Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 6

2022-06-08 00:41:18 Lammiileen Itiyoophiyaa Miliyoona Tokkoo Ol Dhibee Busaan Qabamuu Ministeerri Fayyaa Biyyattii Beeksise 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6607283.html

Itoophiyaatti bara 2014 baatii 10'n keessatti qofa lammiileen miiliyoona 1 fi kuma 300 ta'an dhibee Busaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Biyyoota addunyaa adda addaa irratti kan mul'atee jiru, dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti hin mul'anne jechuun Deetaan ministeera fayyaa Dr.Darajee Dhugumaa ibsaniiru.




Gama biraatin tatamsa'inni vaayirasii Kooviid 19 yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti dachaan dabalaa akka jiru dubbatan. Tsahaay Daamxoo ibsa ministarichaa hordufuun gabaasaa ergite qabna.




 
1.3K views21:41
திற / கருத்து
2022-06-08 00:41:18 Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets Shaakala Itti Fufanii Jiru 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6607105.html

Kooriyyan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets jeettoota waraanaa 20 kan hirmaachiise fi jabiina humna waraanaa qilleensa irraa agarsisuu kan gaggeessan yoo ta’u kunis koriyaan Kaabaa dhiyeenyatti yaalii dhukasa Nukleeraa gaggeessuuf akka jiru mallattoon agarsiisan akka jiran ibsamee jira.


Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets wal ta’uun gaggeessan kun, tuttuqqaa Koriyaa Kaabaaf hatattamaa fi haala sirrii ta’een deebii kennuuf dandeetti cimaa fi fedhii jiru kan agarsisee ture jedha waraannii Koriyaa Kibbaa.


Biyyonni lameen, tuttuqqaa dabalataa Koriyaan Kaabaa gaggeesitu hordofaa jiru.


Koriyaan Kabaa dhiyeenyatti yaalii nukleeraa isa 7ffaa gaggeessuuf akka jirtu mallattoon agarsisuu kan jiru yoo ta’u, kana gochuun ishee immo muddamsa kutaa caalaatti hammeessu ta’a.



 

 
1.1K views21:41
திற / கருத்து
2022-06-08 00:41:18 Lammiwwan Biyyoota Amerikaa Maaliif Biyya Ofii Irraa Dheessu? 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6607078.html

Qaamoonni mootummaa fi kan dhunfaa hedduu kanneen Amerikaa waaltaa keessatti misoomaa fi nageenya jajjabeessuu jedhamuun yaadaman Yunaaytid Isteets har’a kan labsitee yoo ta’u kunis, namoonnii achii irraa gara Amerikaatti godaanuu isaaniif sababaan maal akka hubachuuf ta’uun ibsamee jijra.


Itti aantuu prezidaantiin Yunaaytis Isteetes kamaalaa Haaris kaoora kana hogganuun, hogganoota daldalaa waliin wiixata kaleessaa galgala walgahuun, proojeektii dhunfaa haaraa kan Doolaaraa Biliyoona 1.9 jaarmayoota daldalaa fi ka biroof 10f ramadamuun ibsamee jira.Kan biraas muddee fullee keenyaa kan itti fufuu ta’u ibsanii jiru.


Yunaaytid Istees torban kana hogganoota biyyoota Amerikaa irraa dhufan walgahiif Loosaanjalas keessatti keessummeesuuf jiru waliin dhimmi kun wal afaan dhufe.


Yunaaytid Isteets walgahii kanaaf Kubaa, Nikaaraaguwaa ykn Veniau’eelaan akka hirmaataniif hin afeerre jechuun itti gaafatamtuun preesii kan Waayit Haawus wiixata kaleessaa ibsanii turan. Abbootiin irree afeermuu hin qaban jedhan.


Prezidaantiin meeksiskoo immo kana ilaalchisee walgahii kana irratti hin argamuu jechuun ministeera dantaa alaa biyyatti kan ergan ta’u beeksiisan.prezidaantiin Hoduraasis biyyonni Amerikaa hindii hin afeeraman taanaan walgahii kana irratti hin argamu jedhan.


Prezidaantiin Guwaatimaalaa walgahii sana irratti argamuu manna hojii biyya koo keessaa gaggeessuu naa wayya jedhan.Dhimma godaansaa kan ilaaleen meeksikoo honduraas fi Guatimaalaan michuu jaboo ta’uun Yunaaytid Isteetes waliin hojjataa turan.
1.5K views21:41
திற / கருத்து
2022-06-03 22:34:32 Rashaan lafa Yukreen dhibeentaa 20 too’achuu ishee ibsameera
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6602491.html

Erga Raashaan Yukreeniin weerartee jimaataa har’aa guyyaa 100 yemuu guutee kanatti, waraanni Raashaa lafa biyyaa Yukreen dhibeentaa 20 qabachuu isaa prezidaantiin Yukreen Volodimiiyir Zelensikii Ibsanii jiru. Guyyaa kaleessaa karaa toora Marsariitiitin miseensotaa mana maree mootummaa Luuzenbargiif haasaa kan taasisan Zeleniskiin addaa waraanaa Kiiloomeetriii kuma dheeratuu irratii walwaraansii itti fufee jiraachuu isaa dubbataniiru.


Kamisaa kaleessaa akka Yuukreen jettetti kibbaa biyyatti kutaa Keheerson keessatti kan argaman gandootan fi magaalewwan 20n umnoottan Rashaa irraa bilisa bahaniiru. Karaa biraatiin, loltoonii Raashaa baha Yuukreen ,kutaawwan Doneskii fi Luhaanisk keessatti haleelaa itti fufuun isaanii gabaasamaa jira. Akka bulchaan Luhaanisk Seerhiy Haa’ida jedhanti,loltoonni Raashaa Magaala ishee dhumaa Luhaaniskii keessatti argamtu Si’eviroodoonesk dhibeentaa 70 too’ataniiru. Minsteerrii ittisaa Biritaanyaa gama isaatiin odeeffanoo kan mirkaneesuun isaa gabasameera.


 Haalaa waraansaa irratii ibsii hagganaa Yuukreen kennan kun kan ifa taasifame, ergaa Prezidaantiin US Joo Bayden Rookeetii fi meeshaalee waraansaa gurguddoo bituudhaaf kan ollu gargaarsaa Dolaarii Miiliyoonii 700 biyyii isaanii kennuu ishee beeksisanii boodee akka ta’e beekameera.
1.1K views19:34
திற / கருத்து
2022-06-03 22:34:32 Yunaayitid Isteetes ,biyyoottan dhiibbaa amantaa taasisu jette maqaa dhooftee jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6602474.html

Ministeerrii dhimmaa alaa yunaayitid isteets walabuumaa amaantaa ilaalchisee ibsaa wagga mana maree bakka bu’ootaataaf  dhiheessee keessatti biyyootaan dhiibaa amantaa irratii hunda’ee lammiilee isaanii irratii taasisan addaan baasuudhaan beeksisee jira.


Akka gabaasichi ibsetti, bara 2021 keessaa Chaayinaan mirgaa amaantaa irratti dhiibaa taasisuudhaan sadarkaa jalqabaa irra jirti. Minstiriri dhimmaa alaa US Antoonii Bliinken dhimma kana ilaalchisuudhaan ibsaa kennaniin,Chayinaan, warren caalaan isaanii amantaa musiliimaa hordofan, warraa Uyghuri fi hordoftootaa amantaa warren lakkoofsaann yaraa ta’anii irratti duguuggaa sanyii fi diibbaa raawwachuu itti fuftee jirti. Bara 2017 as warren saba Uyghurii, Kaazaak, Turkees fi wareen biroo miliyoonii tokko ta’an moraa mana hidhaa jinjiyaang keessatti hidhamaniiru jedhaniiru.


Antoonii Bliiken itti dabaluudhaan, Paartiin sirna Komunistii Chaayinaa, isaan amantaa Budahaa hordofan warren Tibeet irratiis hacuuccaa taasisaa jiraachuu isaa ibsaniiru.


Mootummaan chaayinaa himannaa sadarkaa adduuyaa irratti dhihaachaa jiru haluudhaan bakkeewwan mooraa hidhaatii jedhaman hunduu mooraawwan leejii ogeessumaati jechaa jiraachuun ishee gabaasameera.


Gabaasaa kana keessatti Chaayinaatti aanuudhaan Iraan, Maayinmaar, bulchiinsii mootummaa Taalibaan kan Afgaanistaan , Raashaan , Indiyaaniif Paakistaan maqaa dhahamaniiru.


Akka Bliinken jedhanitti , biyyaa dimokiraata’umaadhaan beekamtuu Indiyaa keessatti haleellaan bakeewwaan amaataati namoottan irratti raawwatu dabalaa deemaa jira. Waggootan darbaniif dhiibbaa amantaa ilaalchisee  himannaa US irara dhihaachaa ture Indiyaan jabeesitee mormaa turuun ishee ni beekama. Biyyii olla Indiyaa Paakistaan yakkaa dhimmaa amantaatiin walqabateen namoottan 16 irratti murtoo adabbii du’aa dabarsuu isheetiif ,amma ammati namoonnii ajeefaman akka hin jirree gabaasameera.


 


 
855 views19:34
திற / கருத்து
2022-06-03 22:34:32 Godina waag Himiraatti beelladonni kumni 20 du’aniiru jedhame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6602431.html

Naannoo bulchiinsa Amaaraa goodina bulchiinsaa sablammii waag himiraa keesatti hanqinaa roobaatiin kan ke’ee ji’oottan sadan darban keessatii beeladoonii kumnii 20 yemuu du’an kuma 100 ol kan ta’an imoo garaa naannolee biraatti godaanuun isaanii ibsameeraa.


Waajiraa misoomaa beeladootaa fi qurxummii godinichaa fi jiraattota wabefachuudhaan gabaasinn Masfin Arragee qindeesee akka ibsetti, waggootan darbanii fi roobinii gahaan waan hin tureef, akkasumas sababa walwaraansaatiin horsisee bultoonni bakka biroo deemanii nyaataa beelladootaa barbaachuu waan hindadeenyeef rakkoon kun hammaachaa ganda’eeraa jedhameera. 
984 views19:34
திற / கருத்து
2022-05-26 00:50:06 Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Hidhaa Ba’anii Jiru:Abukaatoo
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588955.html

 Hoggansi olaanaan ABO koloneeL Gammachuu Ayyaanaa har'a mana hidhatti bahaniiru jechuun abukaatoon isaanii ibsaniiru. 


 Koloneel Gammachuun kaleessa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaatanii dhimmi isaanii erga ilaalameen booda, haal duree tokko malee akka hiikamaniif manni murtii ajaja dabarsee ture kan jedhaan abukaatoon isaanii obbo Tuulii Baay'isaa Poolisiin kaleessa ajaja mana murtii raawwachuu diduun Koloneel Gammachuu mana hidhaa keesa bulchan jedhanii, har’a garu hiikamuun  maatii isaaniitti dabalamuu isaanii Tsehaay Daamxoo Fin finnee irraa gabaastee jirti.. 


  


 
345 views21:50
திற / கருத்து
2022-05-26 00:50:06 Dr. Tedroos Adhanoom Marsaa Biraaf Muudaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588947.html

Dr.Tedroos Adhaanoon marsaa lammataa waggaa shaniif  Daayreekteera walii galaa kan Jaarmayaa fayyaa addunyaa ta’anii irra deebi’anii filatamuu isaanii dinqiisiifatanii jiran. 


Kan Kibxata kaleessaa isaan filatees biyyoota miseensoota dhaabata fayyaa kan Tokkummaa Mootummootaa walgahii Swiizerlaand keessatti walga’aniin ture. 


Kaadhimamaan ka biraan Dr. Tedroosiin dorgomuuf dhiyaate hin turre yeroo weerarrii vaayrasii koroonaa hammaateetti deebiin kennamaa ture sana waan ta’eef jedhamee jira. 


Dr. Tedroos lammii Afrikaa jaarmayaa fayyaa addunyaa hogganan kan jalqabaati ta’u fi ituu dooktoora waa’ee fayyaa hin ta’iin hojjataa jiran ta’uun ibsamee jira. 


Kana malees Dr.Tedroos  deggersa biyya isaanii kan taate Itiyoophiyaa kan hin qabnee fi wal waraansaa fi rakkoo gargaarsa dhala anamaa  biyyatti keessa kan ilaaleen qeeqa eega dhiyeessanii booda, waa’ee hoggantummaa Dr Tedroos irratti Itiyoophiyaan gaaffii kaasuun ni yaadatama. 
269 views21:50
திற / கருத்து
2022-05-26 00:50:06 Mariin Gaggeeffamu Kallattiin Putiin Waliin Ta’u Qaba:Zeleenskii
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588940.html

Raashaa waliin dubbachuuf fedhii akka qaban kan ibsan mummichi ministeera Yukreen Volodmiir Zeleenskii kunis prezidaant Putiin waliin kallattiin kan gaggeeffamu ta’u qaba jedhan. 


Zelenskiin gama vidiyoon walgahii dinagdee kan addunyaa irratti kana kan dubbatan yoo ta’u, yoo dhugumaan Putiin dhugaa lafa irra jiru ni hubata ta’e, furmaata karaa diploomaasiin walitti bu’iinsa kana keessaa ba’uuf carraan jira jedhan. 


Kana malees, Raashaa waliin dubbachuuf tarkaanfiin dursee fudhatamuu qabuu waraannii Raashaa lafa weerara ituu hin jalqabiin dura tureetti deebi’uu qabu jedhan Zeleniskiin. 


 
223 views21:50
திற / கருத்து
2022-05-26 00:50:05 Koriyaan Kaabaa Misaa’eela Furguggiftee Jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588927.html

Prezidaant Baaydiin daawwannaa biyyoota Eshiyaa kaaba bahaa keessatti gaggeessan eega xumuranii sa’atilee hanga tokko booda, Koriyaan Kaabaa yaalii dhukaasa misaa’iila Baalistiik sadii kan ardiwwan qaxxaa muuruu dabalatee gaggeessuu ishee Koriyaan Kibbaa beeksiiftee jirti. 


Garu yeroo daawwannaa prezidaant Baaydiin otoo hin taanee eega imaltuu xumuranii ba’anii sa’atii 12 booda yaalii kana Koriyaan Kaabaa gaggeessite. 


Waraanni Koriyaa Kibbaa deebii kenneen, shaakala jettoota waraanaa 30 kanneen F-15K jedhaman hirmaachisee gaggeessee jira.Kana malees Amerikaa fi koriyaan kibbaa dhukaasa misaa’eelaa kan lafa irraa ykn Donii irraa waan irratti qiyyaafatamee haleeluu shaakaluun isaanii ibsamee jira. 


 
235 views21:50
திற / கருத்து