Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 9

2022-02-12 11:25:41 HIriirri Farra Fonqolcha Mootummaa Sudaan Keessatti Ammas Ka’uun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6437414.html

Sudaan keessatti fonqolcha mootummaa waggaa darbe waraanni geggeesse mormuu dhaan namoonni kumaan laka’aman irra hdduun dargaggoota dhiiraa fi dubartootaa kaleess mormii isaanii dhageesisanii jiran


Mormitoonni kun magaalaa galma mootummaa biyyattii Kaartumii fi daandiiwwan magaalaalee ka biroo keessati yoo hiriiran waraanni aangoo dhuunfachuu akka dhaabu gaafatniiru. 


Dhimma siyaasaa kan leellistu Jafaar Kader akka jedhetti uummati Sudaan, Kaartuumii fi kutaa kaabaa akkasumas Jaziiraa fi baha Darfuur keessaa warraqsa wal irraa hin cinne geggeessuu itti fufaniiru. Warraaqsi kun hanga galma isaa ga’utti akkasumas ka biyyattii bulchaa jiru hoogganaa mana maree walabaa Al Burhaan fi itti aanaa isaanii Generaal Mohammed Hamdaan Dagaaloo angoo irraa buusee mootummaan dimoktaatawaa kan sivilii hanga hundeeffamutti itti fufa jedhee jira.


 Alaabaa Sudaanii fi suraalee namoota kana dura hiriira geggeessaman irrati walitti bu’iinsa poolisii waliin geggeessamaniin ajjeefaman agarsiisuu fi dhaadannoolee fonqolcha mootummaa mormu dhagessisuu dhaan sochii biyyattiin gara dimokraasiitti geggeessitu kan hogganu mootummaan sivilii akka hundaa’u gaafataniiru.


Poolisiinis gaazii imimmaansuu biifuu fi rasaasa laastikaa kan dhukaase yoo ta’u, hiriitota mormii dhakaa drban irratti bishsaan itti biifee jira.
1.4K views08:25
திற / கருத்து
2022-02-12 11:25:40 Hanqinni Boba’aa Tigraay Keessaa Rakkoo Geejjibaa Naannoo Sanaa Hammeessuun Gabaasame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hanqinni-boba-aa-tigraay-rakkoo-geejjibaa-naannoo-sanaa-hammeesse/6437394.html

Daandiin utuu hin cufamin dura kan gale liitirii 50,000 irra darbee baatilee saddeettan darbsniif boba’aan Tigraayiin seene homtuu kan hin jiraanne ta’uu waajjirri daldalaa fi industrii naannoo sanaa beeksisee jira.


Jiraattonni Maqalee VOAf akka ibsanitti hanqinni boba’aa gama geejjiba magaalaalee naannoo sana gidduu jiranii irratti rakkoo uumuu isaa fi lammiiwwan industrii sana keessa hojjetaa turan illee hojii malee hambiseera jedhn.


Hanqinni kunis dameewwan adda addaa jechuunis, eegumsa fayyaa, industriiwwan irrtti dhiibbaa geessisee jira. Jiraattonni naannoo uggurri kun akka dhaabatuuf lammiiwwan jireenya isaanii idilee itti fufuu akka danda’an hawaasa addynyaatti iyyataniiru jechuu dhaan Mulugeta Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.
1.9K views08:25
திற / கருத்து
2022-02-11 07:02:46 Hoogganoonni ABO Mana-hidhaa Jiran Irratti Cabsuu Mirga Namoomaa tu Raaw’atamaa Jira, Jedha Paartichi  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhimma-hoogganoonni-abo-mana-hidhaa-jirani/6436217.html

Misoonsonni hooggnsa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuu cabsuu mirga namoomaa nu irratti raaw’atamaa jira, jechuun eega nyaata lagachuu jalqabanii guyyaa ja’affaa tahuu, paatichi beeksisee jira.  


Dubbi-himaan paartichaa kan yeroofii Obbo Lammii Gammachuu VOAf ibsa kennaniin, “hoogganoonni kun dhukkubsatanii wal’ansa dhorkamanii jiru. Maatii isaanii, abukaatoo isaanii fi namoota paartichaa waliin eega wal-quunnamanii baatiilee toorbaa ol tahee jira,” jedhan.


Haala miseensonni hooggansa paartichaa itti jiran adda baafachuuf Biiroo Haqaa Oromiyaa, Koomishina Poolisii Oromiyaa, Koomishina Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi Ministirii Haqaa Federaalaatti, waajira Abbaa-alangaa waliigalaa irraa ibsa argachuuf carraaqqiin VOAn godhe ammaaf hin milkoofne.


Hordofaa.




 
3.0K views04:02
திற / கருத்து
2022-02-11 07:02:46 Dhukkuuba Qaama Keessa Jiraachuun Isaa Ituu Hin Beekamiin Waggootaaf Ture
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6436179.html

Afrikaa kessatti Dubartoota hedduu miidhuun kan beekamu kaansariin fixee gadameessaa (Cervical Cancer) hanga waggaa digdamaatti illee waan hin mul'anneef jecha dubartonni ykn shamarran qabamuu isaanii of irratti hin beekan. Kanaaf jecha dhukkubichaan qabamuu isaanii kan baran erga inni sadarkaa jabaa irra ga'e booda.Dhukkuuba kana ilaalchisee Dr. Taaddasaa Kitilaa Hospitaala Braas isa Finfinnee jiru irraa haasoofsiifnee jirra. Caqasaa.




 
2.3K views04:02
திற / கருத்து
2022-02-11 07:02:46 Namooonni Matakkal Keessatti Buqqa'anii Turan Qehee Ofiitti Deebi'an, Jedha Mootummaam Benishaangul Gumuz 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6436091.html

Naannoo Benishaangul Gumuz, godina Matakkal keessatti, sababaa dhabamuu nagaafi yaaddoodhaan namoonni bosonatti baqatanii turan hedduun gara bakka irraa baqatanii turaniitti deebi’uu isaanii Mootummaan Naannichaa beeksisee jira.


Komishinarri Koomishinii Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Obbo Taarraqany Taasisaa, “Mootummaan namoota kanaaf gargaarsa nyaataa fi nyaata hin tahinii kennaa jira, akka isaan of danda’an gochuufillee hojjataa jira” jedhan. Hordofaa




 
2.0K views04:02
திற / கருத்து
2022-02-11 07:02:46 Walitti Bu'iinsa Itoophiyaa Keessaa Kanneen Hammeessan Irra Uggura Kaahuf Wixinee dhiyaate Manni Maree Ameerikaa Raggaasisee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6435670.html

Mootummaan Itiyoophiyaa wal waraansa hamaa siviiloota miidhe xumuura akka itti tolchuu gochuuf bulchiins Baaydiin tarkaanfii dabalataa akka fudhatuuf yaada bakka buutonni uumataa Tom Malinowski fi young Kim dhiyeessan koree birkii haajaa alaa kan mana maree bakka bu’oota uummataa raggaasisee jira. 


Kanneen walitti bu’iinsa kana hammeessan irra ugguura ka’uu, hanga kabajamuun mirga namoomaa hojii irra oluutti gargaarsa nageenyaa fi maallaqaa mootummaa Itiyoophiyaaf kennamuu dhaabu kan jedhu of keessaa qaba. 


Wal waraansii Itiyoophiyaa keessatti baatilee 15 gaggeeffame  siviiloota irratti miidhaa hamaa geesisuu isaa ibsee Tokkummaan Mootummootaa yakka waraanaa, yakka dhala namaa irratti rawwatamee akkasumas kan duguggaa sanyii ta’u malu galmeesseera jedhee jira. 
2.6K views04:02
திற / கருத்து
2022-02-07 23:15:05 Balaan Doonii Boba'aa Naayijeriyaa Keessatti Dhaqqabe Lubbuu Galaafate
https://www.voaafaanoromoo.com/a/balaan-doonii-naayijeriyaa-keessatti-dhaqqabe-lubbuu-galaafate/6431051.html

Naayjeriyaa keessatti torban dabree Doniin boba’an keessatti kuufamuu fi oomishamu dhohiinsa isa mudateen yoo xiqqaate namnii 5 du’uun ibsamee jira. Hojjatonni  Donichaa 4 immo eessa buteen isaanii dhabamuu kaampaniin Naayjeriyaa hojii sana gaggeessu Trinitii spiriit jedhamu har’a beeksisee jira. 


Doniin kun Robii dabree balaan kun yeroo isa mudateetti hojjatonni irra turan 10 ta’u fi isaan kana keessaa 3 torban dabree lubbuun argamuu fi kannen biroon 3 Dilbata kaleessaa reeffii isaanii argamu kaampaaniichi hubachisee jira. 


Hojjattonni kanneen biroon 4 eessa akka jiran fi nageenya isaanii hordofuun waan ilaalcha duraa itti kenninee hojjataa jirru jechuun kaampaaniin kun ibsee jira. 


Yeroo balaan dhohinsaa kun dhaqqabeetti hojii Omiishuu irra akka hin turrees ibsamee jira. 
674 views20:15
திற / கருத்து
2022-02-07 23:15:05 Caamnii Hammaachuuf Uummanni Daangaa Akka Ce’uu Dirqisiisaa Jira: Angawaa 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/caamnii-hammaachuuf-uummanni-daangaa-akka-ce-uu-dirqisiisaa-jira-jedhame/6431028.html

Caama hamaan biyyoota Gaanfa Afrikaa mudateen namoonnii biyya ollaa taatee Somaaliyaa irraa daangaa ce’uun Itiyoophiyaa akka seenan dirqisiisaa jira jechuun bulchaan bulchiinsa naannoo Somaalee Musxafee Mohammad Omaar dubbatanii jiru. 


Kanaaf jecha dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) namoota daangaa sadarkaa addunyaa ce’uun Itiyoophiyaa seenanii baqataa ta’uuf jiran  kana bakka Dollo jedhamu kan Somaaliyaa keessatti mooraa ijaaree akka simatuuf musxafeen gaafatanii jiru. 


Gama kaaniin Itti aantuun barreesituun tokkummaa mootummootaa Aminaa Mohammad prezidaantii Itiyoophiyaa Saahle Warq Zawdee waliin bulchiinsa naannoo Somaalee kan dawwtan yoo ta’u namoota caamaan midhamanis arganii jiran. 
637 views20:15
திற / கருத்து
2022-02-05 08:08:14 Hokkaraa fi Yakka Qawween Gaggeeffamu Dhaabsisuu Qabna: Prez Baaydiin 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yakka-qawween-gaggeeffamu-dhaabsisuu-qabna-baaydiin/6427001.html

Prezidaant Joo Baaydiin Kamiisa kaleessaa gara magaala Niiw Yorkiitti kan imalan yoo ta’u, kunis hokkaraa fi yakka qawween gaggeeffamu ittisuuf bulchiinsii isaanii dhiibbaa haaraa kan taasisuu ta’u hubachisuuf ture.Qawwee hin galma’iin jiranis dhimmi kun kan ilaallatu ta’uun ibsamee jira. 


Magaalaan Niiw York keessatti hokkara Qawween gaggeeffamuu dabalaa adeemuu isaan kan ka’e bulchaan magaalatti Eriik Adams gargaarsa gaafatanii jiru. 


Ajjechaa dhaqqabaa jiru hundii keenya ijaan argaa jirra, ragaadhas jedhanii sadarkaa Federaalaatti, qawween akka magaala kana hin seennee gochuu  hin dandeenye jedhan.  


Kamiisa kaleessaa waajiira polisii magaala Niiw Yoork kan daw’atan prezidaant Baaydiin meeshaa seeraan  ala seenan irratti hordoffiin taasifamuu akka qabu dubbatan. 


 Har’a abbaan alangaa mummichi qajeelfama kennaniin, abbootiin alangaa guutummaa Amerikaa keessa jiran hundumtuu, daangaa kutaalee fi magaalaalee irratti qawwee dhoksaan galan ittisuuf ilaalcha isaanii ka duraa gochuu akka qaban hubachiisan jedhan Baaydiin. 


Bulchiinsii Baaydiin karoora sadarkaa guutuu biyyaa kan meeshaalee naannotti hojjatamanii fi lakkoobsa galmee hin qabne ittiin dhaqqabuun danda’amu labsee jira. 
2.6K views05:08
திற / கருத்து
2022-02-05 08:08:13 Gamtaan Afrikaa Walgahii Isaa Irratti waa’ee Mirga Namoomaa fi Haqaa Irratti Qiyyaafachu Qaba: HRW 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/gamtaan-afrikaa-mirga-namoomaa-fi-haqaa-irratti-qiyyaafachu-qaba-hrw-/6426977.html

Hoggantummaa gamtaa Afrikaa qabachuuf kan jiran prezidaantiin Senegaal Maakii Saal sivilootaaf eegumsa gochuu, kabajamuu mirga namoomaa, murtii haqaa fi itti gaafatamummaa kabajsisuun ajandaa gamtaan Afrikaa irratti qiyyaafachuu qabu jechuun gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raayits Waach gabaasee jira. 


Walgahiin gamtaa Afrikaa Guraandhala 5 fi 6 bara 2022 kan gaggeeffamu yoo ta’u Maakii Saal Ardiin Afrikaa rakkoo nageenyaa fi waa’ee Fayyaa, kan siyaasaa fi jeeqmanii hawaasaa ennaa hammaateetti gara aangootti dhufan jedhan garee Hiyumaan Raayits waach ti Daayreekteerri afrikaa Kariin Nantulya. 


Rakkoon jiraatu illee prezidaantii Senegaal hoggantummaa gamtaa Afrikaa fi qajeelfa irratti bu’urfamee kabajsisuu waadaa seenteef cicha qabdu agarsisuu qabu jedhan.Kunis  mootummoota dararaa geesisan irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachuu, gaaffii namoota midhamaniif deebii kennuu akkasumas hariiroon wal qixxee fi madaalawaa ta’een gaggeeffamuun addunyaa gama kaabaa keessa akka jiraatu taasisuu dha.  


Hogganonni biyyoota Afrikaa kanneen Finfinnee keessatti wal ga’an wal waraansa mootummaa Itiyoophiyaa fi wal taatoota isaa Ertraa dabalatee fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) giddutti ta’een dararaa hedduu dhaqqabef ilaalcha duraa kennuu akka qaban, gaafatamee jira.
2.3K views05:08
திற / கருத்து