma kanaan  walqabatee guyyoota afran darbaniif angawotoa godinaa Godina Wallagaa Lixaa, kan naannoo Beenishaangul Gumuz fi naannoo Oromiyaa, akkasumas Ministeera Barnootaa Federaalaa dabalatee qaamolee federaalaa biroo irraa ibsi bal’aa argachuuf carraaqqiin goone hin milkoofne. Naakoor Ambo irraa gabaasaa dabalatee qaba. 
 
3.9K views03:52
திற / கருத்து
2022-11-05 06:52:01 Waliigalteen Tolfame Akkaan Barbaachisaa Dha:Garee Mirga Namoomaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6820726.html

Angawoonni Iyiyoophiyaa fi kan Tigraay gidduu kana walii galtee irra ga’uun isaanii, gocha hammeenyaa dabalataa fi balaa gargaarsa namoomaan dhabu irraa dhufu hambisuuf, hordoffii addunyaa kan hatattamaa fi cimaa ta’eef carraa murteessaa ta’eera jechuun  Dhaabbanni mirga namoomaa Hiyumaan Raaytis Waach Jimaata har’a beeksisee jira.


Tigraay keessatti wal waraansii eega jalqabamee Sadaasa 4 jechuun har’a waggaa lama kan guutee yoo ta’u, kunis humnootii Tigraayii fi Mootummaa federaalaa isa michoota naannoo fi biyya ollaa Ertiraa dabalatee giddutti ture.


Qorannoon addunyaa, qaamoleen waraanaa kanneen miidhaa bal’aa raawwatan, miidhaa ummata nagaa irratti raawwatamuu akka hin dheeranne mirkaneessuuf furtuu ta’a jedhu Hiyumaan Raaytis keessatti Daayreekteera Afrikaa kan ta’an Kariin Nantulyaa.


Dhaabbatichi, ajjeechaa seeraan ala raawwatamee, humnaan gudeeddii fi hokkara saalaa, dhukaasa seeraan alaa fi haleellaa xiyyaaraa, akkasumas saamicha dabalatee cabiinsa seera waraanaa fi dhiittaa mirga namoomaa hamaa qaamolee waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundaan raawwatame galmeessee jira jedheera.


Deggertoonni ijoo waliigaltichaa namoota nagaa ykn siviloota eeguuf dursa akka kennan, hojiin haala jiru hordofuu cimaa akka hojii irra oluuf, dhiibbaa gochuun mootummaan Itoophiyaa fi aangawoonni Tigraay waadaa mirgaa galan guutummaatti akka raawwatan gochuu qabu jedha.Hiyumaan Raaytis Waach.
2.9K views03:52
திற / கருத்து
2022-11-05 06:52:01 Walitti Bu’iinsa Itiyoophiyaa Keessaa Hundee Furuuf Marii Hunda Hirmaachiseetu Barbaachiisa: OLLAA
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6820712.html

Walii galteen mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT giddutti tolfame tarkaanfii gaarii ta’u OLLAAn ibsa baaseen hubachisee jira.


Garu OLLAAn yeroo dheeraaf adeemsi marii hunda hammate, kan bakka bu’oota sabaa fi sablammoota gurguddoo fi gareelee siyaasaa hunda hammatee fi haala giddu-galeessa ta’een hoogganamu, hundee walitti bu’iinsa guutuu Itoophiyaa keessatti mul’atu furuu fi nagaa waaraa bu’uura kaa’uuf barbaachisaa akka ta’u ibsaa turre jedhee jira.


Imaammanni haqaa ce’umsaa guutummaa Itoophiyaa keessatti yoo sirnaan hojiirra oole, adeemsa marii hunda hammate, miidhamtoota sarbama mirga namoomaa haqaa akka argatan gochuun, akkasumas nagaa waaraa fi tasgabbii naannoo bu’uura kaa’uuf gargaaruu danda’a jedha OLLAAN.
2.5K views03:52
திற / கருத்து
2022-11-05 06:52:01 Waliigalteen Tofame Hundaaf Deebii Kan Hin Qabnee fi Yaaddoof Karaa Bana: Taajjabdoota
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6820785.html

Waan haaraa mootummaa Itiyoophiyaa fi finciltoonni Tigraay mallatteessan kun wal waraansa waggaa lamaa xumuruuf tarkaanfii murteessaa fudhatame ta’uun isaa kan jajamu dha kan jedhan taajjabdonni, garu wanti baay'een ifa waan hin taaneef nagaa waaraa fiduu fi dhiisuu isaa irratti gaaffii kaasaa jiru.


Walii galteen kun, Qawwee callisuun alatti, naannolee waraanaan miidhamaniif gargaarsi namoomaa akka kennamu, achis, Tigraaykeessatti aangoo federaalaa hundeessuun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) hidhannoo hiikkachuu akka qaban addatti gaafata.


Garuu waliigaltee nagaa waaraa karaa diinummaa dhaabbataa dhaabuun, kan mootummaan toora interneetii irratti maxxanfame, waldhabdee furmaata hin arganne furuuf amanamummaa gaarii gareewwanii irratti baay'inaan kan hirkate yoo ta'u, dhimmoota murteessoo hedduu cinatti dhiisee kanneen biroo irratti ifa hin taane ta'ee hafa, xiinxaltoonni jedhe


Qorataa hariiroo siyaasa addunyaa fi pirezidaantii tarsimoo Afrikaa kan ta’an Paatriik Feeraas jedhanitti, walii galtee kana galma ga'uun rakkisaa dha. Wanti hundi kan hojjatamee fakkaatuus,   garuu ariitiin raawwatame jennee yaaduu qabna,'' jechuun dhaabata oduu Ajaans Fraans Prees (AFP) tti himaniiru.


Mariin Piritooriyaa keessatti gaggeeffame kun galmeen dhumaa baasee waa’ee Eertiraa-kan humnoonni ishee duula Tigraay keessatti loltoota Itoophiyaa deeggaran- ykn milishoota naannoo adda addaa waraana kana keessatti hirmaatan hin eerre. Waliigaltee kana ennaa qopheessan waa’ee qooda fudhattoota ijoo ta’an kanaa ilaaluu dhabuun haala balaa qabu uumeera jedhu taajjabdoonni.
3.4K views03:52
திற / கருத்து
2022-10-26 21:58:25 Naannoo Oromiyaa Godinaalee Sadii Keessatti Halellaalee Xayyaaraan Namoonni Nagaan Dhibbaa Tokkoo Ol Ajjeefaman, Jedhame   
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6806545.html

Naannoo Oromiyaa, godinaalee Wallagga Bahaa, Shawaa Babaa fi Shawaa Lixaa keessatti haleellaalee tibbana raaw’ataman, jedhamaniin “namoonni nagaan dhibba tokkoo ol ajjeesaman” jechuun Koongiresiin Federaalawa Oromoo yokaan KFOn, iyyannaa dhiheessee jira. Addi Bilisummaa Oromoo, ABOnis, “bakkawwan adda addaatti namoota nagaa yokaan siiviloota irratti haleellaan raaw’atamaa jira,” jechuun himatee jira.


Jiraattota bakkawwan haleellaan itti geggeessame, jedhame sanaa tahuu namoonni dubbatanis haleellaaleen sun geggeessamuu Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Aangawoonni mootummaa Sagalee Ameerikaatti dubbatan ammoo, “kan haleellaan mootummaa itti xiyyeeffate hidhattoota Shanee malee uummata nagaa miti,” jedhan.


Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa Federaalaa fi Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa haleellaa raaw’atame jedhame ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne dubbatan. ​


Namoonni nagaan yokaan siiviloonni ajjeesamuu isaanii ragaa akka qabu kan dubbate, dhaabbatni as Yunaayitid Isteetis keessa jiruu fi “Waldaa Hooggansaa fi Deggersa Hambaa Oromoo” yokaan OLLAA jedhamu, haleellaalee raaw’ataman jedhaman ilaalchisee qorannaan idil-addunyaa akka geggeessamu gaafatee jira.


 
6.9K views18:58
திற / கருத்து
2022-10-05 20:03:05 Haleellaa Diroonii Dhaan kaleessa Adii Da’iroo Irratti Geggeessameen 65 Du’anii 70 Ol Madaa’an Jedha Ibsi Humnoota Tigraay
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6777037.html

Haleellaa diroonii mootummoonni Ertiraa fi Itiyoophiyaa, kaleessa Adii Da’irootti geggeessaniin, namoonni 65 du’anii, kanneen 70 ol tahan immoo madaa’an, jechuun waajirri dhimma alaa humnoota Tigiraay ibsa har’a baaseen himee jira.


Haleellaa Diroonii Addi Da’iroo irratti geggeessame – jechuun himate kanaaf mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Ertiraa irraa deebii argachuuf, carraaqqiin Sagaleen Ameerikaa taasise, haga ammaatti hin milkoofne. Lakkoobsa, humna Tigiraay irraa himame kanas, haga ammaatti qaama biraa hin mirkaneeffanne.    


 
1.7K views17:03
திற / கருத்து
2022-10-05 20:03:05 Lammiilee Indooneejiyaa Balaa Dirree Kubbaa Miillaa Keessatti Uumameen Du'an 131 Ta’uun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6777013.html

Sanbata dheengaddaa biyya Indooneejiyaa keessatii balaa dawwatootaa kubbaa miilaa irra ga'een nammooni du’an 131 ta’uu isaanii fi caalaan isaanii ijooleewwan akka ta’an waldaan kubbaa miilaa biyyatii beekisisee jira.


Itti gaafatamaan dhimmaa naamuusaa waldichaa Iriwiin Toobiig akka oduu gabaastotatti himaniitti balbali dirree kubbaa miilaa ykn stadiyoomii ittu taphichi hin raawatin daqiiqaa 10 dursee ituu banamuu qabuu hin banamin hafeera jedhaniiru.


Poliisiin biyyattii gama isaatiin raga suur-sagalee dhiheesuu dhaan ifa taasiseen balballi hunduu banaa akka turan agarsiisee garuu dhiphoo  turan jedheeraa.


Dhimmuma kanaan walqabatee ajjajaan poolisii kutaa Malaangaa hojii iraa ari'atamanii qondaaltoni Poolisii Sagal immoo yeroo dhaaf hoojii akka dhaaban taasifamanii jiru.  Miseensonni poolisii 18 immoo qorannoon irratii taasifamaa akka jiru ibsameera.


Roobii har’aa kutaa balaan sun itti qaqqabe kan daawwatan prezidaantiin Indoonejiyaa Jooko Widodo taphi kubbaa miillaa biyaattii hunduu yeroo dhaaf akka uguramee turu ibsanii dhimmichaa irratii Prezidaantii Feederashiinii kubbaa miillaa adduunyaa FIFA Jiyaanii Infaantiinoo wajjin maryatanii walii galuu isaanii akka ibsan gabaasamee jira.
1.3K views17:03
திற / கருத்து
2022-10-05 20:03:05 Prezidaantiin Ugaandaa Ilmaa isaanii Aaangoo Irraa Kaasan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6776909.html

Prezidaantiin Ugaandaa Yuweerii Museveenii ajajaa waraana lafoo biyyaa isaanii kan ta’an ilmaa isaanii guyyaa kaleesaa taayitaa irraa buusanii jiru. Torbanuma kana keessaa garaa jeeneraala guutuutii guddachuun isaanii kan labsame Ilmi prezidaantichaa Letenaa Jeeneraal Muhoozii Ka’inerugabaa wantii isaan dhiheenyaa kana fuulaa tiwuutarii ofii irratii barreessan lammiilee Ugaandaa biratti aarii umuun isaa gabaasameera.


Ka’inerugabaan dhiheenyaa kana waraani biyya isaanii magaalaa guddittii biyyaa keeniyaa Naayiroobii weeraree qabachuu dhaaf torban tokko itti hinfudhatu jedhanii wantii isaan barreessan mootummaa keeniyaa fi biyyoottan baha Afrikaa kan yaaddeesee dha.


Jechii jeeneraalichaa lammiilee keeniyaa hedduu kan aarsee yoo ta’a,  ministeerii dhimmaa alaa keeniyaa Ambaasaadara Ugaandaa wajjin dhimicha irratii dubbachuu isaanii ibsee jira. Ministeerii dhimma alaa Ugaandaa gamaa isaatiin wanti jeeneraalichi barreessan waliti dhufeenya biyoottan lammanii kan miidhuu dha jechuu dhaan balaaleffatuun isaa gabaasameeraa.


Jeeneraalichii ergaa tiwuutarii dhiheenyaa kana dabarsaniin garee Muutummaa Itiyoophiyaa wajjin lola irraa jiru ABUT fi garee hidhattootaa mootuummaa Koongoo irratti lola banee jiru akka deggeran ibsuun isaanii ni yaadatama.


Waggootan 35 darbaniif Prezidaantii Ugaandaa kan ta’an fi wagga 78 kan guutan Yuweerii Museveenii fudhachuu baatanus lammiileen ugaandaa hedduun jeeneraalichi abba isaanii bakka bu’uud haan biyyatii bulchuu dhaaf akka qophaawaa jiranutii akka fudhatan gabaasamee jira.


 
1.1K views17:03
திற / கருத்து