Get Mystery Box with random crypto!

VOA Afaan Oromoo

டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo V
டெலிகிராம் சேனலின் சின்னம் voaafaanoromo — VOA Afaan Oromoo
சேனல் முகவரி: @voaafaanoromo
வகைகள்: செய்தி
மொழி: தமிழ்
சந்தாதாரர்கள்: 24.62K
சேனலில் இருந்து விளக்கம்

ODUULE
VOA AFAAN OROMOO
[Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu.
🅿 Yaada @admiinii_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


சமீபத்திய செய்திகள் 7

2022-05-26 00:50:05 Gargaarsii Nyaataa Hedduminaan Ummata Akka Dhaqqabu Feena: Samantaa Paawar
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6588894.html

Itiyoophiyaa keessatti manneen kuusaalee gargaarsa nyaata uummanni miliyoona hedduun eeggataa jiru akka hin dhaqqabne ittifamaniin guutamee jira jechuun bulchiituun dhaabata misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetes Samaantaa Paawar ibsanii jiru. 


Gargaarsa xiqqoo gama biyyatti gama kaabaatti erguun foyya’iinsii hangii tokko akka jiru ta’uus garu akka hedduminaan seenee yeroo ituu hin raabsiin nu jalaa dabree iddoo buusuu feena kan kedhan Paawar namoota beela’an ijoollee nyaata dhabuun ergaraman karaa itti dhaqabuu qabnu humnootiin mootummaa dhorkan jiru jedhan. 


Torbanti Kokoolaataan gargaarsa fe’an 500 bulchiinsa nannoo Tigraay Amaaraa fi Afaar akka seenan feena kan jedhan  Paawar gargaarsii nyaataa hin dhaqqabu ta’e baatii dhufu keessa haala beela fakkaatu keessa namoonni seenan jiru jedhu. 


Gargaarsii amma xiqqeenyaan seenaa jiru hedduminaan gamas akka dhaqqabu aangawoota Itiyoophiyaa gaafanna jedhan
323 views21:50
திற / கருத்து
2022-05-12 21:08:41 Itoophiyaa Keessatti Sababa Hongeetin Barattoon Kuma 600 ol Baruumsa Dhaabuun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itoophiyaa-sababa-hongeetin-barattoon-kuma-600-ol-baruumsa-dhaabane/6568487.html

Rakkoon Hongee yeroo ammaa Itiyoophiyaa muudatee jiru namoottan kuma dhibbatti lakkaawaman qe’ee isaanii irraa buqisee, barattonii kuma 600 ol akka baruumsaa isaanii dhaaban taasisu isaa dhaabbanni mootummootaa gamtoomanii ibsuun isaa gabaasameeraa.  


Gabaastuun VOA Liindaa Giveetaash bulchiisaa Naannoo Somaalee magaala Godeetti argamuudhaan gabaasnii qindeesitee akka jedhetti, dhaabileen garagarsa ijoollewanii kan akkaa Seev ze chiildireen bakeewaan namoottan qe’ee isaanii irraa buqqan qubataniitii,bakka ijooleen baruumsaa dhaabuus dirqaman itti taphatan fi baruumsaa itti argatan qopheessaa jiru. 


Gabaasni Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhimmaa ijoollewanii irratti hojjatu, UNICEF akka jedhetti baadiyaa keessatti barattoonii mana barnootaa sadarkaa jalqabaa keessaa jiran dhibeentaan 60 qabxii  mana barumsaa kutaa itti aanutti  isaan dabarsuu danda’u argachaa hin jiran. Barattootaa qormaataa kutaa 8 ti fudhatan keessaa kan darbuu danda’nii garaa baruumsaa olaanaatti ce’an dhibeentaa 54 qofaa akka ta’e UNICEF gabaasuun isaa beekameera.  


Sababa adda aaddatiin gargar kutuu baruumsaa hanqisuun barbaachisaa ta’uu isaa kan dubbatan Itiyoophiyaatti daarekteeraa UNICEF kan ta’an Jiyaanfraankoo Rootijiliyaanoo akkanaa jedhan. 


"ganna tokkoo ykn ganna lama yoo baruumsaa addaan kutan , mana baruumsaatti hin deebi’anu. Yemuu umuriin kee waggaa 14 tau’u wareen waggaa 11 fi 12 wajjion teesse barachuun sitti hin tolu. Maatiin iyyeesa. kanaafuu sababa dhiibani itti fufuu hin aragnu. Kanafuu wantii inii umuu danda’u waan dinqisisaadha."


Yemuu buqaa’onii dabalaa deemaa jiran kannatti manneen baruumsaa bakka qubannaatti ijaaraman waan guutaa deemaniif mannoottan baruumsaa dhaabbataa ta’an akka ijaaramuu qaban ogeessonii baruumsaa yaada kennaa jiraachuu isaanii gabbasni Liindaa Giveetaash Godee irraa qindeesite kun ibseera. 


  
1.7K views18:08
திற / கருத்து
2022-02-23 00:16:00 Afrikaa Keessatti Hirmaannaan Raashiyaa Dabaluun Qalbii Biyyoota Lixaa Hawataa Jira  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6454343.html

Humni Sooviiyeet duraanii walta’iinsa dinagdee fi waraanaa Afrikaa keessatti jabeessuudhaan hidhata ishee qalbiidhaan deebistee ijaaraachaa akka jiru gabaasamaa jira.


Tooftaa fi itti gallii ishee qalbii biyyoottan gama lixaas hawataa jira. Dhimma kana irratii gabaasaa VOA qopheesse hordofaa. 




 
334 views21:16
திற / கருத்து
2022-02-23 00:16:00 Hoogganoota ABO Mana-hidhaatti Laguu Nyaataarra Turan Keessaan Kanneen Dhukkubsatan Jiraachuun Himame 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hoogganoota-abo-mana-hidhaajiran-keessaan-dhukkubsachun-himame-/6454311.html

Miseensonii Hoggansa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaatiin hogganamuu kanneen mana hidhaa keessa jiran, ‘Haqa nuuf maluu hin argganne’ jechuudhaan mormii midhaan lagannaa irra turan.


Amma laguu sana kan dhaaban tahus yeroo laguu irra turanitti midhaa qaamaa irra gaheen hoogganoota kana keessaa kanneen dhukubsatan jiraachuu waajjiri Poolisii Magaalaa Buraayuu ibsee jira.


Hidhamtonni kun akka laguu nyaataa dhaaban namoottan kadhachaa turan keessaa Dura taa’aan waldaa Maccaa fi Tuulamaa Obbo Dirribii Damisee Sagalee Ameerkaaf yaada kennaniiru.




 
288 views21:16
திற / கருத்து
2022-02-22 10:53:52 Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaa irraa humna maddisiisuu jalqabuu beeksifte
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaan-hidha-laga-abbayyaa-irraa-humna-maddisiisuu-jalqabuu-beeksifte/6452684.html
2.6K views07:53
திற / கருத்து
2022-02-22 10:53:52 Mootummaan Akka Hojii Argannu Haala Nuuf Miijessuuf Waadaa Seenee Ture Hin Raaw’anne, Jedhu Dargaggoonni Leenji'an Hagi Tokkko 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6452744.html

Ministeerri Nageenyaa Itiyoophiyaa, dargaggoota tola-ooltummaan tajaajilan 3,300 tahan marsaa 3ffaaf leenjisee naannoolee biyyattii adda addaatti bobbaasuu isaa  beeksisee jira. 



Gama biraatiin, dargaggootni marsaa jalqabaa irratti tola-ooltummaan leeniifamanii tajaajila kennaa turan tokko tokko, "ministeerri nageenyaa hojii nuuf mijeessuuf waadaa duraan nuuf seene hin raawwanne" jechuun, komee isaanii Sagalee Ameerikaatti himan.  




 
3.1K views07:53
திற / கருத்து
2022-02-22 10:53:51 Manni Marii Muudama Komishinarootaa Raggaasisee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/manni-marii-muudama-komishinarootaa-raggaasisee-jira/6452568.html

Komiishiinni marii guutuu biyyaa hunda hirmaachisee akka gaggeessuuf labsiin hundeeffamee kan tajaajiilan Komishiinaroota kudha tokko manni maree bakka bu’oota uummataa kan Itiyoophiyaa har’a raggaasisee jira.  


Akkuuma Kanaan kanneen Profeesar Masfin Ar’ayaa walitti qabaa akkasumas  Aaddee Hiruut Gabra sillaasee itti aantuu walitti qabduu komishinicha ta’uun filataman. 


Warrii filataman kudha tokkoon kun, kaadhiimamtoota komiishiinara ta’uun akka tajaajiilaniif namoota dhiyaatanii turan632 keessaa kan filataman yoo ta’u, manni maree muudama namoota kudha tokkoo kana caalmaa sagalee fi kanneen sagalee hin kenniin 5 raggaasisee jira.


Deemsa filannoo kana ilaalchisee miseensoota mana mareef ibsa kan kennan af-yaa’iin mana maree Obbo Taggasaa Caafoo abbotiin Amantii, hawaasnii sivikii, 


hogganoonni paartilee siyaasaa morkitootaa fi maanguddoon biyyaa keessatti hirmaachuu isaanii ibsanii jiru.. 
2.4K views07:53
திற / கருத்து
2022-02-17 07:23:02 Labsiin Yeroo Muddamaa  Kasaamuu Dhaabileen Siyaasaa fi Hayyoonni Akkamitti Laalu?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/labsiin-yeroo-muddamaa-kasaamuu-irratti-yaada/6444920.html

Waraansa Kaaba Itiyoophiyaatti mudatee tureen Manni Maree Bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa baatiii Onkolooleessaa dabree irraa kaasee  labsii yeroo muddamaa baatiilee ja’aaf turu labsuun isaa ni yaadatama. Labsiin kunis biyyattii balaa irraa ittisuuf labsamuu isaa tu himame.  


Manni marichaa yaa’ii ariifachiisaa Guraandhala 8, bara 2014 taa’een labsiin yeroo muddamaa kun akka ka’u yaada murtii dhihaate raggaasiseera. Dhimma kaafamuu labsii yeroo muddamaa kanarratti gabaasaan keenya Mitikkuu Fiqaaduu dhaabbilee siyaasaa fi hayyoota dubbisee jira.


Hordofaa




 
2.7K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-17 07:23:02 Namoonni Labsii Yeroo Muddamaatiin Wal-qabatee Hidhaman Akka Hiikaman, Koomishinni Mirgawwan Namoomaa Itiyoophiyaa  Gaafate  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6444568.html

Labsii yeroo muddamaa kaasamuu hojii irra oolchuun wal qabatee namoonni sadarkaa biyyaatti hidhamanii turan akka hiikaman Koomishiniin Mirgawwan namoomaa Itiyoophiyaa gaafatee jira.


Manni-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa labsii yeroo muddamaa sana kaasuu isaas gochaa gaarii akka tahetti ilaaluu isaa ibsee jira – Koomishinichi.


Kutaa Hordoffii kan Koomishinichaaf daarektara ka tahan – Obbo Misgaanaaw Mulugeetaa dubbisuun gabaasaan Tsahaay Daamxoo gabaasaa qindeessite qabdi. Hordofaa.




 
1.9K views04:23
திற / கருத்து
2022-02-17 07:23:02 Humnootiin Tigraay Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Midhaa Geesiisan Jedhe Amnestiin Gabaasee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/humnootiin-tigraay-naannoo-amaaraa-keessatti-midhaa-geesiisan-amnestiin/6444573.html

Humnootiin Tigraay Bukchiinsa naannoo Amaaraa keessa kan jiran Qobboo fi Cinaa keessatti haleellaan gaggeessan yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti rawwatame ta’u akka danda’uu gareen mirga dhala namaaf falmu Amneestii Intarnaashinaal gabaasee jira.


Ajjechaa, humnaan gudeeddii fi saamiinsii humnootiin Tigraay magaalaalee bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggeessu gabaasii kun hubachisee jira.Dubartoota gudeeeduu fi namoota ajjeesuun qaama wal waraansaa ta’aa dhufuu ibsamee jira.Kana irratti Addi Bilirummaa Uummata Tigraay (ABUT) kallattiin deebii kenne hin qabu.Gabaasa Guutuu Caqasaa.




 
1.6K views04:23
திற / கருத்து